Qoccollaa saalaa: Qajeelfama ijoollee haleellaa saal-quunnamtii irraa tiksuuf qophaa'ee maal qabateera?

Qajeelfama Kalalaa

Madda suuraa, Kelala

Ibsa waa'ee suuraa,

Qajeelfama Kalalaa

Waggaa Sadii dura Salaam Museefi hiriyyonni ishee lama yeroo boqonnaa isaanitti buna waliin dhuguuf wal argan. Bellamni isaanii kaaffee yeroo mara itti wal-arganitti ture.

Oduu keessa waa’ee jireenya jaalalaa isaanii haasa’uu eegalani. Isheen tokko tasa haasaa keessa ijoollummaa irraa eegale dhiirootiin mana isaanii keessa turan haleellaa saal-quunnamtii akka ishee irraa gessisaa turan himte.

Sana booda mata dureen haasaa isaanii ni geeddarame. Haasaa baacoofi kolfaan guutee ture keessa sodaafi qaaniin seene.

Kana dhagahuun Salaamiin ajaa’ibsiiseera. Yeroo huddaa hiriyyaanshee wa’ee haleellaa dubartootarra ga’uufi walqixxummaa haasoftu wa’ee haleella ofiisheerra ga’e haasa’uuf yeroo qaanoftu arguunsee qalbii ishee fudhate.

Hiriyyoota ishee irraa adda baate erga mana geessee booda hiriyyaashee ishee biraa irraa ergaan bilbilaa ga’eeni. Hiriyyaashee irra daddeebiin durbiin ishee haleellaa saalaa irra ga’eera.

Miiseensa maatiishee dhiyoo jirtutti himmattus qaanii irraa kan olchuun hin turre.

Kana dhaga’uunshee Salaamitti gaaffii hedduu uumeera. Dubaroota hammamiitu ijoollummaa isaaniitti haleellaan saalaa irra ga’e? Namoota meeqatu wanta dubaroota kanarra ga’e dhaga’anii homaa osoo hin godhiin darbanii?

Seenaa hirriyyoota ishee kanaa eeyyama isaaniin Feesbuukii gubbaatti erga maxxansite booda namootni hedduun dhuunfaa isheetti ergaa barreessaniifi.

Sana booda isheefi hiriyyoonnishee waa gochuuf walitti qabamani.

Namoota haleellaan saal-quunnamtii irra ga’uuf da’oo ta’uuf waan waliitti qabamaniif maqaa kitaaba qajeelfamaa kana Kalalaa jechuun itti moggaasani.

Kanumaan Kalalaan waggaa sadii booda karaa miidiyaalee hawaassummaafi marsariitiin dhiyaatte.

Haleellaan fagoorra hindhufu

Madda suuraa, Kalalaa

Hawaasni yeroo baayyee haleellaa saalaa kan geessisu nama fagoo akka ta’etti yaadu jetti Salaam Musee.

Raadiyoofi TV irratti diraamaaleen mul’atan asoosamoota kitaaba irratti ba’an irratti kan hubannu namootni miidhaa geessissan fagooti akka dhufanidha.

Kanarallee yoo darbe nama hawaasa keessatti simatama hin qabne, nama hamaa jedhamutu miidhaa gessissa kan jedhuun fakkeenya ilaalla ykn dubbifna.

Dhugaan jiru garuu kanarra kan fagaatedha.

Yeroo hedduu haleellaa saalaas ta’e, gudeeddi da’immanis ta’e, ga’eessotarra kan gessisan namoota dhiyootti beekan ykn itti siqan akka ta’e Salaam ni himti.

Keessumaa daa’imman irra miidhaa kan geessisan, namoota kireeffatanii moora keessa jiraatan, miseensa maatiifi firoottan ta’uu ibsuun kun ammoo haleellaan ga’u ukkaamame akka hafu akka taasisu ibsiti.

Caalatti haasa’amuu hafuun isaa rakkoon kun akka hin jirreetti akka nutti dhaga’amu taasisa jetti.

Ijoollummaatti haleellaan saalaa yeroo ga’u, namootni haleellaa kana geessisan dorsiisaanis ta’e, malaan da’iimman nama biraatti akka hin himne amansiisuun haleellaan kun osoo hin himamiin akka hafu taasisuu ibsiti.

“Aadaa keenya keessatti dhimmoota akkanaa haasa’uuf bilisummaan waan hin jirreef haleellaa akkanaaf daa’imman waan jedhan hin beekani,” kan jettu Salaam “Ebeluun akkana na godhe, iddoo akkanaatti kana narratti geessise, akkana na xuqe” jechuuf akka isaan rakkisu himti.

Maatiin, guddiftoonni akkasumas barsiisonni gaffilee akkanaa ibsanii hubachiisuuf kan gargaaru afaan dhibuu isaa himti.

Kana qofa osoo hin taane gama kamiinuu haala kamiinu barsiisuuf malli akka hin jirre Salaam ni ibsiti

'Kalalaan' kanaaf deebiidha?

Hanqinni kun jiraachuun isaa da’imman haleellaan akkanaa yeroo irra ga’u akka hin himannee akka taasisu, wa’een da’iimmanni nu ilaallat qamoolee jedhaniif, maatiif, guddiftootaafi barsiisotaaf dhimmoota kana barsiisuuf, haleellaa kana dursanii akka ittisaan barsiisuuf mala dhabu.

Yeroo hedduu haleellaan yeroo ga’u daa’imman mallattoo agarasiisan qabu kan jettu Salaam, ta’us garuu mallattoon kunneen namuu dursee waan hin hubanneef, haleellaa daa’imman kanarra ga’e beekee gargaarufi tarkaanfii fudhachuuf ni rakkisa jetti.

Kanaaf qaawwa kana duuchuuf Kalalaan qophaa’uu isaa BBCtti himteetti.

Bara 2010tti namootni dalagaa adda addaa irra jiran walitti qabamanii rakkoo hawaasa keessatti hundee jabeeffatanii jiran loluuf yaadota gargaaraniif marsariitii uumuuf yaada tokkorratti walii galan.

Tola ooltotni kun hojii isaani jalqabaa ‘Kalalaa Ijoolleef’, maatiif, ogeessota seeraafi barsiisotaaf haala salphaan qopheessuun hojii eegalani.

Isaanis ogeessota xiinsammuu, ogeessota seeraa waliin ta’uun qajeelfama kana barreessuu isaanii Salaam ibsiteetti.

Dhimmi kun kallattiin ogeessota kana ilaallata kan jettu Salaam, hojiin kun waggaa lama kan fudhate hojii tola ooltummaan dalagamu waan ta’eefi jetti.

Qajeelfamni Kalalaa kun marsariitii, Telgiraamii, Feesbuukiifi Tiwiitara irratti argachuun akka danda’amu himuun ammatti maxxansamee raabsamuun akka hin jalqabamne himteetti.

Madda suuraa, Kelela

Kalalaafi yaadasaa

Kaayyoon Kalalaa rakkoo hawaasaa keessatti hundee gadi fageeffatan loluuf, sirna rakkoolee kun akka itti fuufan godhaniifi hammeessan loluudha.

Kana jalatti haleellaawwan saalaa akkasumas wal-qixxummaa dubartootaa dabalatee hubannoo uumuufi jijjiramaa bu’uraa hojii fiduu danda’an hojachuuf walitti qabamuu isaanii himti.

Kalalaan Afaan Oromoo, Tigrriffaafi Ingiliffaanis kan qophaa’ee yoo ta’u kana boodas, Affaarriffaa fi Somaaliffaan qajeelfamoonni akka ba’an BBCf ibsiteetti. Namoota dubbisuu hin dandeenyeef ammoo sagaleen qopheessuutti akka jiran dubbatteetti.

Qajeelfama kana Ingiliffaan qopheessun kan barbaachiseef Keeniyaa, Angoolaa fi Afrikaa Kibbaa keessatti qajeelfamicha fayyadamuuf fedhiin waan jiruufi jetti.

Kalalaan maal of keessatti qabata?

Kalalaan walumaagalatti maalummaa haleellaa saal-quunnamtii daa’imman irra ga’u, namootni haleellaa qaqqabsiisan eenyu, ijoolleen erga haleellaan irra ga’ee booda mallatoolee isaan agarsiisuu danda’an gadi fageenyaan of keessatti qabata.

Akkasumas haleellaa kana akkamiin ittisuun akka danda’amu ibsuun erga qaqqabee immoo maal gochuun akka irra jiraatu bal’inaan akka hammatu ibsiteetti.

Qajeelfama Kalaalaa keessatti kutaalee seera ilaallatan barreessuu irratti kan himaatte ogeettiin seeraa Akliil Salamoon ammoo qajeelfama kanarratti dhimmi seeraa akka xiyyeefamuuf kan barbaadan miidhamtoota adeemsa seeraa barsiisuuf akka ta’e dubbatti.

Qajeelfama kanaratti miidhamtoonni akkamiin ragaan mana yaalaa fudhatama? Eenyutu fudhata? Eessa geeffama dhimmoota jedhan keessa jirraachuu ibsiteetti. Adeemsa qorannoo hanga murtee mana murtii of keessa akka qabu himti.

Ijoolleen haleellaan irra ga’eerraa odeeffannoo yeroo fudhatamu maal godhamuun akka irra jiraatu, maatiin maal goochuu qabu kan jedhu qajeelfamicha keessa jiraachuu kan himtu ogeettiin seeraa kun nama haleellaa irraan gahe waliin wal-arguun akka irra hin jirranne, gargaarsa xiinsammuu argachuun mirga isaanii akka ta’eefi dhimmoota biraas of keessatti qabachuu isaa ibsiti.

Adeemsa seeraa qajeelfama kanaratti ibsame kana hubachuun yoo itti cime namootni miidiyaalee hawaasummaa irratti gaaffii dhiyeessuu akka danda’aniifi isaanis deebii akka kennan dubbatteetti.