Itoophiyaa: Murteewwan maallaqaa ijoo mootummaan Itoophiyaa bara 2012 keessa dabarse

Doolaara Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Riiformii Itoophiyaa keessatti waggoota lamaan dura taasifame turen jijjirama siyaasaatii alattis fooyya'iinsa dinagdee fiduuf yaadameera. Bara 2012 keessa murteewwan ijoo darban maali?

Weerara koronaavaayirasitiin wal qabatee sadarkaa idil - addunyaatti dhiibbaan diinagdeerra gahee olaanaadha.

Bara darbe, 2012, kanattis qaala'iinsi jireenyaa yeroo gara yerootti mudate dhimmoota dinagdee Itoophiyaa keessatti ifatti mulatan keessaa tokko ture.

Kana malees, sharafni alaa haala gabaatiin murtaa'a jedhamuufi baankoonni dhuunfaa sharafa alaa biyya alaarraa akka liiqeeffatan hayyamamuun tarkaanfiiwwan gurguddoo gama dinagdeetiin bara darbee keessa taasifamaniidha.

Qaala'iinsa jireenyaa

Qaala'iinsi jireenyaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufees baatii Fuulbaana hanga Adooleessaa ALI bara 2012tti baatiiwwan jiran 11 keessa haala hir'achuu akka hinagarsiifne ragaan Ejjansii Jidduugala Istaastiksii Itoophiyaa mullisa.

Qaala'iinsi jireenyaa akka hin hir'anneef sababni ijoo walsimuu dhabuu fedhiifi dhiyeessii jidduu jiru guddaa ta'usaa oggeessoonni damee dinagdee irratti walii galu.

Ragaan Ejjansii Jidduugala Istaatistiksiirraa argame akka mul'isutti, qaala'iinsii jireenyaa waliigalaa dhibbantaa 18.6 fi 22.9 jidduutti argama.

Qaala'iinsi gatii nyaataa ammoo dhiibbantaa 20 irraa osoo gadi hin bu'iin tureera. Daballiin gatii nyaataa inni gadaanaan kan galmaa'ee bara 2012 keessa yoo ta'u, innis %20 ture.

Gatiin kunis Bitooteessaa 2012 keess %26.7 gahee ture. Kunis, gatii nyaataa bara kana keessatti garmalee dabalee isa guddaa ture jedhameera.

Qaala'iinsa gatii meeshaalee nyaataan alaa irrrattis yoo ta'e baatiiwwan 11 darban keessa %10.3 hanga %19.7 jidduu akka ture galmaa'eera.

Madda suuraa, Getty Images

Sharafni alaa gabaan haa murtaa'u jedhamu

Dhimmi haaraa bara darbee kana keessaa damee dinagdee irratti taasifame tarkaanfii Baankiin Biyyaaleessaa waggoota sadiin booda gatiin sharafa alaa gabaan ni murtaa'a jechuusaati.

Baankichis fedhii sharafa alaa bu'ura godhachuun gatii birrii haala gabaatiin taasisuun barbaachisaadha jedheera.

Kanaanis, Itoophiyaan waggoota sadii keessatti birrii gara gatii sharafaa gabaarratti bu'uurreeffatee (floating currency system) akka ceetu dhuma baatii Adooleessaarra ibse.

Gatiin birrii amma kan ta'u qabuun ol akka ta'ee kan himamu wayita ta'u, kunis wayita gara sirna gabaa sharafni haala gabaatiin murtaa'utti wayita ce'amuuttis gatii birri kan ammaa irraa gadi bu'u akka danda'u himu ogeessonni damee kanaa.

Kana jechuunis garaa garummaan birriifi dolaara jidduu jiruu akka bal'atu yaadama.

Oggeessoonni dinagdee BBC'n dubbise akka jedhaniitti, dhimmi sharafni alaa haala gabaatiin murtaa'urratti waliigalu. Garuu, adeemsichi suuta suutaan hojiirra oolfamu akka qabaatu gorsu.

Gatiin birrii haala gabaatiin kan murtaa'uu wayita ta'uutti garaa garummaan birrii maallaqa biyya biraa waliin qabaatu akka ballatu oggeessoonni kunneen ni dubbatu.

Fakkeenyaaf doolaarri Ameerikaa tokkoo birrii 35tti kan geeddaramu yoo ta'e, osoo tilmaama gabaa sirriin jedhamee tarii birri 45 qaqqabuu akka danda'u himu. Kunis, qalaa'iinsa gatii hordofsiisuu danda'a jedhamee sodaatama.

Gama biraatiin, ammoo wayita ammaa kanatti birriin gatii olaanaa isaaf maluun ol akka qabu oggeessoonni dinagdee ni dubbatu.

Baankoonni sharafa alaa akka liqeeffatan hayyamamu

Qajeelfammoota Baankiin Biyyaaleessa torbaniin dura ifa taasisee ture keessaa tokko baankiiwwan dhuunfaa yeroo barbaadaniitti sharafa liqeeffachu ni danda'u kan jedhu ni argama.

Murteen baankichaa kunis Itoophiyaan haala bulchiinsaa sharafa alaa ishee laaffisaa akka dhufte kan mullisuudha jedhameera.

Baankoonni sharafa biyyaa alaarraa liiqeeffachuu akka danda'an hayyamuun qaamoolee al ergiirratti bobba'aniif carraa gaarii akka kennuuf dubbatamaa jira.

Akkasumas murte kuni invastimantii alaa kallattiin akka cimuuf gumaataa olaanaa taasisa jedhameera.

Invastaroonni biyya alaa biyya tokkootti invasti gochuuf kaka'usaanitiin dura biyya itti invasti taasisan keessaa haalli mijataan kan akka sharafa alaa gahaan jiraaachu dursanii mirkanneeffatu.

Biyya Itoophiyaa hir'inni sharafni alaa olaanaan keessatti mullatuutti karaan ittiin sharafa alaa argamu kan biraa jiraachuun carraa gaarii akka ta'u ni tilmaamu oggeessoonni damee kanaa.

Gama biraatiin, ammoo baankoonni maallaqa sharafa alaatiin liqeeffatan dhalasaa waliin sharafa alaatiin akka kanfalan ni taasifama.

Ta'us, tilmaamni jijjirraa wayita jijijjiiramutti baankoota biyya keessaa irratti dhiibbaa taasisuu ni danda'a jedhameera.