Hambaa Afriikaa jaha sababa jijjiirama qilleensaa yaaddoo jala jiran

Jeenee,Maalii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Jeenee, Maalii

Jijjiiramni qilleensaa ammatti mudataa jiru hambaalee aadaa ardichaarratti dhiibbaa guddaa uumuu danda'a jedha qorannoon dhiheenya taasifame.

Qorattoonni UK, Keeniyaa fi US hambaalee kanneen eeguuf "tarkaanfiin jabaan" fudhatamuu qaba jedhu.

Arkiyooloojistoonni Sudaan lolaa dhiheenya kana laga Abbayyaa irraa gara bakkeewwan aadaa UN'n galmaa'anitti lola'e dhiibbaa akka hin uumneefi lolaa san dhaabsisuuf yaalii taasisaa jiru.

Lolaan laga kanaarraa dhufu waggaa waggaadhaan kan guddatu ta'us, namoonni naannoo kanatti hojjatan saffisa bishaanii hamma kanaa arganii hin beekan.

Su'aakiin, Sudaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Su'aakiin, Sudaan

Su'aakiin kaaba-baha Sudaanitti kan argamu yoo ta'u, yeroo tokkotti Galaanaa Diimaarratti buufata baay'ee barbaachisaa ture.

Seenaansaa waggoota 3,000 dura jalqabe, kunis yeroo warroonni Fara'onnonni Masrii buufata kana karra daldalaa fi abuurraa godhanitti.

Su'aakiin jiddu gala Musliimonni Hajjidhaaf gara Makkaa ittiin deemanii akkasumas daldala garbaa gama Galaanaa Diimaatiin taasifamaa ture keessatti gahee ol'aanaa qaba ture.

UK Yuunivarsiitii Baha Angiliyaatti piroofeesara kan ta'an Jo'aani Kilaarki yeroo ammaatti saffisa miidhaa dabaluu sirii galaanaatiin gahaa jiruu fi dhiqamuu biyyeen dhufaa jiru irratti qorannoo taasisaa jiru.

"Wanti amma beeknu Gaalaanni Diimaan waggoota dhufanitti miidhaa geessisudha, kana jechuun hambaaleen kanneeniif eegumsi hin godhamu yoo ta'e dhabamuu danda'u," jedhu.

Magaalaa Lamuu, Keeniyaa

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaan Laamuun Afrikaa Bahaatti magaalaa umurii dheeraa qabduu fi haalaan kunuunfamtedha jedha Unesco'n.

Magaalaan Laamuun umrii waggoota 700 qabdi. Dabalataanis Unesco'n wirtuu qorannoo Islaamaa fi aadaa Siwaahilii taateetti jedha.

Ta'us garuu Laamuun "bishaaniin haalaan miidhamteetti," jechuunis kunuunsa uumamaa biyyee fi biqiltootarraa argattu hin qabdu jechudha.

Kunis gama tokkoon sababa jijjiirama qilleensaatii, inni kaan ammoo jedhu Piroofeesar Kileerki, ijaarsi buufataa kaaba magaalatiitti taasifamu akka magaalattiin lolaadhaan miidhamtuuf sababa ta'eera.

Bakkeewwan qarqara bishaanii, Odola Koomoroos

Madda suuraa, Getty Images

Koomoroos Afrikaa bahaatti qarqara bishaanitti odola argamtuudha. Ta'us garuu bakkeewwan heddu jijjiirama qilleensaatiin "miidhaman" keessaa tokko jedhu Piroofeesar Kilaarki.

Akka gabaasa qorannootti "qarqaroonni bishaanii Afrikaa hedduu bara 2100'tti ni miidhamu."

"Bara 2050'tti Giiniin, Gambiyaan, Naayijeeriyaan, Toogoon, Beeniin, Koongoon, Tuuniziyaan, Taanzaaniyaan akkasumas Koomoroos dhiqama biyyeetiinii fi jijjiirama qilleensaatiin haalaan miidhamu."

Gamoowwan qarqar bishaanii, Gaanaa

Madda suuraa, Getty Images

Qarqarri bishaanii Gaanaa jidduu bara 1482 fi 1786'tti kan hundeeffamte yoo taatu, hamma qarqara bishaaniitti km500 dheeratti.

Gamoowwan kunneen yeroo garagaraatti daldaltoota Poorchugaal, Ispeen, Deenmaark, Iswiidin, Hoolaand, Jarmanii fi UK'n kan ijaaramanii fi to'atamanidha.

Ijaarsi kunis daldala warqee keessatti gahee ol'aanaa taphateera, boodaras guddinnaa fi kufaatii daldala garbaa Afrikaa fi Ameerikaa jiddutti taasifame keessattis gahee olaanaa qabdi ture.

Piroofeesar Kileerki gamoowwan baha Gaanaatti argaman akka Pireenzeensteeyin "galaanaan dhiqamuusaanii" fakkeenya kaasu.

Suuraa ammaa fi kan waggoota 50 dura kaafame wal bira qabuun garaagarummaa jiru arguun ni danda'a jedhu.

Ogummaa dhagaa 'Twyfelfontein', Naamibiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

'Twyfelfontein'

Jijjiiramni qilleensaa bakkeewwan gogaa ta'an irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira. Twyfelfontein Naamibiyaatti argamu iddoo Afriikaa keessaa iddoo ogummaan dhagaa baay'innaan itti argamuudha.

Unesco'n akka jedhutti " fakkii qulqullina guddaa qabudha" Afrikaa Kibbaatti sirnaalee yeroos taasifamaa turan akkasumas adamoo ture haalaan mul'isuudha.

Iddoo taateen waggoota 2,000 dura raawwataman haalan kan ibsuudha jedha Unesco'n. Ta'us garuu waggoota dhihoo keessatti dhabamuu danda'u.

Deenee, Maalii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Masjiida Jeenee keessatti ijaarame

Manneen dhoqqeerraa waggoota 2,000 dura ijaaraman wantoota Maaliin beekamtii akka agartu taasisan keessaa tokkodha. Jaarraa 15ffaa fi 16ffaa keessatti Afrikaa Lixaa keessatti wirtuu Islaamaa ture.

Ta'us garuu jijjiiramni qilleensaa dhoqqee jiraattonni duraaniin manneen kanneen ittiin ijaaran akka dhaban isaan taasiseera.

Piroofeesar Kileerki jijjiiramni qilleensaa dhiibbaa guddaa geessisuu danda'a jedhu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Manneen Jeenee keessatti argaman