Koronaavaayiras: Covid-19 ittisuu keessatti maashina takkaatti waan hedduu dhimma baasu Itoophiyaatti kalqame

Takilawald hojii kalaqaa isaa waliin

Waggaa darbe keessa wantoota jajjaboo addunyaa keenya mudatan keessaa tokko dhukkuba koroonaavaayirasiiti.

Weerarichi dhiibbaa garaagaraa geesisaa tureera. Lakkoofsi namoota du’anii dabalaa yoo deemu lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniiis akkasuma dabalaa jira.

Biyyoota tokko tokko keessatti ammoo weerarichi irra deebiin hammaateera.

Gorsa ogeessotaa hordofuun tooftaalee ittisaa yoo fayyadaman garuu saffisni facaatii vaayirasichaa hir’achuu akka qabu dhaamamaa jira.

Carraaqqiiwwan dhibee kana ittisuuf taasifaman hordofee kalaqooxtni garaagaraas mul’ataniiru.

Itoophiyaatti bara 2012 darbe keessa dhukkubicha ittisuufi to’achuuf kan dandeessisan kalaqootni saddet tahan waajjira abbaa kalqaaatti galmaa’uu isaanii ogeessa dhaabbatichaa kan tahan Obbo Geetaachoo Xaafaa BBCtti himaniiru.

Kalaqni kun al takkaatti hojii baay’ee waan hojjetuuf dhiphina namoota baay’ee kan hir’ise fakkaata.

Soolii kophee ni qulqulleessa. Uffata osoo hin jiisiin farra ilbiisotaan ni mica. Ho’ina qaamaa ni safara.

Rakkoo fayyaa nama mudate ammoo barreeffamaafi sagaleen akka gara dhaabbilee fayya deeman ajaja kenna.

Kana qofa osoo hin taane adeemsa barbaachisu osoo hin eegiin callisanii darbuuf yoo jettan waan akka ulee qabuun karaa siniti cufa.

Yoo ho’insi qaama keessanii kan nama fayyaa tokkoon ol tahes haaluma wal fakkaatatu isin mudata.

Akkamiin yoo jettan abbaan kalaqaa Takilewald Waldeyesuusu akkamiin akka hojjetu akkasiin BBCtti himeera.

Abbaan kalaqaa kun akka jedhanittis maashinichi dijitaalawaadha. Kaayyoon maashinii kanaa inni guddaan ammoo dhukkubni Covid-19 tuttuqqaan darba waan taheef isa ibsameen ol wal irraa fagaachuun tajaajila eegamu akka kennu gochuu danda’eera.

Kanaan alas manattis tahe biirootti baakteriyaa ykn vaayirasii kamirrayyuu bilisa gochuuf yaadameeti.

Maashinichi mallattoo koroonaavaayirasii kannen tahan keessa tokko ho’ina qaamas ni safara.

Tutuqaa irra bilisa kan tahe waan ittiin harka qulqulleesanis qaba. Kana malees, kophee bakkuma dhaabatanii jiranitti qulqulleesuu danda’a.

Maashinichi gorsa kennuu kan jalqabu yeroo keessa darbuuf yaaltan osoo hin taane dursee, "Harka keessan qulqulleessaa,’’ jechuun karaa iskiriinii irratti hidhamee jiruun barreeffamaafi sagaleen ergaa dabarsa.

Maashiniin kun kan qophaa’e afaan Ingiliffaan akka tahe kan himu abbaan kalqaichaa Takilewald, afaanota biyya keessaan qopheesuuf yaalaa akka jirus himeera.

Hojiin kalqaa kun mana jireenyaafi biiroo kamiyyuu irratti salphaatti hidhamuun hojjechuu kan danda’udha.

Kanaaf jecha meeshaan kun hamma garaagaraan akka hojjetamuu akka danda’u kan himu abbaan kalqichaa, amma meeshichi hojjaa Meetira lamaafi saantimeetira 20 kan dheeratu tahee bal’inni isaa ammoo meetira tokko taha.

Konkolaatotaafi namoota maashinicha keessa darban hundaa dhaabbii isaaniifi hamma isaaniis safaruu danda’a.

Keemikaala farra ilbiisotaas akkuma hamma ykn hojjaa isaaniitti biifa jechuudha.

Uffata osooo hin jiisin akkamiin keemikaalichi qulqulleessuu danda’a?

Keemikaalonni hedduun kanaan dura beekaman yeroo biifaman kan uffata jiisan yoo tahu, kan Takilewald garuu osoo uffata hin jiisin qulqulleesuu kan danda’udha.

Kana hojjechuuf maashinichi tooftaa lama fayyadama. Tokko, ho’a guddaa yoo tahu keemikaalichi yeroo uffata jiisu ho’ichi guddaan sun akka keemikaalichi bittinaa’u godha.

Uffata irra kan gahus waan muraasadha. Kanaaf waan uffata jiisuus miti.

Tooftaa biraan ammoo Awutomaayizeeshin [waan dhangala’aa ykn waan jajjaboo gara waan baayyee xixiqaatti’ kan jijjiirudha.

Kunis meeshaa Altirasoonik Awutomaayizeshin jedhamu fayyadamuun hojjeta. Kun keemikaala farra ilbiisotaa gara hurriitti jijjiiruun qulqulleessa.

Kophees yoo qulqulleessu osoo ofirraa baasuun hin barbaachisiin boolla meeshicha irratti hidhamee jiru irra qofa dhaabuun boca kophee keessanii adda baasuun karaa jalaa keemikaala itti biifuun akkuma konkolaataan bakka dhaabbatetti dhiqamtutti qulqulleessa.

Ka’umsa hojii kalaqichaa

Takilewald dhibeen koroonaavaayirasii adunyaa yaadesseefi lubbuu namoota hedduu balleesse dhiphina guddaa uumuu isaa irraa kan ka’e akka kalaqichatti gale dubbata.

Kana qofa osoo hin taane, ‘’Vaayirasichi sibiila irra hamma kana tura, pilaastika irra hanga kana tura, jedhamuun karaan dadar buu isaa rakko tahuun isaa yeroon biiroo galuufi manatti galu akkan yaadda’u na taasiseera,’’ jedha.

Harka keenya qulqulleesinuyu waan qabanne hundaafi uffata keenya irraas vaayirasichi nu hordofuu akka danda’u hima.

Kalqichas kan dhugoomse maashinichi harkas, uffatas, miilas bakka tokkotti qulqulleessuun ho’ina qaaamas safaruun isaa ofitti amanamummaa isaa waan dabaleef akka tahe hima.

Yaaddoo gara lafa hojii deemuu akka hir’isus himeera.

Meeshaa kalaqicha ittiin hojjetes salphaatti biyya keessaa argachuu waan hin dandeenyeef akka biyya alaatti namoota waliin walii barreessee galfates himeera.

Maallaqatti Birrii meeqa akka isa fudhate galmeessuu baatus, gara Birrii 50,000 akka fixuu hin hafne himeera.

Kalqa isaas akka xumureen hoggantoota mootummaafi qaamota isaan ilaallatu biroof dabarsuuf akka karoorses himeera Takilwald.