Koronaavaayiras: Namoonni tokko tokko maaliif Covid-19 irraa dafanii hin fayyine?

Nama dhukkubsachuun cisee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni baayyeen Covid-19n qabamuun yeroo gabaabaa keessatti bayyanatu. Tokko tokko garuu dhukkubichi itti cima. Ji'ootaaf haura baafachuufi dadhabiin kan itti dhagahamu ni jiru.

Osoo fagoo hin deemiin kan dadhabbiin itti dhagahamu jiru. Dhukkubichis yeroo dheeraaf irra tura.

Ofii Covid-19 namoota tokko tokkoorra yeroo dheeraaf kan turu maaliifii? gaaffii jedhuuf deebiin ifa ta'e hin argamne.

Koronaavaayirasiin yeroo dheeraaf ture jedhamu kamii?

Namoonni dhukkubni kun yeroo dheeraaf irra tures waliigalatti mallattoowwan wal fakkaatu hin qabaatan. Haata'u malee, hunduu akka dadhabbiin itti dhagahamu dubbatu.

Hafuura baafachuun itti xiqqaachuu, qufaa, dhukkubbii maashaa, miira dhandhamannaafi waa urgeeffachuu dadhabuu, dhukkubbii mataa, akkasumas dhibeen onnee, kalee, marrumaaniifi sombaa kan isaan mudatu jiru.

Dabalataanis kanneen miira mukaa'uu, dhiphachuufi ifatti yaaduuf rakkatan akka jiran ni mul'ata.

Jeed Gireyi Kiresitii, ''dadhabbiin akka kanaa natti dhagahamee hin beeku ture,'' jechuun miire ishee ibsiti.

Pirofesar Deeviid Istireeyiin ammoo, ''dhukkubichi namoota tokko tokkoo irra akka turu hin shakkinu,'' jedhan.

Namoota meeqatu kana keessa darbaa?

Qorannoo Hospitaala Roomiitti dhukkubsattoota 143 irratti gaggeeffameen, namoota parsantaa 87 ta'an irratti yoo xinnaate baatiiwwan lamaaf mallattoon lama akka irratti mullatu ibseera. Kanneen wallaakkaan ol ta'an ni dadhabu.

Appiin UK keessatti hojjatu tokko akka mul'isuutti ammoo, namoonni parsantaa 12 ta'an dhukkubsatanii guyyoota 30 boodalleen mallattooleen dhukkubichaa irratti ni mul'atu. Kanneen 50 ta'an keesaa tokko irratti mallattoonni dhukkubbii guyyoota 90 booda irratti mullateera.

Namoonni yeroo dheeraaf dhukkubsatanis kanneen dhukkubichi jalqabaraa kaasee itti cime qofa miti.

Qorannoon Dabliin keessatti hojjatamee akka mul'iseetti, erga dhukkubichaan qabamanii torban 10 booda kanneen dadhabbiin itti dhagahamees jiru. Isaan keessaa harki sadii keessaa tokko kan ta'an gara hojiitti deebii'u hindandeenye.

Madda suuraa, SPL

Prof. Kiriis Biraayitiliingi akka dubbataniitti namoonni sombiisaanii miidhamees dhukkuba sombaa nimoniyaaf saaxilamaniiru.

Vaayirasichi qaama isaanii keessaa bahulleen, qamoolee tokko tokko keessatti hafu akka danda'u oggeessoonni ni dubbatu.

Pirof. Tiim Isipektar ''Yeroo dheeraadhaaf garaa kaasaan umamnaan vaayorasichi marumaan keessatti hafeera jechuudha. Urgeeffachuu dadhabe taanaan ammoo, vaayirasichi miira keessatti hafeer jechuudha,'' jedhu.

Vaayirasichi yoo miira miidhu, qaamnis garmalee dhukkuba ittisuuf wayita yaaluutti, qaamni keenya ni dadha. Dhukkubichisi sochilee qamaa keenya ni gufachiisa.

Sochii dhiigaa irratti dhiibbaa waan taasisuuf haala ammantaa sukkaara isaanii to'achuuf kan rakkatan jiru tura. Haala caasaa sammuu irrattis dhiibbaa qabaatuuf ragaalee agarsiisan jiraatan illeen hanga ammaatti hinmirkanoofne jedhameera.

Haalli dhukkubaa kun kan hin barmneedhaa?

Erga vaayirasichaan qabamtaniin booda dadhabbiin ykn qufaan kan barameedha.

Namoota 10 keessaa tokko hanga ji'aatti dhukkubbiin itti dhagahamu danda'a.

Erga weerara bara 1918 mudateetiin asi qufaan dhukkubbii mallattoo paarkinsan ( Parkinson)fakkatuu yoo hordofsiisu hubatameera.

Covid-19n hordofees mallattoowwan dhukkubbii adda addaa mudachu akka danda'an Prof. Kiriis ni dubbatu.

''Vaayirasichi namoota adda addaa karaawwa garaa garaatiin miidhu danda'a. Dhiibbaan inni qaamoota irraan gahuus adda addaa. Kaan irratti yoo cimu kaan ammoo ni salphataaf,'' jedhu.

Namoonni gutuumaan fayyuu danda'u?

Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin yeroo dheeraaf irra turu yeroo gara yerootti hirrataa kan jiru fakkaata. Haa ta'u malee adeemsa keessa kan umamu maal akka ta'e hinbeekamu.

Pirof. Kiriis namoota waggota 25 hordoofuuf akka murteessaniifi dhukkubbichis waggaa tokko ol ni turan ejdhanii akka amanan dubbatu.

Hatulleen garuu namoonni amma fayyan illeen dhukkubbichi dhiibbaa yeroo dheera irraan gahuu carraan jiraachu dubbatu.

Namoonni baayyee dadhaban miirri yeroo dheeraaf irra turu danda'a.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhuutti dargaggoonni osoo hinhafne dhukkuba onneetiif saaxilamu danda'u.

Kanaafuu namoonni koronaavaayirasiirraa bayyanataa jiran osoo of hindhiphisiin akka boqataniif gorfamu.

Hojii cimaa kan hojjatan yoo ta'e, walitti fufiinsaan osoo hintaanee jidduun bayyanachaa hojjachuun ni gargara.

Kana mlaees saffisa eeganiin yoo hinbayyanane gara mana yaalaa deemutu isaan irraa eeggama.