Koroonaavaayiras: Afrikaatti sababoota shan Covid-19 lubbuu namoota hedduu akka hin galaafanne gumaachan

People wearing face masks as a precautionary measure against the coronavirus (Covid-19) come to Entoto Kidane Mehret Church as Ethiopian Orthodox Christians celebrate Filseta Day after the end of fasting for 15 days without consuming animal products in commemoration of Assumption of Mary in Addis Ababa, Ethiopia on August 22, 2020

Madda suuraa, Getty Images

Biyyootni Afrikaa hedduun duula to’annoo koronaavaayirasii milkaa’aa labsuurratti hojii isaan galateeffachisu dalaganiiru.

Biyyoonni kun garuu weerara vaayirasichaan sirna eegumsa fayyaa salphumatti hubamuu danda’u qabu.

Ta’uus, ardiin Afrikaa namoota biliyoona tokko caalan qabdu keessaa namoota miliyoona 1.5 ta’anitu vaayirasichaan qabame, ragaan Yunvarsiitii Joon Hoopkins akka agarsiisutti.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii kun kan ardilee Awurooppaa, Eeshiyaa fi Ameerikaa gadi. Sirumayyuu lakkoofsi namoota haaraa qabamaniis hir’ataa jira.

Lakkoofsi namoota Afrikaatti sababa kanaan du’aniis 37,000 - ardiiwwan Ameerikaa Kaabaa fi KIbbaatti garuu lubbuu namoota 580,000, Awurooppaatti 230,000 fi Eeshiyaattimmoo lubbuu namoota 205,000 tu darbe.

Kanaafuu hammi namoota du’anii kan sadarkaa addunyaatti jiru caala xiqqaa ta’uu reeshoon hamma namoota du’anii bahe kan mul’isu.

Qorannoo ragaarratti hundaa’uun miidhaa Covid-19’n ardichaarratti qaqqabsiise qoratameera.

Miidhaan uummata Afrikaarratti qaqqabe kan ardiilee biroo caalaa akka salphatu agarsiise.

Hammii namoota qoratamanii xiqqaachuun garuu tarkaanfii to’annoo vaayirasichaarratti kenname jeeqaa jira.

Sababoonni gurguddoon shan Afrikaatti lakkoofsi namoota du’anii akka xiqqaatu taasisan tarreeffamaniiru. Maali fa’ii isaan?

1. Tarkaanfii saffisaan fudhatame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Manneen amantaa hedduun erga uggurri laaffifamee as irra deebiin banamaniiru

Namni jalqaba vaayirasichaan qabame biyya Masrii keessatti Onkoloolessa jalqaba bara 2020tti ture.

Yeroo sanatti vaayirasiin haaraan ardicha seene sirna fayyaa ardichaa muddama keessa buusa yookaan laamshessa jedhamee sodaatama ture.

Kanaafuu mootummoonni biyyoota ardichaa tarkaanfii tamsa’ina vaayirasichaa xiqqeessu hordofuu jalqaban.

Namoonni akka harka wal hin fuune, harka akka dhiqatan, maaskii akka haguuggatanii fi waliirraa hiiqan saffisaan hojiitti hiikuun jalqabame.

Fakkeenyaaf, Lesuutuun otoo namni tokkollee hin qabamiin labsii yeroo muddamaa labsitee, manneen barnootaas cufte.

Biyyoonni Afrikaa kibbaa biroos guyyoota 10 hin caalle keessatti tarkaanfiilee sochii namootaa daangessan labsan.

Lesutoon uggara sochii labsite battaluma kaafte guyyaa tokko booda, namni biyyatti keessatti vaayirasichaan qabame yeroo jalqabaaf argameera.

Uummata miliyoona lama kan qabdu yoo ta’u, namoota 1,700 vaayirasichaan qabaman keessaa 40 qofatu obba’e.

2. Tumsa hawaasaa

Biyyoota 18 keessatti qorannoon qo’atame akka argasiisutti hawaasni harki 85 tarkaanfiin ofeeeggannoo akka fudhatamu deeggaran.

‘’Bitootessaa fi Caamsaa gidduutti biyyoota miseensota Gamtaa Afrikaa keessatti tarkaanfiin cimaan fudhatame to’annoo vaayirasichaaf bu’aa buuseera,'' jedha gabaasni dhimma kanarratti bahe.

Waxabajjii fi Adoolessaa keessammoo uggurri labsame laafuu eegallaan, ardichatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaleera jedhe gabaasni dhimma kanarratti bahe kun.

Sana asitti gartokkee ardichaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasiin qabamanii fi du’anii hir’ateera.

Kan malees uggurri sochii hojiirra oole jiruu namoota hedduu miidhuun ibsameera.

Afrikaa Kibbaatti namoonni miliyoona 2.2 ji’a jaha keessatti hojii dhabaniiru.

Biyyoonni biroos dinagdeen isaanii miidhamnaan otoo lakkoofsi namoota qabamanii dabaluu arganii, uggura sochii laaffisuuf dirqamaniiru.

3. Dhaloota dargaggeessa hedduu, maanguddoo muraasa qabu

Madda suuraa, Getty Images

Afrikaan uummata qabdu keessaa harki caalu dargaggeessa, kunimmoo to’annoo vaayirasichaa keessatti ardicha fayyadeera.

Addunyaarritti baay’inaan namoota sababa vaayirasii kanaan lubbuu dhaban maanguddoota ganna 80 oliiti.

Dhaabbanni Fayyaa Aduunyaa (WHO) akka ibsetti, biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraan gadi jiran keessatti, namoota vaayirasichaan qabaman 91% kanneeen umriin isaanii ganna 60 gadiiti. Isaanii keessaa harki 80 mallattoon dhibichaallee irratti hin mul’atu.

Daarektarri dhaabbaticha kan damee Afrikaa Dr Matishisisoo Mohetii, uummata Afrikaa keessaa maanguddoonni 3% ta’uu himan - lakkoofsa xiqqaadha.

Ardileen biroo Afrikaa caalaa maanguddoota hedduu qabu.

Maanguddoonni Afrikaan qabdu harki caalu baadiyyaa jiru. Baadiyyaattimmoo namoonni walitti hin heddummatan yookaan walitti hin rukkatan.

4. Qilleensa baramaa mijataa qabaachuu

Madda suuraa, Getty Images

Qorattoonni yunvarsiitii Meerlaand Ameerikatti argamuu akka himanitti haalli jiidhinsaa, hoo’i fi qorri tamsa’ina vaayirasii Covid-19 wajjin hariiroo akka qabu mul’ise.

Magaalota addunyaa 50 keessatti tamsa’ina vaayirasichaa qorachuu kan ibse dursaan qorannichaa Mohaammad Sajadii, iddoo jiidhaa fi hoo’insi xiqqaatutti ‘’tamsa’innisaa ni dabala’’ jedhe.

‘’Kana jechuun garuu haalota biroo keessatti hin tamsa’u jechuu miti,’’ jedheera.

5. Sirna fayyaa hawaasaa gaarii qabaachuu

Madda suuraa, Getty Images

Koronaavaayirasiin wayita Dimokiraatik Rippaabilika Koongootti weerarri Iboolaa guddaan mudatetti gara ardichaatti dhufe ture.

Kanaafuu biyyoonni ollaa imaltoota daangaa qaxxaamuran yeruma tokkichatti Eboolaa fi Covid-19 sakatta’uutti ce’an.

Biyyoonni lixa Afrikaa bara 2013 -16 weerara Ibolaan rakkatan tarkaanfii to’annoo koronaavaayirasii ittisuuf itti fayyadamaniiru.

Tarkaaanfiiwwan kunis namoota qabaman addatti fo’uu fi kanneen tuttuqqaa wajjin qaban adda baasuu dabalata.

Afrikaa keessaatti uummata baay’ee qabaachuun kan dursitu Naayijeeriyaan, talaallii pooliyoof gartuun namootaa bobbaafte achumaan hubannoo weerara koronaavaayirasiirratti akka xiyyeeffatan ajajjeetti.

Afrikaatti bu’uraaleen dhaabbata fayyaa kutaalee addunyaa biroo caalaa kan hin guddane ta’us, sirni fayyaa hawaasaa jiraachuun tattaaffii to’aannoo vaayirasichaa cimsutti leellifameera.