Namoota du'isaanii ga'eef nama hawwiisaanii dhumaa dhugoomsuuf

Madda suuraa, Kees Veldboer
Hojiin idilee Kees Veldiboher gara qarqara galaanaa, godambaa, wiirtuulee Ispoortii, maneen amantaafi dirreewwan adda addaatti kan isa geessu ta’uus, lammiin Dach ganna 60 kun ogeessa turizimii ta’ee miti.
Waggootii kudhanii oliif, namootaa dhibee hin fayyine qaban - kan gargaarsa malee socho’uu hin dandeenye, lubbuun isaanii darbuun dura bakka jaallatan deemanii akka daawwataniif isaan gargaareera.
Waa’ee gaarummaa isaa ‘imala dhumaa’ jedhamu kessaa tokko tokko BBCtti himeera.
Gara Vaatikaanitti fiiguu
Yaddaannoo isaa inni guddaan yeroo gara Roomitti akka hin barfanneef yeroo ariifachaa ture ta’uu Veldiboher ni hima.
Madda suuraa, Kees Veldboer
Bara 2013tti, dubartiin ganna jaatamman keessa taateefi dhukubsattee sireerra haftetu, Phaaphaasicha arguu akka barbaaddu itti himte.
Marsariitii irratti Phaphaasiichi takka takka namoota dubbisuuf akka gadi ba’u argate. Carraa kana dhugoomsuu akka qabu yaaduun, magaalaa Rotterdaam irraa ka’uun gara magaalaa km1600 fagaatee jiru Roomitti ishee geesse.
“Fuldurarra siree dhibamaa itti baatanii irraan ishee kaa’e.”
Namootni wiilcheerii irraa ta’aanii turan hedduun turanis, kan siree irraa gad ciisee ture garuu ishee qofadha. Akkuma inni tilmaamettis kun qalbii Phaaphaasichaa hawwate.
Phaaphaasichi gadi bu’ee harka ishee qabatee waliin haasa’ee.
“Phaaphaasichi ishee eebbiseeni jabina hawweefi. Jireenya du’a boodaa isheefis milkii hawweeraafi,” jedha Veldiboyeer.
Yeroon kun boqonnaa sammuu dubartittiin barbaadde ta’eefi sana boodas, deebi’anii imala isaanii eegalani.
Dubartiin kun Phaaphaasicha agartee guyyaa muraasa booda lubbuun ishee darbe.
Madda suuraa, Kees Veldboer
Galaana hawwuu
Veldiboyeer hawwii namoota hedduu dhugoomseera. Dhukkubsataa tokko gara dallaa fardaa gessuun beeylada jaallatu kanatti nagaa akka dhaamuuf gargaareera. Namootni hedduun beeyladoota isaanitti nagaa dhaamuu barbaadu.
Mana jireenyaa ykn safara durii isaanii deemanii ilaaluun hawwii baramaadha. Namooti duuti isaanii ga’e hedduun, dorgommii ispoortii ilaaluu ykn bakka kunuunsa binensootaa, qurxummiifi godambaafaa daawwachuu baayyee barbaadu.
Yeroo tokko namichi siree dhibamnaan itti baatamu irra ciisee qurxummii kiyyeessuuf yeroo yaaluu argeera.
Namootni hedduu gara galaanaa deemuu jallattu jedha Veldiboyiir, kaan bakka daakaa deemu filatu.
Madda suuraa, Kees Veldboer
Tajaajilli isaa kun namootni hanga tokko haala foyya’aarra jiran galaanarra akka isaan imalan gargaareera.
Kana dura ogeessa fayyaa kan hospitaala geessuun dura nama wal’aanuu (paramedic) fi konkolaachisaa ambulaansii kan ture Veldiboyiir waggaa hedduuf du’a fuulaa fulatti argeera.
Badaa isarratti dhibbaa akka hin uumnes hima.
Namootni inni gargaaru hedduun isaanii umuriin kan torbaatamaa ol ta’anidha jedha. Garuu takka takka dhibamtoota dargaggoota gargaaruuf yeroo itti waamamutti akka itti cimu dubbata.
Laphee nama cabsa
Madda suuraa, Kees Veldboer
“Namni umuriin dullomee yeroo du’u hubachuu dandeessa. Garuu tokko tokko yeroo dargaggonni du’an arguun laphee na cabsa. “
Bara 2009 irratti dargaggeessi tokko bilbileefii jaalallee isaa gara manatti akka isaaf fiduuf adaraa jechuun gaafateeni.
“Shamarreen kun kaansariin du’aa turte. Jaalalleen ishee hospitaalaa ishee baasee mana isaa isa haaraa isheen hin agarre itti agarsiisuu barbaade.”
Erga ogeessota fayyaa irraa eeyyama argatee, Veldiboyiir shamarree kana gara mana haaraa sanaatti ishee geesse.
“Sa’aatii muraasaaf akka isa waliin turtun godhe. Erga gara hospitaalatti deebitee sa’aatii tokko keessatti lubbuun ishee darbe,” jedha.
Du’a waliin hojjechuu
Hojiin Veldiboyiir duraanii du’a waliin mudannoo hedduu akka qabaatu taasisa, innis mala haaraa du’aa waliin hojjatu argate.
Dursees kan inni hubate wantoota hin oolle jijjiruun yoo hin danda’amnellee foyyeesuun garuu ni danda’ama kan jedhudha.
“Yeroo kun siiif galu, wantootarratti ilaalcha addaa akka qabaattu si gargaara,” jedha.
Yeroo weerara Covid-19 kanaattillee, namootni imalaa dhumaa isaa akka taasisaniif gargaarutti jira.
Yaada bu’uuraa
Jireenyi isaa akka kanatti akka deemuuf hin karoorfanne. Hojii isaarratti Sadaasa 2016 wanta uumametu daandii isaa jijjiire.
“Yeroon hospitaala keessa hojjechaa turetti, nama dhibee fayyuu hin dandeenye qabun hospitaalaa tokkpogara biraatti geessan ture.
Siree dhukkubsatoonni itti sochosaman irra ture. Namni kun yoo baayyate ji’a sadiif lubbuun tura jedhamee yaadama ture,” jechuun yaadata Veldiboyiir.
Yeroo imalaa turanitti iddoo akkamii akka yaadu dhukkubsataa kana gaafate. Dhukkubsataan kunis dooniifi galaana arguu akka hawwu itti hime.
Veldiboyiir buufata doonii Roterdaamiif bilbilee, isaanis namicha akka fiduuf eyyamaniifi.
“Guyyaa boqonnaa kootti gargaarsa waayilootakoo lamaa gaafadheen, gara qarqara galaanaatti isa geessee dambaliitti dhiyaatee akka ta’uun godhe.''
Madda suuraa, Kees Veldboer
Nama du’uuf adeemu irratti jijjirama miraa guddaa arge. ''Tasa seequufi gammaduu eegale. Humnaan guutame.''
“Dhukkubsataan sun guddaa gammade. ‘ati namni ani hin beekne kana naaf oolte’ naan jedhe.”
Erga gara hospitaalaatti deebi’ee baayyee gammadaa ture. Yeroo hakiimotni tilmaaman irra ji’a sadii dabalataa turuu Ebla 2007 lubbuun isaa darbe.
“Mudannoon kun akkan yaadu na godhee, Ebla 2007 irratti hadha warraakoo waliin ta’uun namoota akka isaa gargaaruuf dhabbata hundeesse.”
Dhaabbatni Ambulaansii Hawwii - yeroos uumame.
Tajaajila bilisaa
Madda suuraa, Kees Veldboer
Waggaa jalqabaa lamaan keessa, isaafi haati warraa isaa utuu innii hojii idilee isaa hojjatuu biratti gargaarsa namootni gafatan irratti hojjechaa turani. Feedhii namootaa dabalaa dhufe guutuuf jechaa hojii isaa dhiisee gutummaatti dhaabbaticha keessa hojjachuu eegale.
“Dhabbati keenya namootni 15,000 ta’an gara bakka barbaadanitti akka imalaniif gargaareera. Ani ofii kootiin gara namoota kumaatama olii geesseera,” jedha.
“Yeroo hedduu fuula isaanii irratti gammachuu argeera. Kun ammo irra daddeebiin hojichaa akka hojjadhu na taasisa.”
Amma ambulaansii torbaa ol qabaachuun dhabbaticha biyyootii 14 keessatti hundeessuu danda’eera. Daldala miti, dhukkubsattoonnis homaa hin kaffalani.
“Maallaqa mootummaa irraa argannu hin qabnu, garuu deeggarsa ni arganna,” jedha Veldiboyiir.
Haasaa cimaa
Dhukkubsatoota dabalatee namootni biro lama ambulaansichaan imaluu danda’u. Garuu yeroo hedduu haasaan hin jiru.
“Namootni hedduu waa’ee du’aa haasa’uu hin barbaadani. Dubartoonni abbaa warraa isaanii waliin ni haasa’u, dhirootni garuu yeroo baayyee waa’ee du’aa haadha warraa isaanii waliin haasa’urraa of qusatu.”
Yeroo tokko tokko jalaalleewwan haasaa lapheerraa ta’e yeroo dhumaaf akka taasisaniif akka jajjabeessu hima.
“Takka takka bira taa’een haasicha eegalsiisee takka turee biraa deema. Yemmuun deebi’u yeroo baayyee utuu isaan boo’aniin argaani,” jedha.
Namootni du’i isaanii ga’e, jidduutti ilaalcha wal falleessu arga.
''Namootni tokko tokko du’a ni simatu. Kaan ammoo abdii kutachuu hin barbaadani. Yeroo sa’aatii dhumaarra ga’anitillee ofirraa ittisuu akka danda’anitti amanu.”
Madda suuraa, Kees Veldboer
Dhuma jireenya isaanitti hedduun waan darbe yaadatanii kan gammadan yoo ta’u, muurasatu waa’ee gaabbii isaanii haasa’a jedha.
Veldiboyiir yeroo hedduu ofii yemmuu yeroon kansaa ga’etti maal akka goochuu fedhu ni gaafatama, garuu maal arguu akka barbaadu sirritti akka hin beekne hima.
“Amma kana jechuun ni cima. Namni kan kan murteessu danda’u yeroo dhumaatti qofa. Tarii ijoolleekoon marsameen du’uu barbaada ta’a,'' jedha.