'Fakkeenya milkaa'inaa' kan taatee Aggituu Guddataa eenyu turte?

Aggituun re'oota ishee waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Aggituun re'oota ishee waliin

Kaaba Xaaliyaan bulchiinsa Tirantiinoo keessa kan jiraattu Aggituu Guddataa Kibxata darbe ajjeefamuu hordofee Xaaliyaanitti bakka buutuun Itoophiyaa Ambaasaaddar Zannabuu Taaddasaa dhimmicha dhiyeenyatti hordofuuf waahillan isaanii waliin naannichatti imaluu BBC'n odeeffateera.

Eembasichi eega ajjeefamuun Aggituu dhagaahamee gadda isaa ibsee, Ministeera dhimma alaa Xaaliyaan waliin ta'uun wanta ta'uu qabu gochaa akka jiru ibsee ture.

Xaaliyaan keessatti baaduu(cheese) aannan re'ee horsiifturraa oomishtuun kan beekamtu baqattuun Itoophiyaa Aggituu Guddataa ajjeefamuun ishee Xaaliyaan darbee addunyaa rifaasiseera.

Dhaabbanni dhimma baqattootaa Biyyoota Gamtoomanii (UNHCR) du'a Aggituun 'miidhamu' ibse

Dhaabbatichi ibsa baasen hojiin ishee ''baqattoonni hawaasa isaan simateef hangam akka gumaatu danda'an kan agarsiisedha,'' jedheera.

Dhaabbatichi dabalees, boqottuus ''Aggituun fakkeenya milkaa'inaa'' jedhamuun leellifamti, seenaan yaadatamtillee jechuun ibse.

Baqattoota jireenya isaanii tolfachuuf dhamahaniifis kaka'umsa ta'a jechuun hime.

Aggituun mana jireenyaa ishee keessatti ture duutee kan argamte.

Poolisiin biyyattii qorannoo gaaggeessuutti jiru, Aggituun mataan ishee rukutamee akka duute ibseera.

Waan akka burruusaan mataan ishee rukutamuu akka hin oolleefi ajjeechaa kanaan kan shakkame hojjetaan ishee baqataan lammii Gaanaa Poolisiif yaada kenneen yakka kana raawwachuu amanuun ibsameera.

Barruun biyya Xaaliyaan Koriyeer Deelaa Seer akka gabaasetti baqataan biyya Gaanaa kun maqaan isaa Sulimaan Adaamsa kan jedhamu yoo ta'u nama ganna 32'ti.

Madda suuraa, Getty Images

Sababiin ajjeefamuu isheetiis waldhibdee kanfaltii wajjiin walqabatu ta'uu akka malu himameera.

Ajaajaa Poolisii bulchiinsa Tiriintiinoo kan ta'an Koloneel Mikaa'eel Koopiroos '' Aggituu fi Suliiman gidduu waldhibeen jiraachuu hin beeknu. kana dura isheen qacaramee waliin hojjetaniiru'' jedhan.

Dargaggeessi ganna 32 kun ji'a lama akka ishee waliin hojjetu waamteenii akka tureefi miindiaan jia'a tokkoo naaf hin kaffalamne jechuun waldhibdeen dhalachuus himaniiru.

Shakkamaan kun si'a sadii burruusaan dhahuufi miidhaa saalaa irraan gahuu amanuu Koloneel Mikaa'eel himaniiru.

Itti gaafatamaan Hawaasa Oromoo Room Mohaammad Agaa, Xaaliyaanii irraa BBCtti akka himaniitti, Aggituun baqattootaaf qofa osoo hin taanee lammiilee biyyattif fakkeenya garri akka turte.

Kana malees Aggituun biyya baqaatti lammilee Afriikaa baqattummaan naannichaatti argamaniif carraa hojii umaa akka turte himan.

Aggituun eenyu?

Finfinneetti dhalattee kan guddattee Aggituun waggaa 10 dura ture baqaan gara Xaaliyaan kan imalte.

Barnoota sadarkaa lammaaffaa akkuma xumurteen carraa barnootaa argachuun Yunivarsiitii Terentiinoo keessatti qo'annoo saayinsii hawaasaan eebbifamteetti.

Saniin booda Itoophiyaatti deebitee yerpo muraasa erga turtee booda bara 2010'tti Xaaliyanitti deebitee koolugaltummaa gaafatteetti.

Saamichi lafaa dhaabbilee garaagaraan gaaggeefamu mormuu isheetiin roorrifamuun ishee biyyaa akka godaantu sababa ture.

Aannan ree'eerraa baaduu hojjechuuf yaadi kan dhufeefis Xaaliyaan erga galtee booda.

Jireenya baqaa mo'achuuf bulchiinsa Tirintiinoo keessatti re'oota horsiisuun bu'aa aannan re'een jireenya gaggeesuu erga eegaltee waggootni lakkaawamaniiru.

Aggituun jiraattota naannichaafi baqattoota biyyoota Afrikaarraa garasitti imalan biratti kabajaa fi beekamtii nama qabdu turte.

Madda suuraa, Ethiopian Embassy in Rome

Aggiituufi horsiisa ree'ootaa

Gaaffiifi deebii midiyaalee garaa garaa waliin taasiifteen, loon horsiisuun aadaa maatii ishee dhalootarraa dhalootatti darbe akka ta'e dubbattee turte.

Kana malees duraanuu pirojaktiiwwan qonnaa horsiisee bultoota irratti xiyyeeffatan irratti hojjachuun muuxannoo kan qabdu Aggituun, haalli kunis mikaa'ina horiisa loonii isheetiif akka gumaate dubbatti.

Xaaliyaan keessatti aannan ree'ootaan baaduu (dhama) hojjachuu wayita eegalteettis lammiilee afriikaa hedduuf carraa hojii uumtee jirti. Kaan alattis jibba sanyii dura dhaabbachuufi mirga baqattootaaf falmuun beekamti turte.

Ree'oota irratti hojjachuun akka ishee gammachisuu dubbataa turte.

Xaaliyaan keessatti lafa faayidaarra hinoollee wayita argateetti ree'oota biyya keessa horsiisuuf murteessite.

Sanyii ree'oota moggaasa maqaa Petatamoniikiinaa jadhamu qabaniifi baduutti dhiyaatan horsiisuu kan jalqabde ree'oota 15 qofaan ture.

Adeemsa keessa gara 180 horsiisuu wayita qaqabdeetti aannan isaanii fayyadamuun baaduu beekkamtii ittiin argattee omishuu eegalte.

Naannoon isheen jiraattuu horsiisa re'ootaaf waan mijatuuf akka filattee dubbatti.

Hojjattoonni ishee hojii horsiisa re'eefi omishaa baaduu kanaaf mindeessaa turtees baqattoota carraa hojii dhaban akka turan himama.

Xaaliyaan keessatti waan baratteefu galmeewwan hayyama mana jireenyaan walqabataniifi hiryyoota akka qabdu himama.

Omisha baaduu jaalatamaa

Namoonni waa'ee baaduu aannan re'ee irraa hojjatamu kanaa barachuufi ishee waliin hojjachuuf dhaqan baayyee turan. Isheenis waa'ee oggummaa jaalattuu hojjattoota isheetti himuuf duubatti jettee hinbeektu turte.

Oggummaashee cimfachuuf Faransaay biyya omisha baaduu re'ootaan beekkamtu deemuun attamiin baaduun aannan re'eerraa akka hojjatamu baratee jirti.

Baaduuwwan gosa 15 ta'an maamiltoota isheef dhiyeesiti. Hojii isheetiinis badhaasawwan garaa garaa argattee jirti.

Madda suuraa, Agitu Idea Gudeta/Facebook

Ekisipoo magaala Miilaan irrattis bulchinsa ishee bakka bu'uun dhiyaatte kan ture omisha baaduu ishee ture.

Bulchiinsa isheen keessa jiraatutti namni ooggummaa baaduu hojjachu keessa ture omtu hinturre jechuun ni danda'ama.

Aggituun jiraattoota naannichaafi kanneen naannoolee garaa garaatii dhaqaniif waggoota dheeraaf baaduu dhiyeessa turte.

Kana malees omishaalee bareedinaaf olaniifi aannan re'ee irraa hojjatamanis ni omishi turte. Turistoota ammo re'oota ishee ni daawwachifti turte.

Dhiibbaa jibba sanyii

Gaarreen daangaa Xaaliyaan Jarmaniin itti waal daangeessitu keessa waggootaaf kan jiraattee Aggituun, haleellaawwan jibba sanyii irratti hundaa'an akka irra gahan poolisootatti iyyattee turte.

''Gurraattii fokkiftuu jechuun na arrabsuu. Bakkeen jiraadhus biyya kiyya akka hintaane natti himu'' jechuun rakkina mudate ibsaa turte.

Aggituun haleellaawwan jibba sanyii ishee mudatan ifa wayita taasifteetti pirezidaantiin mana maree bulchinsichaa Ugoo Roosii gochiicha mormuun ishee waliin dhaabbatanii turan.

Pirezidaantichi yeroo sanatti, ''Aggituun baqattuu taatee bulchiinsa keenya keessatti horsiisa loonii eegalunshee keessummaa simannaa Tireentiinoofi deeggarsa kan mul'isuudha'' jedhanii ture.

Aggituun keessattu jireenya haaraa baqattootaaf fakkeenyaafi abdii turte. Bara haaraa farnajootaa Amajjii 1, 2021tti waggaa 43 guutti turte Aggituun.taa