Manni jireenyaa qabsooftuu mirga namoomaa beekamtuu Roozaa Paarkis agarsiisaaf dhiyaate

Mana Roozaa Paarkis

Madda suuraa, EPA

Ameerikaa keessatti baroota 1950n fi 1960n keessa sochii qabsoo mirgoota gur'aachotaa keessatti maqaan ishee guddaa ture, Roozaa Paarkis.

Tibba kana manni jireenyaashee Xaaliyaan Neeppaalsi Rooyaal Palaas keessatti agarsiisaaf dhiyaateera.

Roozaa Paarkis gocha gootummaa bara 1955 kutaa bulchiinsa Alabaamaa keessatti raawwatteen yaadatamti.

Osoo hojiidhaa gara manaa galaa jirtuu teessuma awutoobusaa irra teessee jirturraa akka warra adiif kaatu gaafatamtu diduun seenaa hojjetteetti.

Kanarraa ka'uudhaanis dhiibbaafi ajjeesuudhaaf sodaachisa leellisoota ol-aantummaa adii warra Ameerikaarraa irraa ga'u jalaa baqachuudhaan bakka jiraataa turte Mengomarii irraa gara Michigaanitti jijjiirrattee turte.

Michigaan keessaa bakka Diitirooyit jedhamu keessa firoota ishee waliin mana mukarraa/saanqaarraa ijaarame keessa jiraachaa turte.

Manni Roozaa Paarkis keessa jiraachaa turte sun falmii seeraa hedduun booda Ameerikaatii gara Xaaliyaan geeffamuun yeroo ammaa namootaan daawwatamaa jira.

Kongirasiin Ameerikaa Roozaa Paarkisiin, "Giifti-duree mirgoota warra gur'aachaa," jechuun dinqisiifata.

Bara sana, Sadaasa 1, 1955 kutaa bulchiinsa Alabaamaa magaalaa Mengomerii keessatti awutoobusii keessatti nama adiitiif teessumarraa ka'uufii diduu isheetiin hidhamtee turte.

Mormii isheen qabsiifte ture kan qabsoon Maartiin Luuter Kiing Juuniyeer dursanii diddaa awutoobusii kakaase.

Mormiin karaa nagaa sun warri gur'aachaa yeroo manaa gara bakka hojii deemanis ta'e yeroo hojiitii gara manaatti deeman awutoobusii akka hin fayyadamne gochuun miillaan ykn filannoo biroo akka fayyadaman taasisee ture.

Mormiin sunis bu'aa buusee abbootiin qabeenyaa akka kasaaran taasisee ture.

Waggaa tokkoon booda manni murtii teessuma awutoobusii warra adiitiif gadhiisuun faallaa heera mootummaati jechuun murtoo dabarse. Kun ammoo Ameerikaa keessatti qabsoo loogii sanyiirratti hundaa'e keessatti taatee bu'aa guddaa argamsiise ture.

Madda suuraa, Getty Images

Mana Roozaa Paarkis keessa jiraataa turte sana bara 2008 keessa Manni Qopheessaa Magaalaa Diitirooyit misoomaaf jecha diiguuf ture.

Haata'u malee intalli obboleessa Roozaa Paarkis Rohii Makaalii mana sana Dolaara 500n bittee Artist Raayaan Mendooziif bifa kennaatiin dabarsiteetti.

Artist Raayaan gama isaatiin manichi akka hin diigamneef sochii taasisulleen waan hin milkoofneef mana jireenyaa sana gariin buqqisee bara 2016 gara Barliin geessuudhaan istuudiyoo ofii isaa keessaatti uummanni akka daawwatu taasiseera.

Bara 2018 keessa Yunvarsiitiin Rood Ayilaand Biroowun manicha agarsiisaaf dhiyeessuuf ibsee ture. Ta'us garuu mormii seeraa maatii Roozaa Paarkisirraa dhiyaateen yaadni sun osoo hin milkaa'iin hafeera.

Dhuma irratti Artistichi bakka duraan keessa hojjechaa ture Faawundeeshinii Mooraa Giriikoo waliin hariiroo uumuudhaan manichi Xaaliyaan Neeppilsi Rooyaal Palaas keessatti akka agarsiisaaf dhiyaatu taasiseera.

Agarsiisa sana irratti muuziqaan tokko irra deddeebiyuudhaan daqiiqaa 8 fi sekondii 46 akka dhaga'amu taasifameera. Kun ammoo Caamsaa darbe kan poolisiin adii mormarra ejjechuun ajjeese Joorj Filooyidiin yaadachuudhaaf ture.

Joorji Filyood "hafuura baafachuu hin danda'u" osoo jedhuu mormi isaa poolisii adii sanaan daqiiqaa 8 fi sekondii 46 hudhamee ture kan du'e.

Erga Joorji Filooyid ajjeefamee booda ajjeechaan sanyummaa bakka gara garaatti dhaga'amaa kan jiran ta'us qabsoon warri gur'aachaa bilisummaafi walqixxummaaf taasian dadammaqaa jira.

Poolisiin adii morma Joorji Filooyidirra ejjetee ajjeese Deerik Cooviin torban darbe mana murtitti dhiyaatee ture.