Hidha Haaromsaa: Masriifi Keeniyaan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaarratti waliin dubbatan

Uhuruu Keenyaataa(bitaa) fi Abdulfattaa al-Siisii

Madda suuraa, Masaraa mootummaa Keenyaa

Pirezidaantiin Masrii Abdulfattaa al-Siisii gitasaanii kan Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa waliin waa'ee waldhibdee Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa laga Abbayyaarratti hojjetamaa jiruu irratti mari'achuu qondaaltonni Masrii himan.

Aanga'oonni lameen Dilbata darbe magaalaa Kaayiroottti kan mari'atan yoo ta'u, Pirezidaant Uhuruu Keeniyaataan osoo Firaansi irraa deebi'aa jiranii itti goran.

Ibsi Dubbi Himaa Mootummaa Masrii akka mul'isutti, qondaaltonni lameen haala yeroo ammaa naannawaa kana keessa jiru kan biyyoota lameen walitti fidu, keessattuu dhimma Hidha Haaromsaa irratti kan xiyyeeffateedha.

Aanga'oonni kunneen gara fuulduraatti michummaasaanii cimsuun dhimmoota garaagaraa irratti waliin hojjechuuf walii galaniiru jedha ibsi kun.

Keeniyaan gamasheetiin pirezidaantiin ishee waa'ee Hidha Haaromsaarratti mari'achuu hin ibsine, garuu dhimmoota fedhii biyyoota lameenii eegsisan akka nageenyaa, tasgabbii, daldalaafi weerara Covid-19 ittisuurratti waliin dubbachuu eerteetti.

Dolaara Ameerikaa Biilyoona 5tti siquun hojjetamaa kan jiru Hidhi Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa miiliyoona 65f humna ibsaa kenna jedhamee eegama.

Jiruufi jireenyishee laga Naayil irratti kan bu'uureffame ta'uu kan irra deddeebiin dubbattu Masriin, Hidhi kun lubbuun jireenya lammiileesheef balaa akka ta'etti ibsite.

Keeniyaan biyyoota Gamtaa Afriikaa marii dhimma Hidha Haaromsaa taajjaban keessaati.

Yoggaa ijaaramuu jalqaberraa eegalee waa'een Hidha Haaromsaa biyyoota sadeen Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii gidduutti inuma mari'atama, garuu gar-tokkotti hin cinne.

Itoophiyaan bishaan guutuu eegaluunsheemmoo biyyoota sadeen daranuu garagar fageese.

Tibbana yaa'ii waliinii Mana Maree Federeeshiniifi Mana Maree Bakka Bu'oota irratti haasawa kan taasisan Pirezidaantii Rippaabilika Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa Sahleworqi Zawudee, dhimmoota xiyyeeffannaan hojjetaman keessaa Hidha Haaromsaa xumuruun hojii ijoo ta'uu himanii turan.

Itoophiyaan akkaataa fedhiifi dantaa biyyoota yaa'a gadii Sudaaniifi Masrii hin miineen Hidha Haaromsaarraa lammiileesheef faaydaa kennuurraa booddeetti akka hin jirre ibsaniiru.

Inni Itoophiyaan walii galtee malee bishaan guuttu garuu Masriin akkuma mufachiisetti jira.

Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan itti fayyadama bishaan laga Abbayyaafi dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa irratti erga marii jalqabanii waggootni torbaa ol darbaniiru.

Itoophiyaan Hidhi Haaromsa Guddichi lammiilee Itoophiyaan hojjetamaa jiru kun Masirii irratti miidhaa fidu hin qabu jetti.

Masiriin garuu tasumaa yaadichatti walii hin galtu.

Itoophiyaan gama isheen akkaataa seeraa idil-adunyaa bishaan daangaa ce'ee deemu ilaalchisee jiruun karaa sirrii taheen qabeenya uumamaa koo waan taheef akka biyya tokkootti mirga guutuun qaba jechuun mormiti.

'Masiriin Hidhi Abbayyaa waan miidhuuf osoo hin taane ol-aantummaa siyaasaaf mormiti'

Yuunvarsiitii Finfinnee kolleejjii Saayinsii Hawwaasaatti Dhaabbata Qorannoo Afrikaa keessa kan hojjatan pirofeesar Tesfaayee Taaffasaa kanaan dura turtii BBC waliin taasisaniin MasiriinHidha Haaromsaa Abbayyaa waan ishee miidhuuf osoo hin taane ol-aantummaa siyaasaaf mormiti jedhan.

Masiriin laga Abbayyaa waliin hidhata seenaafi uumamaa qabna; hanga ammaattis nutu itti fayyadamaa ture waan taheef nageenyifi faayidaan keenya yoo nuuf hin mirkanoofne fayyadamuu hin dandeessan kan jedhu ejjennoo isaanii isa cimaadha jedhu Pirofeser Tasfaayeen.

Kun ammoo Itoophiyaafis waan hin liqimfamneef fudhatama hin qabu jedhu

Masiriin Biyyoota Afrikaa keessaa humna guddaa akka qabdutti ilaalamaa turte.

Ol aantummaa siyaasaa waggoota dheeraaf qaban irraa ka'uun Itoophiyaa tuffataa turaniiru.

Amma garuu haalli waan jijjiramaa dhufeef ol aantummaa siyaasaa qaban ture sana tursiifachuu barbaadu waan taheef callisuu hin barbaanne jedhu Pirofesr Tasfaayee Taaffasaa.

Dhimmi hidha Abbayyaa kun siyaasa Baha Afrikaa keessaa jijjiiruu danda'a jedhu.

Itoophiyaan Hidha kana yoo xumurtu kallattii hundaan biyya dhaggeettii gudddaa kana caalaa qabdu tahuu malti.

Masiriin yoo Hidha kana callisnee ilaalle biyyootni akka Keeniyaa, Ruwaandaa, Ugaandaafi kaanis akkasuma bishaan kanatti fayyadamuu qabna jedhanii ka'uu waan danda'aniif ammuma cimsinee morminee waa argachuu qabna jedhanii hojjechaa jiru jedheen akka ogeessa tokkootti yaada jedhan Pirofeser Tasfaaayeen.