Koronaavaayiras: Siree namoota garmalee dhukkubsatan qaama dhiqu

Siree dhukkubsataa covid-19 tutuqaa malee qaama dhiqu

Madda suuraa, BIRHANE YEHUWALEESHET

Weerarri koronaavaayirasii hanga yoonaatti addunyaa irratti namoota miliyoona tokko ol galaafateera. Weerarrichi ammallee biyyoota tokko tokko keessatti deebii'ee ka'aa jira.

Dhukkubichi baayyee cimaadha. Kanaanis walqabatee dhukkubsataa gaafachuufi kanneen du'an awwaaluu irratti illeen daangaan kaa'ameera.

Tatamsa'ina dhukkubichaa to'achuuf jechas, keessattuu tibba dhukkubni mudateetti kanneen sirna awwaalchaa firoota isaanii irratti argamuun hirmii hin baafatiin hafan hedduu turan.

Kana malees, miseensota maatii Covid-19n qabaman itti siqanii dhukkubsachiisuun, kunuunsuufi dhaqna dhiquun kan hin yaaamne ture.

Kanaafuu dhukkubsattoonni hedduunis maatiirraa adda bahuun hospitaaloota keessatti hojjattoota wallaansa fayyaa qofaan ilaalamu ture.

Namni kalaqaa waa'ee dhukkubsattoota Covid-19 haala cimaa keessatti argamanii baayyee isa yaachise tokkoos, kalaqa hanga tokko fala ta'uu mala jedhe qabachuun as bahe.

Hojiin kalaqaa kunis hojiiwwan kalaqaa ittisa Covid-19 irratti hojjatanamiifi ALI bara 2012 keessaa Waajira Abbeentaa Itoophiyaatii galamaa'an saddeet keessaa tokko ta'u, Waajirichatti Qorataa Abbeentaa hojii kalaqaa (patent), Obbo Getachoo Xaafaa BBC'tti himan.

Siree tuttuqqaa malee qaama namaa dhiqu

Sireen kun tajaajila hedduuf kan ooluudha. Yoo barbaachise akka firaashitti sireerra kaa'uun ni danda'ama. Akkasumas, akka uffata halkaniitti ykn akka saanduuqa reeffaatti fayyadamuun ni danda'ama.

Yeroo qorri jiraatu kan ho'a uumuu, yeroo ho'u ammoo akka qabanneessuuf meeshaan tolfameefiira. Isa keessa ta'uun gargaarsa tokko malee qaama dhiqachuun ni dandeessisa.

Abbaa kalaqa kanaa Birhanee Yawaalaashet jedhamu. Oguummaa hojjii elektirikaa qabu. Kana malees, hojii miiccaa uffataa irratti hirmaataa jiras. Kana duras hojiiwwan kalaqaa ogummaa isaa waliin walqabatan hedduu hojjachuu muxannoo qabaachuu ni dubbata.

Obbo Birhaaneen BBC'tti akka himaniitti, hojiin ogummaa kana kan hojjatan Covid-19 Itoophiyaa keessatti argamuun mirkanaa'ee torban lammaffaa irratti.

Kalaqa kanaafis ka'umsa akka qaban dubbatu

Ogeessa suphaa elektirikaa waan ta'aniif guyyaa tokko hojii teknikaa hojjachuuf magaalaa Finfinnee gara hospitaala Eekkaa Kotabee dhaqan.

Achittis dhukkubsattoota Covid-19 garmalee dhukkube arguuf carraa argatan. Dhukkubsattoonni kunneenis meeshaan deeggaramuun waan afuura baafataniif socha'uu hin danda'an.

Dhukkubichaaf tuttuqqaan waan dhorkamuuf dafanii dafanii qaamasaanii dhiqachuuf namni isaan gargaaru hin jiraatu. Yeroo kanatti ture yaanni kalaqa kanaa akka dhufeef kan dubbatan. Isaan booda siree dhukkubsattoota bakkuma cisaniitti urkaadhaan qaamasaanii dhiqu kan hojjatan.

Madda suuraa, BIRHANE YEHUWALEESHET

Sireen kunis kan irraa hojjatame pilaasitika gogaa fakkaatu yoo ta'u, akka 'sleeping Bag' kan cufamudha.

Sireen kunis yeroo barbaadameetti akka firaashiitti ykn akka uffata halkaniitti itti fayyadamuun ni danda'ama.

Dhaqna dhiqachuu wayita barbaadameettis ujummoon bishaan qulqulluun ittiin seenuufi kan ittiin dhiqatamee karaa bahuun hojjatameefiira. Namni qaama dhiqachuu barbaaduus keessa galuun dhiqachuu danda'a.

Erga dhiqataniin boodas bishaan akka bahu erga taasifameen booda osoo hin socho'iin afarsituudhuma keessa jiruun qamni akka qooru taasifachuu ni dandeessisa.

Kana malees, nama qorri itti dhagamuuf ho'a akka argatu taasisuuf ni gargaara. Yoo ho'ii garmalee itti dhagahames akka qabbanaa'uuf haala qilleensa isaa mijeessuun ni danda'ama.

''Sirichi akkuma siree kammiyyuu mijataadha,'' kan jedhan Obbo Biraaneen, yaadni tarii mijeessituun qilleensaa itti tolfamee namatti dhaga'amuu danda'a ta'a kan kennameefi isa sana fooyyeessuun hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.

Namoonni garmalee dhukkubsatan kan du'an yoo ta'ees siricha akka shaanxaatti cufuun reeffa tuttuqqaa tokko malee gaggeessuuf ni dandeessisa jedhu.

Kalaqichi ''sirees, uffata halkaniifi saanduuqa reeffaatis kan jedhan Obbo Birhaaneen, maalummaa hojii kalaqa isaanii yoo ibsan.

Kana malees, dhukkubsattoota baadiyaadhaa dhufan akka qaareezaatti fayyadamuun gara dhaabbata fayyaatti ittiin geessuuf ni dandeeessisas jedhu.

Dhukkubsattoota ambulaansii keessaa haala mijataan buusuufi sochoofilleen haala ta'uun kan hojjatame yoo ta'u, naannoo baadiyaafi dirree ispoortiitti haala salphaan akka lafarra harkifamuutti kan hojjatamedha jedhan.

''Guyyaa tokkottis sireewwan 500- 600 omishamuu ni danda'a,'' kan jedhan Obbo Birhaaneen, haata'u malee kalaqa isaanii bara kanatti barbaachisaadha kan jedhame kana omishuu akka eegalaniif yaadni kennamuufilleen deeggarsa akka hin arganne dubbatu.

Yaada kalaqaa kana gara hojiitti geedaruuf hanga ammaattis qarshii kuma 200 ta'u baasuu ibsaniiru.

Knaan alattis Obbo Birhaaneen kutaalee Itoophiyaa garaa garaa keessatti miidhaa qaqabsiisaa kan jiru awwannisa ittisuu kan dandeessisuu kalaqa tokko bara darbee keessa hojjachusaanii dubbatu.

Meeshaa harkatti qabatamuufi konkolaataa irratti hidhamuun anniisaa aduu ykn baatiiriitti fayyadamuun awwaannisa ajjeessu hojjachuu himu.

Haata'u malee, qaamminni dhimmisaa ilaalattu kamuu akka waa'ee kalaqa kanaaf isaan qunname hinjirre BBC'tti himan.

Sababii kanaanis, ''hojiiwwan kalaqaa kan jajabeessuufi deeggaru hinjiru'' jechuun komatu.

Ta'ulleen haala Kanaan abdii kan hinkutatiin Obbo Birhaaneen, yoo hojiin kalqaa isaanii omishamuu eegaleetti gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif dhiyeessuuf karoora qabaachuus hindhoksise.