Nootii jijjiiruun seeraan alummaa hambisuun dinagdee Itoophiyaaf furmaata ta'ee ?

Nootiiwwan birrii turan jijjiiruun alattis nootiin birrii abbaa 200 akka haaraatti ba'ee jira

Madda suuraa, Abiy Ahimed Ali/Twitter

Ibsa waa'ee suuraa,

Nootiiwwan birrii turan jijjiiruun alattis nootiin birrii abbaa 200 akka haaraatti ba'ee jira

Malaammaltummaa, kuusaafi daddabarsa maallaqaa seeraan alaa to’achuuf, mootummaan Itoophiyaa nootiiwwan birrii abbaa 10, 50, 100, fi 200 haaraa hojiirra oolcheera. Yeroo kaa’ameenis, Mudde dhumarraa kaasees birriin durii gatii hin qabaatu.

MM Abiya Ahimadis fuula Tiwiitaraa isaaniirratti ‘‘nootiiwwan birrii haarofti, gochaawwan seeraan alaa maallaqaa to'achuuf, malaammaltummaafi koontiroobaandii ni hambisu’’ jedhanii turani.

Wantoonni amma nootiiwwan haaraa irratti dabalaman ammoo, maallaqni sobaa akka hin omishamneef ni gargaaras jedhan.

Biyya waa bitachuuf kaffaltiin kaashii baay’inaan itti taasifamu kana keessatti, tajaajilli daddabarsa maallaqaa mobaayilaafi kaardii magaalota gurguddoon alatti badaa waan barame miti.

Miidiyaan biyya keessaa (EPA) akka gabaasetti, tajaajilli baankii Itoophiyaa biyyoota Afriikaatti sadarkaa gadi anaa qaban keessaa tokkodha. Namoota gaheessoota biyyattiin qabdu keessaa %22 qofatu lakkoofsa herreegaa baankii qaba.

‘‘Sababii dhala baankiiwwan gadi aanaa ta'eetiif jecha, namni hedduun qarshii mana baankii kaawwachuu hin filatu. Malaammaltummaan dhaabbilee faayinaansii keessa jirus ammoo ummanni amantaa isaan dhabsiisee jira’’ jedha ogeessi dinagdee, Waasihun Balaay.

Baankiiwwan dhuunfaa biyyattiis qarshiin hedduun baankiin ala waan sochoo’uuf, maallaqni biyyoota alaa dhabamuu isaatiin hanqinaaf saaxilamanii turan.

Bulchaan Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa Dassee Yinnaagar, maallaqni baankiiwwaniin ala naanna’u faayinaansii biyyattiif yaaddoo ta’uu mala jedhanii sodaatu.

‘‘Baay’inni ummata keenyaa maallaqa baankiin ala daddabarsa/fayyadama. Kana jechuunis qarshiin hedduun baankiin ala kuufamee jira jechuudha. Baankiiwwan keenyas rakkinaaf akka saaxilaman taasisuu danda’a. Qarshiin baankiin ala taa’us sochiiwwan seeraan alaa deeggaruuf akka oolu agarree jirra,’’ jedhan.

Nootii jijjiiruun waan yaadame galmaan ga’uu danda’aa?

Akka ‘Global Financial Integrity’ jedhutti, Itoophiyaan bara 2005 hanga 2014’tti jidduugalaan waggaa waggaan doolaara biiliyoona 1.3 hanga 3.2 ta’u sababa sochii faayinaansii dhoksaa ta’een dhabdee jirti. Irra caalli isaa kan gochaawwan malaammaltummaaf oolaniiniidha jedheera.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan gosa barnoota Ikonomiiksii gargaaraan Pirofesara Guutuu Laggasaa akka jedhanitti, nootii jijjiiruun qofaasaatti hagas mara yakka faayinaansii hin hir’isu.

“Yeroo wanti tokko jijjiiramu milkaa’uu isaaf kan gargaaran cimina dhaabbileefi dandeettii hojiirra oolchuuti,” jedhu Obbo Guutuun.

Biyyi ollaa Keeniyaan bara 2019’tti ture nootii kan jijjiirte.

Sababni guddaan biyyattiin maallaqa itti jijjiirteef garuu heerri biyyattii qarshii moofa’e jijjiiruu waan gaafatuuf.

Haata’u malee mootummaan carraa sanatti daddabarsa maallaqa seeraan alaafi malaammaltummaa ittiin to’achuuf fayyadameera.

Bulchaan Baankii Giddu-galaa Keeniyaa Paatriik Injoroogee, nootiiwwan qarshii abbaa 1,000 ($10) %96 ta’u sochii milkaa’aa kanaan baankiiitti deebi’eera jechuun jajanii turan.

Ogeessi dinagdee Naayiroobiitti argamu Toonii Waatiimaa BBC’tti akkas jechuun dubbate: “Keeniyaan sochiiwwan faayinaansii seeraan alaas ta’e kuusaa maallaqaa hambifteetti waan jedhuuf wanti qabatamaan dhiyaate hin jiru, Baankii Giddu-galaa Keeniyaarraas qorattoonni akka kana mirkaneessaniif odeeffannoon sirriitti kenname hin jiru.’’

Itoophiyaan waggoota 10 darbaniif giddu-galaan guddina %11 galmeessuun Afriikaatti biyyoota dinagdeen guddataa turan keessa turte.

Mootummaan qarshii jijjiiruun dinagdee qaala’iinsaan miidhame kanaaf furmaata ta’uu mala jedhee abdatus, kuni hundi kan murtaa’u akkaataa weerarri Covid-19 itti adeemuuni.