Suurawwan ja'an waggoota 60 Naajeeriyaan walabummaa booda keessa darbite himan

Naajeriyaan guyyaa walaba itti baate kabajataa jirti. Gazexessaan BBC Niduukaa Orjinmoo erga biyyattiin walaba baatee waggoota 60 keessa dabarte suurota ja'a filachuun ibseera.

1960n – Uumama biyya gudditti Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images

Waggootii hedduuf bulchiinsa kolonii Biritish jala erga turanii booda Ministirri Muummee Sir Abubakar Tafawa Balewa aangoo qabachuun Naajeeriyaa walaba baatee mootummaa waliinii haaraatti ceesisan.

Kabajni isaa kutaalee biyyattii hedduu kessattti torbaniif kan ture yoo ta’u, kanneen Tafawa Balewa Square turaniif ammoo Onkololeessi 1, 1960 guyyaa hin dagatamnedha.

“Halkan walakkaa ta’uun dura, ibsaa dhaamsanii alaabaa Biritish Yuniyeenii buusan,” jechuun yeroo sanatti barataa ganna 16 kan tureefi alaabaan Naajeeriyaa yeroo fannifamu kan arge Been Iruyemiyobe BBCtti himeera.

“Halkan walakkaa yoo ta’u, ibsaa deebisanii ibsanii alaabaan adiifi magariisaa hunduu akka ragga’uuf ulfinaan fannifame. Sana booda richitiin dhukaasame, baandiin waraanaa sirbee nutis gammanne.”

1970’n – Waraana walinii miiliyoonota galaafate

Madda suuraa, Getty Images

Walabummaan wagga torba booda, waraanni walinii yeroo naannoon lixa Naajeeriyaa bulchiinsa Biyaafraarra adda ba’uu barbaadetti uumame.

Waraanni kun waggoota sadiif turee, yeroo warri Biyaafraan harka kennaan kan dhume yoo ta’u, lubbuu namoota miiliyoona lama kan galaafate ture. Kunneen keessaa hedduun isaanii dubartootaafi daa’immaan baha Naajeeriyaatti beelaan du’anidha.

Yeroo waraanichaatti daa’ima kan ture barreessan Okeey Nidibee, seenaa cimaa Naajeeriyaa kessaatti isa ijoodha jedha.

“Karoorri mootummaa mil’kaa’eera garuu lubbuun namaa hedduu aarsaa ta’eeti.

“Ekeraan Biyaafraa Naajeeriyaarraa ammayyuu ni laba. Naannoo kaaba-bahaatti hokkara kaasuun, lola Biyaafraa deebisee kaasuufi gaaffii jiraattotaa kanneen dureeyyii boba’aa baasan irratti jiru bu’aa seerri Naajeriyaa gaaffii uummataaf haqa kennuu dadhabuudha, ” jechuun BBCtti hima.

1980n“Gaanaan deemuu qaba”

Madda suuraa, Getty Images

Bara 1983tti mootummaan Shehu Shagari biyyittin rakkoo diinagdee keessa waan seenteef godantoonni lixa Afrikaa, bayyeen isaanii lammilee Gaanaa ta’an miiliyoonaa ol biyyattii yeroo gabaabaa keessatti akka gadhiisaniif ajaje.

Laastikiin halluu diimaa, adiifi cuqulisaa lammileen Gaanaa hedduu qabeenyaa isaanii itti baatani biyyaattiitii ba’an maqaa “Gaanaan deemuu qaba” jedhu beekamu eegale.

Amma garuu mallattoo jallinaa Naajeriyaa keessa jiru ta’uun, namootni siyaasaa malaammaltummaan maallaqa hedduu ittiin baatan ta’uun beekama.

1990nBulchiinsa waraanaa wagga hedduu booda dimokraasiin deebi’e

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

1990n- Bulchiinsa Waraanaa wagga hedduu booda dimokraasiin deebi'e

Bulchiinsa waraanaa cimaa wagga 16 booda, (kessaa 1993tti guyyaa 82f bulchiinsa uummataa ture) bara 1999 keessatti diimokraasiin Naajeeriyaatti deebi’e.

Janaral Abdulsalaam Abuubakar filannoo biyyaaleessa kan mo’ate Olusegun Obasaanjootti aangoo dabarsee kenne.

Barri 1990’n Naajeriyaan seenaa siyaasaa hedduu qabdi- kanneen akka filannoon bara 1993 waranaan haqamuu, murtee du’aa irratti murtaa’een fannifamuu roggeeyyii kunuunsaa naannoo sagal booda balaaleffannaa addunyaafi bara 1998tti du’a Janaraal Sanii Abachaa.

Aangoon dimokraasiitti ce’uun isaa akka bu’aa taateewwan sadan kanaatti ilaalama. Erga sanaa as waggootiin 21 kun seenaa Naajeeriyaa keessatti wagga dheeraa biyyattii itti hin jeeqamnedha.

2000n - ‘Nuti gurraacha, ni bareedna ni barbaadamnas’

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

2000n - 'Nuti gurraacha, ni bareedna ni barbaadamnas'

Saadaasa 16, 2001 irratti, yemmuu gartuun dubartoota dorgommii miidhaginaa addunyaa ‘Miss World’ Afrikaa Kibbaatti gaggeefame irratti hirmaatan lammilee Naajeeriyaa muraasatu wa’ee qophii kanaa beeka ture.

Boodarra garuu lammileen Naajeeriyaa heedduu maqaa shamarree ganna 18 Agbaanii Daregoo – dubartii gurraatti Afrikaa jalqabaa dorgommii kana mo’atte- beeku turani.

“Injiffannoo Agbaanii dura lammileen Naayjeriyaas ta’e Afrikaa dorgommii akka kana ani mo’anna jedhanii waan hin yaadneef irratti hin hirmaatani ture.

“Garuu hirmaaattota 20 hanga 50 qabaachuu irraa namoota kumaatamatti lakka’aman hirmaachuu barbaadan qabna turre.

Amma addunyaan muuziqaa Afrikaa, shubbisa Afrikaa barbaada. Nuti guarracha, ni bareedna, ni barbaadamnas,” jechuun qindeessan duraanii dorgommii Miidhagduu Naayjeeriyaa (Most Beautiful Girl in Nigeria) Been Murrii-Biruus BBCtti himeera.

2010n - Butamuu shamarran Chibook

Ibsa waa'ee suuraa,

2010n - Butamuu shamarran Chibok

Bara 2014 Ebla keessa, gartuun Bookoo Haraam kaaba-baha Naajeriyaa mana barumsaa Chibook keessaa shamarran 276 butan.

Bookoo Haaraam kanaan dura shamarraniifi dubartoota butaanii beeku ta’us, garuu butamuun barattoota kanaa addunyaa irratti duula #BringBackOurGirls (shammarran keenya deebisaa) jedhu eegale.

Hoggantuun gartuu Shammaran Keenya Deebisaa Naajeriyaa kan shamarraan kun akka bilisa ba’aniif gidduu seentummaa mootummaa gaaffachuun boqonnaa malee mormiirra turanii, butiin kun kaabaa Naajeriyaa keessatti barnoota hedduu miidheera jetti.

“Ijoolleen- dhiiraafi durbaa- mana barumsaa deemuu sodaachuu eegalan, maatiin ammoo lubbuu ijoollee isaanii baraaruufi mana barumsaatti erguu gidduu filachuuf dirqaman.

“Walqixxummaa koorniyaa fiduuf yaaliin ture hedduu miidhame. Keessumaa, ijjollee dubaraa barsiisuu irratti foyyeen argamee ture deebi’ee hedduu miidhame,” jetti.

Waggaa ja’a booda, hanga ammattii shamarran 100 ol achi buuteen isaanii hin baramne.