Haqa: Seerri adaba yakkaa waggaa 60 booda jijjiiramuuf jedhu maal of keessaa qaba?

Seera adabbii yakkaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Seerri adabbii yakkaa Itoophiyaa waggoota 60'tti siqaniif hojiirra ture akka fooyya'uuf wixineen labsii mana maree bakka bu'oota ummataaf akka ergu manni maree ministeerotaa walgahii isaa Fulbaana 16, 2013 gaggeeffateen murteesuun saa ni yadatama.

Hojiin seera kana fooyyessuu walakkeessa 1990'oota jalqabee irratti hojjatamaa turuusaa oggeessi wixinee seera kana fooyyeessuu keessatti waggoota 10f hirmaatan Obbo Muluuworq Miidhaksaa BBC'tti himaniiru.

Seericha fooyyeessuun maaliif brbaachise?

Sababiiwwan seerri ALI bara 1954 irraa kaasee hojiirra oolaa ture kan jijjiiruun itti barbaachise keessaa muraasa isaa Obbo Muluuworq, BBCtti himaniiru.

Bara 1987tti erga heerri mootummaa federaalaa ragga’een booda piroojektiin “seerawwan turan heera biyyattiin wal simsiisuu'' jedhu tokko eealamusaa oggeessi kun ni dubbatu. Piroojektii kanaan seera yakkaa fi seera maatii dabalatee, seeronni hedduun fooyya’aniiru.

Seera adabaa kana keessattis seeroonni gosa lamaa jiraachu kan himan Obbo Muluworqi, isaanis seera bu'uuraafi danbiiwwan sirn seera ta'u himu.

Maalummaa seerota kana ilaalchisees, ''seerri bu'uraa kan mirgaafi itti gaafatamummaa labsi yoo ta'u, danbiiwwan sirna seeraa ammoo kan ittiin seeroonni labsaman kunneen hojiirra ittiin oolfamaniidha'' jedhu.

Kanaafuu kan amma akka fooyyeeffamu taasifameef sirn seera yakkaa ta'u dabaluun himaniiru.

Biyyattiin seera adaba yakkaa kana kan fooyyeessite ALI bara 1996tti yoo ta'u, amma kan fooyya'u sirna seera yakkaafi danbiiwwa ragaa kan seera yakkaa raawwachiisaniidha jedhu oggeessi kun.

''Seerrii haadha ta'ee waan fooyyeeffameef sirni seerichaa fooyyeeffamu qabaata. Sirriiyyu ni ture. Hanga ammaatti ittiin hojjatamaa kan jiru seera adaba yakkaa bara 1954 baheen.''

Labsiin waggoota dhihoo asiitti bahan seerota sirnaa mataasaanii qabatanii akka dhufan kan himan Obbo Muluuworq, kanaafis labsiiwwan seerawwan farra malaanmaltummaa fi seera farra shororkeessummaa akka fakkeenyaati kaasu.

Kanaafuu ''yoo labsiiwwan yakkaa haaraan dhufaniitti seerri sirna mummee fooyyeefammu qabaata. Kana ta'u waan dhabeef seerri sirna yakkaa akka bittiinaa'u taasiseera,'' jechuun gochi amma yaadamee kana ambisuuf akka ta'e dubbata.

Dhimmoota seerota sirnaa jijjiiruuf itti barbaachisan keessaayis tokko, seerota sirnaa bittinnaa’an kanneen walitti sassaabuu fi seera sirnaa hunda hammataa ta’e bakka tokkootti akka jiraatu gochuudhaaf akka ta’e eeru.

“Wixineen seeraa kun hojiirra yoo oolfamuu hojiiwwan irraa caalaan poolisii fi abbaa alangaatiif kennuun, dhiibbaa mana murtiirra jiru ni hir’isa. Akkasumas yeroon shakkamtoonnii fi himatamtoonni osoo haqa hin argatin turan ni hir’isa. Sadarkaa sadaffaarratti ammoo poolisiin shakkamtoota hidhee qorannoo taasisuurra irra qorannoo xumure to’annaa jala akka oolchuuf gargaara,” jedhu Obbo Muluuworq.

Seerri fooyya'u waan haaraa maal qabatee dhufa?

Falmii balleessaa (plea bargaining)

Seera adba yakkaafi wixinee labsii seera ragaa kana irrattis hojiimtaatiiwwan kana dura seera biyyattii keessa hinture dabalamu himu. Isaan keessaa tokko falmii balleessaa (peal bargaining) dha jedhan.

Falmiin balleessaa sirnoota haqaa ciman keessatti bal’innaan hojiirra oolfama kan jedhan Obbo Muluuworq. Abbaan alangaa namni tokko irrratti himannaa namni sun yakka raawwachuusaaf ragaa gahaa yoo qabaate, shakkamaadhaan ‘yakka raawwachuu amani murtee hanga kanaatu sirratti murtaa'a’' jedheen waliigala.

Fakkeenyaaf nama himannaan hedduun irratti banamu waliin abbaan alangaa walii gala. Haala kanaanis yakka amma kanaa raawwattee jirta, dhimma kana kana irratti ragaa qaban jedhaan.

Haa ta'u malee adeemsi “kunis kan mana murtii keessa darbudha. Abbaan alangaa marii erga taasise booda mana murtiitti geessuun kan raggaasisu. Sababni isaas namni tokko yakkamaadha jedhamee murteen irratti kan murtaa'u mana murtii qofatti waan ta’eefi, marii abbaa alangaa waliin taasifamus, mariin kun sirnasaa eegee taasifamuusaa manni murtii mirkaneessuu qaba,” jedhu.

Wixinee kanaanis falmiin balleessaa kun yeroo taasifamutti himatamaan ogeessa seeraa qabataa ta'u akka qabu kaa'eera.

Kunis kan taasifamuf, dhiibbaa mana murtiirra jiru salphisuufi yeroo falmii hirrisuuf akka ta'e oggeessii kun ni dubbatu.

Himatamaanis dhimmisaa erga mana murtii gahe booda adabbiin silaa irratti murtaa'u qabuun gadii akka itti murtaa’us himaniiru.

Sirnoonni haqaa aadaas iddoo ni argatu

Dhimmoota seera adaba yakkaa kana keessaa hammataman keessaa kan biraa ammoo sirnoota haqa aadaa sirna haqa yakkaatti makuudha jedhu.

“Qajeelfamoota abbaan alangaa waliigalaa baasuu tokko tokkoos kan dhimmoota sirnoota hara aadaatiin ilaalamu danda'a seerri sirna adaba yakkaa haaraa ni kaa’a,” jedhu ogeessi seeraa kun.

Fakkeenyaaf hawaasa tokko keessatti namni tokko yoo nama ajjeesee mana murtii deemee erga itti murtaa’ee booda hidhaasaa xumuree erga baheen booda, araarri yoo hin taasifamnen alatti miidhamaan haqa hin arganne jedhee yaada.

Kanaan haqni kennamuusaa mirkanneessuun waan hin danda’amneef labsiiwwan mirgoota namummaa haala hin cabsinetti siroonni haqa aadaa furmaata kennuu akka danda’aniif hojimaatni haaraa ni beeksifama.

Maaltu jijjiirame?

Dhimmoota jijjirama keessaa tokkoo mirgi wabii, yeroo beellamaa fi akkaataa adabbiin ittiin raawwatamu irratti jijjiiramni akka jiraatu dubbatu Obbo Muluuworq.

Mirga wabii

Yeroo baayyee abbokaatoowwan 'maammilli yakki ittiin hidhame kan mirga wabii isa dhorkisiisu miti' yoo jedhu abbaan alangaa ammoo 'lakkii mirgi wabii kennamuuf hinqabaatu' yoo jechuun falama dhagahuun waan barameedha.

Ogeessi seeraa Obbo Muluuworq dhimmi mirga wabii dhimmoota falmsiisaa ta’an hedduu of keessatti kan qabateedha jedhu. Wixineen seeraa haaraa kunis dhimmoota falmisiisoo ta’an kanneen ifa gochuuf akka gargaaru himu.

Biyya keenyattis yeroo baay’ee mirgi wabii kaffaltii maallaqaatiin kan barame ta'u yaadachuun, wixinee kanarratti garuu shakkamaan guyyaan ykn torbaniin waajjira motummaatti dhiyaate gabaasa taasisaa isaan ala hojii akka hojjatu haalli itti taasifamu akka uumamu akka godhamu dubbatu.

Beellama yeroo qorannoo

Poolisii qorataan shakkamaa to'ate irratti qorannoo gaggeessuuf irra deddeebbiin mana murtii yeroo beelamaa akka dheerreeffamuu yoo gaafatu ni mul’ata.

Seerri sirnaa asiin dura tures yakkoota biroorratti yeroo qorannoo guyyoota 14, yakka shorarkeessummaaf ammoo yeroo qorannoo guyyoota 28 hayyamuu akka danda’u ibsa.

Ta’us garuu seerri duraa kun daangaa hin qabu. “Yeroo hamma kamiif kan qorannoon guyyoota 14 kan kennamu kan jedhurratti daangaan hin jiru,” jedhu.

Seerri haaraan garuu yakkoota xixiqqaa, jiddugaleessaa fi ol’aanoo jechuun sadarkaa baasuun guyyoota qorannoo fi daangeffama baasuusaa dubbatu.

“Inni kun gama mirga himatamtootaanii yoo ilaalamu gaariidha. Fakkeenyaaf yakka jiddugaleessaaf poolisiin si’a lama caalaa yeroo qorannoo gaafachuu hin danda’u.”

Hamma danda’ameen shakkamaan tokko qabamuusaa dura poolisiin ragaa gahaa akka sassaabu seera godhudha.“Hojimaata shakkamaa to’atanii ragaa barbaaduu jijjiiramuu qaba kan jedhu uuma.”

Akkaataa adabbiin raawwatamu…

Seera sirnaa asiin dura ture akkaataan adabbiin itti raawwatamurratti wantoonni ifaan taa’an baliinaan hin qabu. Fakkeenyaaf yeroo baay’ee hojiirra oolfamuu baatus adabbiin du’aa manneen murtiitiin akka dabarfaman himu ogeessi seeraa kun.

“Adabbiin du’aa kun haala kamiin raawwatamuu qaba? Namni adabbiin du’aa irratti murtaa’e murtee kana gara hidhaa umurii guututti hin jijjiiraminiif yookiin murteen du’aan osoo hojiirra hin oolfamin yeroo hamma kami turuu qaba? Jedhurratti seerri haaraa akkaataa murteewwan kunneen hojiirra oolfaman qabatee jira.

Abbaddii dhu'aattin alattis adabbii maallaqaa fi hidhaarrattis akkaataa ittiin raawwatamaniif danbiiwwan hojiimaataa gadi fageenya qabu hammachusaa Obbo Muluuworq BBC’tti himaniiru.