UAE naannichatti akkamiin biyya irree cimsatte taate?

Madda suuraa, AFP
Loltuu Yaman fakkii hundeessaa UAE, Sheek Zaayid Al Naahiyaan biratti mu'atu
Barrii 2020 Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE)'f bara gaarii ture jechuutu danda’ama. Biyya xiqqoo garuu badhaatuufi biyya galoo galaanaa kaayyoo karoora guddaa qabattedha.
Bara kanatti ergama qorannoof rokkeetti gara Maarsitti deeggarsa Ameerikaatiin furguggisuu dandeesseetti.
Kana malees, waliigaltee nageenyaa seena qabeessa jedhame Israa’el wajjin kan tolfatte bara kana keessa.
Biyyattiin weerarri koronaavaayirasii akkan otoo itti hin hammaatiin ga’uumsaan to’achuurraa darbitee dur biyyatti kan bulchaa turte UK’f meeshaalee of - eggannoo xiyyaaraan feetee deeggarteetti.
UAE naannichatti humna horattus, dhimmoota tarsiimoo naannicharratti garuu Turkii wajjin morkii jabduu keessa seenteetti.
Keessattu biyyoota akka Yaman, Somaaliyaa fi Libiyaatti dhiibbaa uumuuf akka jabduu wal morkachutti ce’aniiru.
Biyyattiin bara dhuftu ganna 50ffaa yeroo birmadummaa itti gonfatte wayita ayyaaneeffattu qoodni addunyaarratti qabdu akkamitti ilaalama, eenyutu duuba jira laata?
Biyyoota Arabaa keessaa NATO gargaaruuf UAE’n biyya jalqaba waraana bobbaaste ta’uudhaan beekamti. Yeroon isaammoo bara 1999 waraanni daangaa Albaaniyaa- Kosovoo irratti wayita hammaate ture.
Bara sanatti Sheek Mohaammad Biin Zaayid, akkaadaamii leenjii loltummaa waraana Biriitish keessatti kan leenji’aniitu waraana biyyatti qooda gaggeessuu duuba ture.
Kaampii UAE’n daangaa Albaaniyaa- Kosovootti ijaarte kun birgeeedii loltootaa, imaamota, waldaa baatii diimaa biyyattii, injinaroota telekoomii fa’aa kan of keessaa qabu ture. Xiyyaaroonni biyyattis achii deddeebi’aa turan.
Sheek Mohaammad Biin Zeeyid bara sanattuu Faransaayii wajjin michoomuu kaasuun taankiwwan 400 irraa bituuf waliigalaniiru, Faransayimmoo loltoota UAE Faransaayitti leenjisuun Kosovootti bobbaasuuf waliigaluus dubbatanii turani.
UAE’n biyya fiixee biyyoota Balkaanitti argamtu fi magaalaa Abu Daabiirraa 3,200km fagaattutti loltoota erguun fedhiin biyyattin qabdu ulaa galoo galaana Gaalfirra qaxxaamuree fagoo kan imalee ta’uu kan mul’isellee ture.
‘Ispaartaa xiqqoo’
Hogganaan duraanii waraana Ameerikaa Jiim Maatis biyyattii maqaa masoo 'Little Sparta' ykn ‘Ispaartaa xiqqoo’ jedhanii UAE’n waamu ture.
Maqaan kun biyya waa’een ishii hedduu hin beekamne garuu jabduu ta’uushii ibsuuf ture.
Ilmii mootii UAE Mohaammad Biin Zeeyid yeroo bara waraana Afgaanstaanitti NATO cina hiriiruun Taalibaan qoqqqobuuf yeroo dheeraa hin fudhanne turan.
Afgaanistaanitti battala Taalibaan aangoorra buufameetti dirreewwaan lolli itti hammaate Helmaanditti loltoota Biritish cinaa hiriirsuun loltoonni UAE lolatti hirmaataniiru.
BBC Africa Eye: UAE'n haleellaa diroonii Liibiyaa keessaa harka qabaachuun ifoome
Ashaaraan UAE xiqqaa ta’us, hawaasni loltoota NATO sirriitti hidhatanii naannichatti bobbafaman akka hedduu hin shakkineef, UAE’n tajaajila bishaan dhugaatii maallaqaan deeggaruu fi gama amantiinis hawaasa naannoof deeggarsa kennaa turte.
UAE’n Yamatti maqaa gaarii dhabde
Walwaraansa Yamanitti bara 2015 hammaate keessatti UAE’n xiyyaarota F-16 erguun Sa’ud Arabiyaa cinaa hiriirtee hidhattoota Huuti haleelaa turte. Kana malees, Kibba biyyattiitti loltootas ergitee turte.
Waraana Yamanitti waggoota ja’aa lakkoofsisuutti jiru keessatti garuu eenyu akka injifate ifatti hin beekamu, hidhattoonni Huutis magaalaa guddoo biyyattii Sana'aa fi kutaalee biroollee harkatti galfataniiru.
Haleellaa misaayilaa tokkichaanuu loltoonni UAE miidhamanii gadda guyyaa sadiitu biyyattii keessatti labsamee ture.
Maqaa gaariin biyyattii bade, dhaabbileen mirga namoomaaf falmaniis biyyattin namoota hidhaman koontenaraa keessatti itti cufuun ho’arraa kan ka’e akka du’anillee gabaasaa turaniiru.
Hariiroo michummaa Israa’el wajjin
UAE’n waraana Yaman keessatti hirmaachuu hir’iftus, dhiibbaa Turkiin naannichatti uumtu dura goruuf yaalutti jirti.
Turkiin magaalaa guddoo Somaaliyaatti mumul’achutti jabaannaan, UAE’n garuu Somaalilaand akka biyyattirra cittu deeggaruun maadhee waraana Barbaraa (Gulf of Aden)'tti ijaarratte.
Liibiyaa keesssattis UAE’n Raashiyaa fi Masrii wajjiin ta’uun jeneraal Kalifaa Hafxaar wayita Baha biyyatti keessatti deeggaran, Lixa biyyatti keessattimmoo Turkii, Quwaataari fi biyyoonni biroon gartuu faallaasaanii deeggaruutti jiru.
Hariiroon Turkii fi UAE shaakala waraanaa UAE’n Giriik wajjiin shaakalte booda galaana Meedetiraaniyaanirratti gara waraanatti geeddaramuu mala jedhame yaadamee ture.

Madda suuraa, Frank Gardner
Hojjettoota dhaabbata gargaarsa namoomaa UAE, Yamanitti
Otoon hin turiin garuu UAE’n hariiroo michummaa Israa’el wajjin akka deebisuuf jiran dhaga’ame.
Biyyoonni lamaanuu kun Iraan akka diinaatti kan lakkaa’an wayita ta’u, Turkii fi Paalisteenonni garuu UAE hawwii Paalisteenoonni biyya walabaa taatee ijaarrachuuf qaban gufachiiste jedhanii balaaleffannaatti deebi’ani.
Ergama Maarsii
UAE’n biyyoota Arabootaa keessa biyya ergama qorannoo Maarsii irratti taasifamutti hirmaachuun milkoofte taateetti.
Deeggarsa Ameerikaatiin xiyyaarri samii UAE odola Jaappaanirraa gara samiitti furguggifamteetti.
Xiyyaarittiin kilomeetira miliyoona 495 erga imaltee booda baatii Guraandhala keessa Maarsiirra qubatti jedhameera.