Hojjettuu manaa dureessa hidhaan ishee adabsiise ol iyyattee bilisa of baaste

Paarti Liyaaniifi Obbo Liiw Mun kan isheen waggoota dheeraaf dalagaafi turte

Madda suuraa, Parti Liyani/Getty

Ibsa waa'ee suuraa,

Paarti Liyaaniifi Obbo Liiw Mun kan isheen waggoota dheeraaf dalagaafi turte

Hojjettuu manaa lammii Indooneeziyaa maatii dureeyyii Singaapooriif hojjechuun ji’atti doolaara 600 argattu dha.

Namni ishee qacare abbaa dhaabota daldalaa Singaapoor gurguddooti.

Gaaf tokko maatiinsaa waa hatte jedhanii poolisiitti ishee himatan. Sana booda himannaan hanna meeshaalee kan akka korojoo harkaafi DVD mana murtiitti gaafa banamu xiyyeeffannoo argatee ture

Jalqaba ji’a kanaatti garuu Paarti Liyaan bilisa baate.

‘’Amma bilisa bahuu kootti gammadeera, ‘’ waggaa afuriif lola kana lolaan bahe,’’ jette.

Haa tahu malee, dhimmishee Singaapoor keessatti haqa argachuu irratti gaaffii kaase.

Paartiin jalqaba Liiw Muun Liwoong bara 2007'tti ture kan hojjechuu jalqabde. Mana sana keessa miseensota maatii dabalatee mucaansaa Kaarl ni jiraata.

Bara 2016tti Kaarl Liiw fi maatiinsaa manaa bahanii iddoo biraa jiraachuu jalqaban.

Ragaan mana murtii Paartiin irra deddeebiin mana jireenyaa fi waajjira Kaarl akka qulqulleessituuf gaafatamti jedha. Kunimmoo seera hojjetaa biyyattii cabsuu agarsiisa.

Ji’oota muraasa booda maatiin Liiwiin hannaan ishee shakkanii hojii isheerraa ishee ari’an.

Yeroo Kaarl akka ari’amte itti himu ‘maaliif akka na ariitu beeka gatiin mana fincaanii kee qulqulleessuu dideefi,’’ jetteenii turte.

Waan qabdu akka walitti qabduuf sa’aa lama qofa kennaniif guyyuma sana Indooneeziyaatti deebite.

Gaafas qondaalota Singaapooritti mana Kaarl akka qulqulleesitu akka hin himne dorsifamuu himatti.

Maatiin Liiw sanduuqa qabeenya ishee keessa keewwatte yoo sakatta’an meeshaalee isaanii akka argatan himu. Kanaanis poolisii biratti himannaa banan.

Paartiin waanin beeku tokkollee hin jiru jette - hanga Singaapooritti deebitee hojii haaraa yeroo barbaaddu poolisiin to’atamtutti jechuu dha.

Himannaarra waan turteef hojii hojjechuu hin dandeessu kanaaf dahoo godaantotaa keessa turte, jireenyi ishees deeggarsa argattu irratti kan hirkate ture.

Paartiin wayyaa dabalatee meeshaalee qananii 115 ol hatuun himatamte. Meeshaaleen hatte jedhame doolaara 34,000 ol akka baasu dha kan himame.

Yeroo dhaddachatti dhiyaattu meeshaalee kunneen akka hin hanneefi sanquuda koo keessas homaa hin keenye jette.

Bara 2019'tti manni murtii naannichaa hidhaa waggaa lamaaf ji’a lamaan ishee adabe.

Baatii tokko dura hanga manni murtii olaanaa Singaapoor bilisa ishee baasuutti ol iyyachaa turte.

Abbaan murtii mana murtii olaanaa Singaapoor Chaan Seeng Oon himannaan ishee ‘shiraan’ kan xaxame ture. Haa tahu malee, poolisii dabalatee haalli manni murtii fi abbaan alangaa himannicha qabate dubbii baayyee qaba jedhan.

Mana Kaarl fa’i seeraan ala akka qulqulleesitu gaafatamuun akka isaan himachiisu waan beekaniifi jedhan.

Abbaan murtii kun meeshaaleen dubartii kanaan hataman jedhaman kan hin hojjennedha jedhan. Sa’aatiin harkaa hatte jedhame cabaa dha, bilbilooti iphone lamas hin hojjetan, yeroo baayyee meeshaa cabe hatuun kan hin baramne dha jedhan.

Paartiin DVD san fudhachuu amantee garuu hojjechuu didnaan maatiin iddoo gateetii akka kaaste himtetti jirti.

Madda suuraa, Home/Grace Baey

Ibsa waa'ee suuraa,

Paartii abukaatoo ishee walin dhimmicha falmite

Ergasii abbaan alangaa DVD’n sun akka hin hojjenne amanan garuu kana yeroo dhaddachaa hin dubbanne ture. Kunimmoo abbaa murtii Chaan irraa qeeqa fide.

Dabalataan, Chaan Kaarl Liiwiin akka ragaatti dhiyeessuun hin amansiisu jedhan.

Obboleessi quxisuu Liiw albee biyya UK irraa 2002tti bite na jalaa hatte jedhus albeen sun garuu kan dhihootti oomishame taheetu argame.

Dhimma wayyaa hatte jedhamerrattis dhaddacharratii wayyaan itti agarsiifamee kan isaa akka tahe gaafatamnaan uffata dubartii akka hin qabneefi kan eenyuu akka tahe adda baasuu akka hin dandeenye himan.

Abbaan murtichi himannaa poolisii jalqabaa booda hanga torbee shaniitti dhimmi kun hin ilaalamne ture jedhan.

Dabalataan, turjumaana afaan Indooneeziyaa dubbatu hin dhaabneefi ture. Nama afaan Paartiin hin dubbannetu akka nama afaan hiikutti dhaabateefi jedhu.

‘’Akkaataa poolisiin dhimma kana qabate kan nama yaaddessu dha,’’ jedhan Yunivarsiitii Bulchiinsaa Singaapooritti piroofeesara kan tahan Iguuwiin Taan.

‘’Abbaan murtii naannichaa waan poolisiifi abbaan alangaa ilaaluu dadhaban otoo yaada keessa hin galchiin murtoo kennanis,’’ jedhaniiru.

‘Lola Daawwitii fi Goliyaad’

Dhimmi kun Singaapoor keessatti dheekkamsa kaase. Baayyeen immoo Liiwiifi maatiisaa komatan.

Dhumarratti haqnii fi dhugaan haa baatuyyuu malee lammiileen Singaapoor loogii godhachuu sirna kanaatti gaddaniiru.

‘’Yeroo dhihoo keessatti waan akkanaa uumamee hin beeku,’’ jedhan Piroof Taan.

'‘Namoonni baayyeen otoon iddooshee tahee hoo jechuun haala kana gaafachaafi mormaa turan.

''Poolisiifi dhaddachii harka sooreeyyii irra buunaan mootummaa keessa mirkanaafi madaalliin eegamaa jira jechuuf ni rakkisa,'' jedhan.

Mormii ummataa kunneen booda Liiw Muun Liyoong itti gaafatamummaa dhaabota gargaraarraa akka ka’e beeksise.

Murtoo mana murtii olaanaa ‘nan kabaja’ jechuun haqummaa caasaa seeraa Singaapooritti akka amananis dubbatan.

Dhimma kanarratti Kaarl homaa hindubbanne. Minsitirri Dhimma Keessaa K Shaanmuugaam, ’’cancala dhimmi kun itti adeemaa ture keessa balleessaan akka ture,’’ amanneera jedhan.

Kana booda waan mootummaan hojjetu dhiyeenyaan hordofna. Yoo fedhii lammiilee Singaapoorirra kan warreen dhiibbaa uumuu danda’anii caalchisu tahe, jechuun dhimma biyyattii garaagaraa irratti kan barreessu Donaald Loow dubbateera.

‘’Dubbiin kun warreen barataniifi qabeenya qaban sirna seeraa keenya keessa hangam akka galanii laaqaa jiran agarsiisa,’’ kan jedhe immoo gaazexeessaa PN Baajlii dha.

Akkasumas dhimmi kun godaantotni hangam haqni isaanii jalaa akka dhokatu hima jedhe.

Paartiin Singaapoor turtee kan himannaa ishee hordofuu dandeesse sababii karaa dhaabota miti mootummaa deeggarsi godhameefi. Ogeessi seeraa Aniil Baalchaandaaniin isheef bilisaan falmaa turee silaa qarshii doolaara 150,000 argata ture.

Singaapoor godaantotaaf tajaajila seeraa haa kennituyyuu malee baayyeen isaanii itti gaafatamummaa maatii waan qabaniif mirga isaaniif hin falmatan.

‘’Paartiin abukaatoo isheetu fedha mootummaa cabsee cichoominaan falmeef ... seerri kun hundaaf wal-fakkaataa tahuu dhabuun nama dhiba,’’ jedhan Piroof,Taan.

‘’Lola Gooliyaadiifi Daawiit,- Daawiit itti mo’ate ture,’’ jedhan.

Amma biyya koottiin deebi’a, barri rakkoo koo darbeera, warreen na himataniif dhiifama godheera nama biraa irratti kan akka hin goone nan gaafadhaan jetteetti Paartin.