Awustiraaliyaan gugee Ameerikaarraa Garba Paasfik qaxxaamuree biyyashee gale ajjeesuuf

Madda suuraa, Reuters
Aanga'oonni Awustiraaliyaa gugeen kun doonii meeshaa fe'uun gara Awustiraaliyaa dhufuu mala jechuun tilmaamu
Gugeen Ameerikaarraa Garba Paasfik qaxxamuree Awustiraaliyaa gale seera biyyattii cimaa cabsuudhaan to'annoo jala oolfamee bakka murtaa'e tokko akka taa'u gochuuf.
Gugeen kun magaalaa Awustiraaliyaa, Meelboornitti osoo hin argamiin dura Ameerikaa kutaa Oreegon keessatti dorgommii Onkoloolessa keessa ture irratti gugeen tokko baduun ibsamee ture.
Haata'u malee, aanga'oonni gugee maqaan 'Jooyee' jedhamu moggaafameef kana, industirii horsiisa lukkuu Awusiraaliyaatiif, akkasumas sanyii simbirrootaaf "kallattiimaan lubbuuwwan danuuf yaaddoodha" jechuun murteessaniiru.
Kanarraa ka'uun gugeen kun qabamee akka ajjeefamu murteen darbeera.
Jiraataa magaalaa Meelboorn kan ta'e Keeven Seelii gugee kana tibba Ayyaana Qillee oyiruu isaa keessatti ture kan arge.
"Baay'ee beelaan cooligee ture. Kanaaf, anis buskutii caccabseen kaa'eef," jechuun haala ture AFPf ibse.
Isaan booda interneeta banee marsariitiirraa yeroo dubbisu gugeen kun eessaa akka dhufe qulqulleeffate Keeven Seelii.
Akka namni kun jedhutti a bbaan gugee kanaa nama kutaa Ameerikaa Alibaamaa jiraaatu yoo ta'u, waqtii dorgommii gugeewwanii kutaa bulchiisa Lixa Ameerikaa, Oreegonitti gaggeeeffamaa ture baduun isaa galmaa'eera.
Isaan booda Joyeen qalbii miidiyaalee Awustiraaliyaa hedduu hawwachuu danda'eera. Sababii kanaanis aanga'oonni Awustiraaliyaa dhukkubni darddarbaan jiraanyuu mala sodaa jedhuun Keeven Seelii dubbisan.
Gugeen kun hanga ammaatti hin qabamne garuu Biiroon Qonnaa, Bishaaniifi Kunuunsa Naannoo simbirroota dhukkuba qabsiisuu waan danda'uuf adamfamee qabamuu qaba murtoo jedhu dabarsaniiru.
Dubbi himaan Biiroo kanaa, "Simbirroon madaqfamaan baar-gamaa gara biyyaa seenu ulaagaa fayyaa Awustiraaliyaa osoo hin guutiiniifi hayyama hin argatiin hin galu," jedhan.
"Balaa lubbuuwwan danuuf qabaachuu malu to'achuudhaaf gugeen kun dhabamsiifamuu qaba," jedhan.
Gugeen kun gama Lixa Ameerikaa irraa ka'ee kiiloomeetira 12,900 imaluun Kibba Awustiraaliyaa qaqqabuu akkamiin danda'e kan jedhuuf ragaan ibsu tokkollee hin argamne.
Haata'u malee, gugeen kun doonii meeshaa fe'urra ta'uun dhufuu mala tilmaama jedhu dubbatu aanga'oonni.
Gugee qabatanii Awustiraaliyaa seenuun kan danda'mu ta'ulleen bu'aa ba'iin isaafi baasiin isaa garuu cimaa ta'uun isaa ni himama.
Gugee tokkitti Awustiraaliyaa galchuudhaaf dolaara kuma kudhan kaffaluu kan barbaachisu yoo ta'u, waggoota kunan baay'eetiif gugeen Ameerikaarraa Awustiraaliyaa galee hin beeku.
Rakkoon kana fakkaatu Awustiraaliyaa mudachuun kan gugee Jooye jedhamu kanaa kun isa jalqabaa miti.
Kanaan dura taatoo Joonii Dooppiifi haadha warraasaa yeroo sanaa kan turte Hamber Haard sarootasaanii karaa seeraan alaa xiyyaara dhuunfaa isaaniitiin qabatanii dhufanii akka fuudhanii hin seenne dhorkamanii turan.
'Adamoof ba'een simbira boo'u argee - amma kunuunsaan jira'