Sa'ud Arabiyaa: Lammilee mana hidhaa Sa’udii keessa jiranirrattti mootummaan maal jedhe?

Lammilee Itoophiyaa Sa'udii keessatti rakkachaa jiran

Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa barbaacha biyyaa bahan yeroo ammaa manneen hidhaa Sa'uudi Arabiiyaa keessatti guddaa rakkachuu himu.

Walwaraansa Yamaniifi weerara koronaavaayirasii keessa darbanii biyya itti baqatan, Sa'uudi, yoo gahan hidhaatti darbamuun isaanii 'waan yakka dalagneef miti orma waan taaneefi' jechuun himatu.

Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis qorannoo dhihoo taasiseen lammiileen hidhattoota Huutiin 'Covid-19' tamsaastu' jedhamuun kanneen du'anillee akka jiran qoratee argatuusaa himeera.

Abdiin tokkichi baqattoonni irraa eegan mootummaa Itoophiyaa yoo ta'u himu. Ta'us, kana dura kan biyyatti akka deebi'an gargaaran alatti deebi'anii akka isaan hin gaafanne dubbatu.

Dhimma lammiilee Itoophiyaa ala jiraniirratti ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Kamisa ganama baaseen adeemsi biyyatti deebisuu sababa Covid-19 gufate jedheera.

Haa ta'u malee, torban dhufu eegalee lammiilee 2,000 Sa'uudiiti baasuuf akka jedhu ibse.

Kana dura garuu Qonsilaan Itoophiyaa Jiddaa jiru hamma weerarri koronaavaayirasii darbutti lammiileen Itoophiyaa hidhaa jiran 'bakkuma jiran akka obsan' gaafatanii turan.

Dhihoommoo Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii mootummaan dhimma lammiilee Sa'uudiii jiranii akka hojjetu himan. Ta'us, baqattoonni birmannaa ariifataa akka taasifamu gaafatu.

Waggoota lamaaf Itoophiyaa keessa konkolaachisaa ta'e kan dalage Abduun* galii wayyoo qau argatee maatii isaa deeggaruuf yaade hiriyyoota isaa waliin karaa Jibuutii gara Yaman kan qaxxaamure.

Galaana diimaa qaxxaamuruuf birrii kuma 25 kanfaleera. Erga ce'ee Yaman gahe boodammoo gara Sa'uudiitti cehuuf Riyaalii 3,500 (gara birrii kuma 35 gahu) kanfaleera.

Yaaddoo cimaa keessa ta'un galaana diimaa akka ce'an kan himu Abduun sababa weerara Civid-19 fi wal-waraansa biyyattii jiruun guyyoota 15'f Yaman taa'anii.

Wal-waraansai Yaman erga eegale bubuleera. Weerarri vaayirasichaa garuu tasa kan dhufeefi Sa'uudii gahanii waan abdatan san dalaganii argachuuf danqaa akka itti tahe dubbata.

Hidhattoonni Huutii Kaaba biyyattii to'atanimmoo inumaa 'vaayirasicha tamsaasaa' jirtu jechuun gara Sa'uudiitti achi dabarsuuf akka isaan yaalan kana dura qorannoon Humaan Raayitis Waach himeera.

Jiraattonni manneen hidhaa Sa'uudi keessa jiraniifi dubbisnees rakkoon sababa kanaan lammiileen lubbuu dhaban akka jiranillee himaniiru.

Yeroo muraasaaf bakka dahatan erga turanii booda bakkichaa gadhiisaa

Kanneen manneen hidhaa keessa jiran garri caalu sababa koronaavaayirasii maqaa dhahuun hidhattoonni Yaman lafa inni to'aterraa kanneen ari'edha.

Jarri Huutii lammiileen Itoophiyaa Yamani akka gadhiisanii Sa'uudi seenan godhu, jarri Sa'uudiimmoo daangaarratti lammiileen Itoophiyaa akka isaanitti seenan dhorkuun gidduutti rakkatani.

Gareen Mirga namaaf falmu Humaan Raayitis Waach qorannoo jalqaba baatii Hagayyaarra baaseen lammiileen Itoophiyaa kumaan lakkaa'aman Kaaba Yamanii baafamuu ibsa.

Kanneen du'an akka jiranillee kanneen hidhaa jiranirraa akka odeeffate ibseera.

Dabalataan, Yamanii ''gara Sa'uudii baqattoonni ari'aman eegdota daangaan rakkoon biraa isaan qunnameera. Kanaanis, muraasni yoo du'an kan dhibbaan lakkaa'aman bakkeewwan Kaaba biyyattiitti baqataniiru,'' jedheera.

Baqattoonni Itoophiyaa Yamanii bahanii gara Sa'uudi Arabiyaa akkuma seenanii weerara koronaavaayirasii hordofee erga hidhaa amma keessa jiranii seenan ji'a jaha ta'uufi.

Baqattoonni Itoophiyaa hedduu lammiilee Itoophiyaa ta'an bakki jiran mana hidhaa osoo hin taane ''si'oolii lafarraatii'' jechun BBC'tti dubbataniiru.

Kanneen hidhaa jiran rakkoo nyaataa, qulqullinaa, walitti baay'achuufi kaan biroo himatu.

Baqataan Itoophiyaa tokko dubbisne manni hidhaa keessa jiran galma 20 ol akka qabu ibsa. Tokko isaa keessa baqattoonni 400'tti tilmaamaman qulqullina gahaa malee hidhamaa jiraachuu himu.

Baqattoota mana hidhaa keessa jiranirraa baqattoonnbi BBC'n dubbise ji'oota muraasaas bakka jiranitti balballi itti cufame ala argani akka hin beekne himu.

Sababa haala rakkisaa keessa jiranirraa kan ka'e rakkoo xinsammuu isaan mudataa jira. Inumaa isaan keessaa ''lamaan of galaafataniiru'' jechuun baqattoonni himaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa manneen hidhaa Sa'uudi keessa jiran hedduu ta'us ji'oota muraasa dura Yamanii baafamanii kana chi seenan meeqa akka ta'an hin beekamu.

Baqattoonni garu hanga kuma afur gahu jechuun tilmaamu. Dubartoonn qofaatti galma biraatti hidhamani.

Haala rakkisaan manneen hidhaa keessatti turuu isaaniin uffanni isaaniirratti dhumee rakkachuu himu. Qulqullinni dhibuu hordofee rakkoo fayyaa gogaaf saaxilamu himu.

Manneen hidhaa keessa daa'immaniifi kanneen ulfa ta'anillee akka jiran dubbatu. Wal'aansa akka argatan taasifamus qorichi kennamuufi garuu kan dhukkubsa isaanii fayyisu miti jechuun komatu.

Dubartoonni akka himanitti itti - gaafatamtoota manneen hidhaaf gara biyya isaanitti akka galchan irra - deddeebiin gaafachuufi ''dhimma kana kan ilaallatu mootummaa biyya keessani'' jedhamuu isaanii baqattuun tokko BBC'tti himteetti.

Sababa kanaafis, waan mootummaan Itoophiyaa isaaniif gochuu danda'u osoo eeganii jiini muraasa darbuu himan.

Mana hidhaa Jiizaan keessatti

Lammii Itoophiyaa dhaabbanni the Telegiraaf jedhamu dubbisee tokko gaabbii amma keessa jiru wayita ibsu, ''Balleessaan kiyya biyyaa bahu kooti. Akka biseensaatti nu ilaalu.

Guyyaa guyyaan reebichatu nurratti raawwatama. Karaan asi bahuun hinjiru taanaan ofiin ajjeesa. Namoonni tokko tokkoos kana raawwataniiru'' jedheera.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Godaansa: Yamanitti hidhattoonni Huutii godaantota Itoophiyaa ajjeesaafi ari'aa jiru

Lammiilee Itoophiyaa Mana Hidhaa Jiizaan keessatti argaman BBCn dubbisees akka jechuun haala keessatti argaman dubbatu:

''Eddoon dhaloota kiyyaa Awaddaayii yoo ta'u, ergan gara kana dhufe waggaa tokko. Ergan mana hidhaa kanan galfamee ammo baatii shan gaheera. Kutaa tokko keessattis dubartoota hedduu taanee jirra.''

Kana malees ''Mana hidhaa kana keessatti rakoo addaatu nu mudataa jira. Bishaan hinargannu, uffata hinqabnu, dhiqachuuf saamunaan hinjiru, walumaa galatti haala keessatti argamnu ibsuuf sammuun kiyya sirriin yaadee sitti himu hindanda'u'' jechuun BBCtti himte.

Baqataan gara biraa dubbisne haalli keessatti argaman baayyee lubbuusaniif yaadeessu ta'u dubbata.

Huseen akka jedhuutti namoonni baatii jahaa hanga baatii torbaa mana hidhaa kana keessaa turan jiru.

''Kutaa tokko keessatti namoota 360 ta'uun jirra. Walumaa galatti namni mana hiidha kana keessatti argamu gara nama kuma shanii ni ta'u'' jedha.

Shamarreen biraa dubbifnee ammo ''dubartoonni ulfaafi daa'imman illeen jiru. Bakki ciisaa hinjiru, bishaan qulqulluu miti.

Dubartoonni ulfaa sababii reebichaatiin ulfi irraa bahee fi kannneen dahanii ijoolleen isaanii bakka gahan hinbeekamne jiru'' jetti.

Itti dabaluunis ''dubartoonni ulfaa dhukkubee mana yaalaa deemuuf gadi bahan waan reebamaniifu, ulfi irraa baha. Hirriiyyaan kiyyaa tokkoos mana yaalaatti erga deesseen booda mucaanshee eessa akka jiru hinbeekamu.

''Yeroo ofi bartu mucaan kiyya eessa jira jettee gaafannaan 'du'eera' jedhaniin'' jechuun shamarreen maqaanshee akka eeramu hinbarbaannee tokko.

Gaaffiin lammiileen kunneen hundi motummaaf dhaaman walfakkaataadha. Innis 'maaloo lubbuudhaan gara biyya keenyaatti nu haa deebiisuu' kan jedhuudha.

Mootummaan maal yaade?

Caamsaa 2017 hanga Bitootessa 2020'tti lammiilee 400,000 Sa'uudi Arabiyaarraa baafneerra kan jedhe Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaan lammiileeshee simachuu diddee hin beektu jechuun ibse.

Haa ta'u malee, lammiilee alaa yeroo galchun qindoomina qaamolee biyya kessaafi alaa garaa garaa gaafata jechuun yeroo fudhatuu akka malu akeeke.

Dabalataan garuu, weerarri koronaavaayirasii akka danqaa ta'e ibseera

Dhimma lammiilee hidhaa jiranii dursa kenneefi hojjetaa akka jiru kan hime ministeerichi, baatii Ebla - Adoolessa bara 2020'tti lammiilee 3,500 Sa'uudiiti baasu beeksiseera.

Haa ta'u malee, lakkoofsi godaantota Itoophiyaa akkaan dabaluun mootummaa Sa'uudillee yaaddessuu isaa ibse.

Ta'us mootummaan Sa'uudi Arabiyaa isaan simachuu hin dhiiifne jechuun isaafiis galata akka qabu mootummaan Itoophiyaa ibsa baasen himeera.

Haa ta'u malee, torban kana Fulbaana 8 eegalee lammiilee 2,000 Sa'uudiiti baasuuf akka jedhu ibseera.

Hojjettonni addatti Imbaasii Itoophiyaa Sa'uudi jiru keessa dhimma baqattootaa akka hordofan akka ramadaman kan ibse ministeerichi, godaantonni rakkoo xiinsammuu garaa garaaf akka saaxilamu danda'an ibseera.

Kunis, imala seeraan alaan adeemuu, harka kanneen isaan imalchiisaniin dararamuu, fi kaan akka jiraachuu malan ibse.

Abdii mootummaa

Guyyaa tokko qondaalli mootummaa tokko Imbaasii irraa deemee biyyatti isaan deebisuuf mootummaan hojjechaa jiraachuu erga itti himee ergasii namni deebi'ee isaan ilaale akka hin jirre dubbatu namoonni kunneen.

Lammiileen Itoophiyaa jireenya fooyyee qabu barbaacha karaa dheeraa fi biyyoota hedduu miilaan qaxxaamuruun karaa sa'uudiitti imalan amma du'aa fi jireenya gidduutti argamu.

Dubartoota Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii keessa jiran keessaa tokko kan taate Masarat ijoolleeshee guddisuu fi maatiiwwan ishee jaaran gargaaruuf jettee maallaqa qabdu hunda baasu himti.

Erga Sa'uudii seentee booda mana hidhaa keessatti wayita of argitu jiruu fi jireenya harkaa baduu dubbatti.

Dubartoonni biroon kutaalee biyyattii garaagaraa keessaa babba'anii ishee waliin jiranis rakkoo walfakkaataa keessa jiraachuu dubbatti Masarat.

Kan yaadanii ba'an hafee mana hidhaatti darbamanii maatiinis abdii kutachuusaanii wayita yaadatan hedduunsaanii sammuunsaanii miidhamee jeeqamaa jiraachuus dubbatti.

Dirree waraanaan raafamaa jirtu, Yaman fi biyyoota Arabaa kaan qaxxamuranii akkasumas weerara koronaavaayirasii dandamatanii wayita bakka ka'aniif, Sa'uudii Arabiyaa, ga'an mana hidhaatti darbamuun guddoo isaan miidhuu himu.

Manni hidhaa ji'oota hedduuf itti hidhaman balfa garaagaraan kan guutame, balfi mana fincaanii akka itti seenuu fi reeffa waliin ija keessa wal ilaalaa akka jiraataa jiran dubbatti Masarat.

Rakkkoo hanqina qulqullinaa fi walirratti heddummaachuurraa kan madde hidhamtoonni hunduu dhukkuba gogaafi fuulli iita'uuf kan saaxilamaniidha jetti Masarat.

Rakkoo hamma kana keessa taa'anii yaalii fayyaa argachuu akka hin dandeenye kan dubbatan hidhamtoonni kunneen, inumaa wayita gaaffii akkasii dhiyeessan eegdota mana hidhaatiin akka garmalee reebaman dubbatu.

Lammiin Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii jiru kan biraan Abduu jedhamu, ''mana hidhaatti kan darbamneef yakka dalagnee osoo hin taane biyya ormaa waan ta'eef.

''Hojjennee jijjiiramna jennee baanee sababa koronaavaayirasiif mana hidhatti nu darban. Rakkoo hamtuutu harkaa nu qaba'' jedhe.

Fedhiin baqattoota kunneenii nagaadhaan gara biyyatti deebi'uudha, kan waadaa galameefis kanuma, garuu kun hin taane.

Haala amma keessa jiraniin garuu baqattoonni kunneen lubbuudhaan maatiisaanii waliin walitti deebi'uuf abdii dhabu himu.

''Mootummaan Sa'uudiis ta'e Itoophiyaa nu dagateera. Kanaafidha rakkoo addunyaarraa isa hamaataa keessa teenyee yeroo keenya kan eeggataa jirruuf,'' Jechuun aariin dubbata Abduun.

Masaratii fi Abduun ammallee abdii hin kutanne, abdiinsaanii inni dhumaa mootummaa Itoophiyaarra jiraachuu dubbatu.

Dararaa kana keessaa ba'anii guyyaa tokko ija maatiisaanii arguuf, abdiisaanii mootummaa Itoophiyaarra kaa'ataniiru.

BBC'n dhimma kanarratti Imbaasii Itoophiyaa Sa'uudii jiru akkasumas minsteera dhimma alaa Itoophiyaa dubbisuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

Dhimma dararaa lammiilee kunneen irra ga'aa jiru ilaalchisee gabaasa barruun biyya Ingiliiz 'Daily Telegraph' jedhamu gabaase hordofee dhaabbata mootummoota gamtoomanii dabalatee dhaabbileen idil addunyaa hedduun Sa'uudii Arabiyaarrati gaaffii kaasuun gocha kana balaaleffataniiru.

Kanarratti mootummaan Sa'uudii karaa Imbaasii isaa Landan jiruu gabaasa barruu kanaaf deebii kenneen mana hidhaa jedhame keessa dhuguma rakkoon akkanaa yoo jiraate akka qoratee sirreessu himeera.

*Nageenya isaaf maqaan kan geeddarame.