Dinagdee Itoophiyaa: Hir'ina daldalaa walqixxaachuu dadhabeefi qaala'insa sharafa alaa Itoophiyaaf maaltu fala?

Birriifi Dolaara

Waggaa 12 dura baankonni Itoophiyaa Dolaara tokko Birrii 8.7n jijjiiraa turan. Waggaadhaa gara waggaatti baay'ee dabalaa kan dhufe sharafni alaa, yeroo ammaa Dolaarri tokko Birrii 39.47 (40)n jijjiiramaa jira.

Kun akka baankiin Itoophiyaa ifaan shallageen malee kan yeroo baay'ee gabaa gur'aacha jedhamuun jijjiiramu ammoo Dolaarri tokko Birrii 55 fi isaa ol jijjiiruurra gaheera.

Yeroo mootummaan garaa garaagarummaa jijjiirraa ifatti mootummaan baankiidhaan jijjiiruufi kan gabaa gur'aachaa gidduu jiru dhiphisuuf hojjechaa jirutti, garaa garummaan jiru gara Birrii 16 ta'uun isaa ogeessota Dinagdee yaaddesseera.

Sharafni gabaa gur'aachaa tibba kana haalaan dabaluun isaa sababa walitti bu'insa naannoo Tigiraayitti uumameen tasgabbiin dhibuurraan kan ka'e ta'uu himamullee, gatiin Birriin Dolaaraafi maallqa biroo waliin qabu kufuun isaa baroota keessatti kan mul'ataa dhufe ta'uu xiinxaltoonni Dinagdee ni dubbatu.

Kun ammoo biyyattiin gatii sirrii Birrii qabachuu danda'u kennuu dhiisuu isheerraa kan kan ka'een walqabata jedhu.

Qaala'uu shaara alaa tibbanaa

Hir'inni sharafa alaa rakkoo iyyattii belbeltuu ta'ee itti fufee jira. Srini daldala walqixaataa ta'e dhibuun keessattuu daldalli alatti erguufi gara biyyaatti galchuu walqixxaachuu dhabuun hir'ina kana daranuu hammeesseera.

Hir'inni kun ammo dinagdeerratti dhiibbaa taasisuudhaan warshaaleefi industiriiwwan hedduun guutummaatti humna qabaniin akka hin omishne, akkasumas jiraachuufillee sadarkaa yaadda'uurra isaan geessiseera.

Itoophiyaan daldala alatti erguutiin, liqaatiin, kasumas maallaqa biyyoota alaatii ergaman (remiitaansii) maallaqni argattu walitti qabamee dolaara isheen daldala alaa galchuuf ishee barbaachisu baay'ee hanqata jedha Ogeessi Bulchiinsa Faayinaansiifi Dinagdee Abdulmennaan Mohaammad.

Hir'ina madaallii daldalaarraa kan ka'een biyyattiin waggootaaf gatantaraa jiraachuutti walitti bu'insiifi tasgabbii dhabuun yeroo uumaman, mootummaan sharafa alaa barbaaduuf fedhiifi dhiyeessa gidduutti garaa garummaatu uumama jedhu.

Keessumaa ammoo ji'a tokko darbe kana keessa gabaan Dolaaraa gabaa gurraachaa haalaan dabaleera. Kanaaf sababiin guddaan eeramu walitti bu'insaafi tasgabbii dhabuudha.

Mootumman tarkaanfii loltummaa fudhatuuf fedhiin dolaaraa waan jiraatuuf, kana waliin walqabsiisee ammo dolaara mootummaan baasii taasisu daldala alarraa galchuu biroof kan ta'u malu waan fayyadamuuf hir'ina jiru hammeessa.

Sababoota akkasii kanarraa kan ka'een daldaltoonni carraa isaan dolaara baankiirraa argachuuf qaban waan dhiphatuuf hir'inni guddaan uumamuu akka danda'u eeru Ogeessi kun.

"Walitti bu'insawwan yeroo jiraatan sharafa alaa biyyi baaastu ni jiraata waan ta'eef daldalaan hanga barbaade hin argatu," jedhu.

"Daldaltoonni dolaara baankiidhaa hin argatan yoo ta'e filannoon qaban baankiidhaan ala deemanii gabaa gur'aachaa fayyadamuudha. Sababii kanaanis fedhiin baay'ee dabala," jedhu Obbo Abdulmannaan.

Dolaarri akkuma meeshaa bitamuufi gurguramuu tokkootti yoo ilaalle, tilmaamni gabaa dolaaraa akkuma shaqaxaa gatii gabaatiin murtaa'a jechuun jecha salphan ibsu.

Bu'uura yaada dinagdeetiin yeroo fedhiifi dhiyeessi wal hin qixxaannetti akkuma shaqaxa kamiiyyu qaala'uu waan danda'uuf, hir'inni dolaaraa gabaa keessa jiraannaan gatiin sharafaa qaala'uu mala jechuun ibsu.

Faallaa kanaan ammo, dolaarri yeroo baayi'naan jiraatu gatiin sharafa alaa gadi bu'a.

Dabalataanis yoo hir'inni dolaaraa gabaa keessa kan jiru ta'e daldaltoonni meeshaa ol-kuusuufi gatii dabaluun akka jiraatu waggoota keessatti mul'ateera.

"Tasgabbiin yeroo hin jiraannetti rakkoon shaqaxa dhiyeessuus waan uumamuuf meeshaa ol-kuusuu, akkasumas qaala'insi gatiis ni uumama," jedhu.

Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaa Muummee Dinagdee kan ta'an Dr. Tekihii Balaa gama isaanittiin Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane biyyoota biraa keessatti tasgabbii dhabuun yeroo uumamu wanti akkasii akka uumamu seenaa waabeffachuun dubbatu.

Yeroo Waraana Addunyaa jalqabaa maallaqni Jarman ittiin bittee gurgurtu (dooch Maark) baduu isaarraan kan ka'e lammileen sijaaraadhaan walirraa bitanii gurguraa akka turan yaadatu.

Gatiin sharafa alaa gabaa gur'aacha keessa jiru saffisaan dabaluun isaa biyyattii keessatti sababa tasgabbiin dhibee ta'ulleen, agarsiiftuu gatii dolaarri karaa seeraan/idileen itti sharafamuu akka ta'e ogeessonni kunneen ni dubbatu. Bittaafi gurgurtaa idilee kessatti dadhabuun Birrii mul'atu gabaa gur'aachaa keessattis kan mul'atudha.

Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) mootummaan gatii Birriin yeroo dolaara waliin jijjiiramu qabu akka kufaa taasisuun barbaachisaa ta'e waggootaaf gaafataa tureera.

Sirna gabaa sharafa biyya alaa Itoophiyaan waggoota kudhan darbaniif ittiin hojjechaa turte kan mootummatiin murtaa'u (Fixed Foreign Exchange market) jedhamu IMF qeeqaa tureera.

Birriin Itoophiyaa humna bituu danda'uun ol gatii guddaa akka qabu waggootaaf yaadachiisaa tureera.

Dhaabbileen humni Birrii dolaara bituudhaaf qabu ol-aanaa waan ta'eef daldala alatti erguu jajjabeessuudhaaf gabaa sharafa alaa fedhii gabaa keessa jiruun murtaa'u osoo diriirfamee rakkoo biyyattiin keessa jirtu furuuf akka dandeessisutti yaadachiisaa turaniiru.

Kana hordofuunis Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa sirni gatii sharafa alaa fedhii gabaa keessa jiruun akka gaggeeffamuuf murteesseera. Kun ammoo waggoota sadii keessatti guutummaan guutuutti fedhii gabaa keessa jiruun murtaa'a jechuun karoorri qabameera.

Marii mootummaan Itoophiyaa waggoota lama dura IMF fi Baankii Addunyaa waliin taasiseen, akka haal-duree tokkootti kan taa'e adeemsa keessa Birrii kuffiisaa gabaa gur'aacha waliin walitti siqsuu akka ta'e Obbo Abdulmannaan ni dubbatu.

Waggoota sadiif deeggarsa dinagdee biyya keessaa maddan foyyeessuuf akka ooluufi biyyattiinis raafama Maayikiroo Ikonoomii keessaa akka baatuuf jecha dolaarri miliyoonni 2.9 yeroo mijeeffameefittis, haal-dureewwan kaa'aman keessaa tokkoof inni ijoon gatii sharafa alaa saffisaan hir'isuufi adeemsa keessa akka fedhii gabaatiin murtaa'u taasisuu kan jedhudha,.

Dabalataanis Itoophiyaan deegarsa liqaa argachuudhaaf dhaabbileen misoomaa mootummaa biyyattii gara dhuufaatti dabarsuu, baasii mootummaa hir'isuufi haal-dureewwan biroon taa'aniiru. Haalu waliigalteen kanaan Itoophiyaan, hir'ina sharafa alaa hiikuudhaafi sirna gabaallee sirreessuudhaaf hojjechaa jirti.

Gabaan sharafa alaa kan idileefi gabaa gur'aachaa keessa jirus akka walitti dhiyaatu gochuudhaaf Itoophiyaan humna Birraa gadi buusaa jirti jechuun dubbatu Obbo Abdulmannaan.

"Bara darbe keessa humni Birriin qabu dolaara waliin yeroo ilaalamu harka dhibba keessaa 15 kufeera," jedhan.

"Kan bara darbee siffisni isaa dhiibbaa dhaabbileen maallaqa addunyaa kan uumanidha. Kanuma ta'eellee garaa garummaan gabaa idilee keessa jiruufi gabaa gur'aacha keessa jiru dhiphachuu hin dandeenye," jedha Obbo Abdulmannaan.

Haata'u malee, faallaa tarkaanfii fudhatameetiin garaa garummaan gabaa sharafa alaa idileefi kan gabaa gur'aachaa gidduu jru dabalaa dhufuufi gatiin Birriin qabus bu'aa dhufe jedha Dr. Tekihiin.

"Kan hojjetamuun irra ture akkamittiin gatii gabaa gur'aachaa gadi buusuu dandeenya kan jedhurratti ture."

Keessattuu ammo gabaan gur'aachaa haalaan dabaluun kuusaa dolaaraa biyyattii xiqqeessuufi galii argattus akka dhabdu taasisuu dubbatu.

Karaa ittiin biyyattiin dolaara argachuun kuusaa dolaaraashee cimsachuuf ittiin hojjettu keessaa tokko kan diyaasporaan alarraa ergu (remiitaaniidha).

Sababii garaa garummaa guddaa gabaa idileefi gabaa gur'aachaa gidduu jiruuf fedhiin namoota hedduu maallaqa isaanii karaa baankii erguu akka hir'atu Dr. Tekihiin ni dubbatu.

"Garaa garummaan Birrii kudhanii ol yoo ta'e namni kamiyyu baankii fayyadamuuu hin barbaadu. Kara foyyaa'aan jirutti deema," jedhu.

Haala akkasii kana sirreessuudhaaf to'annoodhaanis ta'e saamsuudhaan ta'uu akka hin malle gadi jabeessanii dubbatu hayyoonni.

Garaa garummaa gabaa sharafa alaa idileefi gabaa gur'aachaa gidduu jiru dhiphisuudhaaf gatii Birrii dadhabsiisuu osoo hin taane, daldaltoota gabaa gur'aachaa seera qabeeyyii taasisuufi hayyama daldalaa kennuufiifn furmaatadha.

"Hojiin isaa balaa waan qabuufi irraa fudhatamuunillee waan jiruuf gabaan gur'aachaa baay'ee qaala'a. Kan sirreessuuf osoo seera qabeessa ta'anii dorgommiinillee ni dhufa," jechuun ibsu.

Obbo Abdulmenaanis akkuma Dr. Tekihii yeroo duulliifi sodaachisuun itti caalaa deemu hojiin isaa caalaa balaa kan qabu waan ta'uuf, gatiin isaas baay'ee dabalaa akka deemu taajjabaniiru.

Mootummaan tarkaanfiiwwan akkasii fudhatullee, "Itoophiyaa keessatti duulli rakkoo furee akka hin beekne," Obbo Abdulmennaan hubachiisaniiru.

Dhaabbileen idil-addunyaa maallaqaa jijjirraa gadi buusuun isaanii abbootiin qabeenyaa omisha isaanii gara biyya alaa ergan akka kaka'aniifi hir'inni daldalaa akka sirratu, biyyattiinis sharafa alaa akka argattuufi rakkoo qabdu akka furattudandeessisa jecha turaniiru.

Haata'u malee, jijjirraa Birrii gadi buusuun yaaddoo olaanaa akka uumeefi qaala'insaa Dandeettiin Birriin sharafa alaa bituuf qabu gadi bu'uunsaa hanga barbaadame bu'aa dinagdee biyyaa irratti kan hin finnee ta'u dubbatu.

Keessattuu yaadamee kan ture daldala alaafi galii walsimsiisuuf yaadamee kan ture hin danda'amne jedhu ogeessoonni.

Obbo Abdulmannaan akka jedhanitti, biyyattiin daldala alaa irraa doolaara biiliyoona sadii yoo argattuu, daldala alaa galchuutiinn ammoo biiliyoona 15 baasii taasiifti. Garaa garummaa olaanaa kan wal simsiisuuf dadhabamuun ammoo danqaa olaanaa uumeera jedhu.

Dr Takkihii gama isaanitiin, Itoophiyaa biyyi daldala alaa ishee caalaa haala olaanaan omisha biyya alaatii galchituu keessatti sharafni Birrii gadi bu'uunsaa qaalaa'insa gatii olaanaa uumeera jedhu.

Gariin qaalaa'insaa biyyattiin ji'aan galmeessitu %20 ol waan ta'eef, dhiibbaan dinagdee lammiilee irraan gahu olaanaa ta'eera. Qaala'insa gatii kanaan walqabatees, gatiin shaqaxawwan bu'uuraa dabaluun ammoo sadarkaa yaaddeessaa irra gaheera.

Sababiin biyyattiin itti-gatii birrii gadi buuftee mummeen, yoo gatiin omishoota gurgurtuu rakase galii baayyeen ni argama, akkasumas daldalli alaas ni jajabaata jechuun ta'ulleen, haala omishitummaafi dorgomtummaan wal qabatee gaaffilee hedduutu ka'a.

Haalli kun qabatamaan Itoophiyaatiif ni hojjataa? jechuun kan gaafatan Dr Takkihiin, biyyattiin adda durummaan gara alataatti kan ergitu omishaalee qonnaa gabaa addunyaa irratti barbaadamuummaas ta'e baayyinas akka hin qabne dubbatu. Kanaafuu, omishiti gurgurtu ilaalamuu qabaata jedhu.

''Sababii gatiin omisha Itoophiyaa hir'ateef omisha keenya bitu kan jedhuudha. Dandeettii omishaa olaanaa omishuu akka gabaa addunyaatiif dhiyeessinu nu dandeessisu hin qabnu. Kanaafuu kun ni hojjata amantaa jedhu hin qabu'' jechuun sirna gabaa jiruu dubbatu.

Kanaan alattis, dameen omishaa (manufacturing) bu'aa gahaadha jedhamu fiduu waan hin dandeenyeefi daldalli alaa galu biyyattiin qabdu olaanaa waan ta'eef madaallii isaa hir'iseera.

Tilmaama maallaqaa gatii omishaaleen alaa galan ittiin bitaman dabaluun daldala alaa galu bakka buusuuf yaadamulleen, biyyattiin adda dureen alaa kan galchitu boba'aan, qorchitootaafi shaqaxoonni bu'uuraa ta'usaa kan ibsan Dr Takkihin, gatii meeshaalee kanaa dabaluun rakkoo olaanaan akka hordoofsiisu dubbatu.

Abbootii qabeenyaa omishasaanii gara biyya alaatti ergan jajjabeessuun sharafa alaa argamu ol kaasuun rakkoolee qabduu akka furtuuf kan yaadame ta'ulleen, galteewwan omishaaf dhufan sababii guddachuu gatiin tilmaamaatiin rakkoon uumuu wayita dubbatan dhagahamu.

Gatiin omishaalee alaa galan ittiin bitaman dabaluun fedhii jiru hir'isuuf kayyafatamulleen, omishaalee bu'uuraa Itoophiyaan alaa galchitu irrratti daballi akka jiraatu taasiseera.

Haalli akkasii kunis qaala'ins gatii uumuun jireeenyi lammileetti akka cimu taasisuu isaa oggeessoonni ni dubbatu.

Gatiin omishaalee Itoophiyaan omishituu hir'atuus, ammi dhiyeessitu gadaanaa yoo ta'e, faallaa isaa biyyattiin daldala alaa galchitu haaluma sanaan waan itti fufeef bu'aan barbaadame argamuu hin dandeenye jedhu.

Jijjirama sharafa daldala alaa hir'isuufi kanneen bitan meeshaalee alaa galan akka hin binne taasisuuf, akkasumas madaalli hir'ina daldalaa ni sirreessa jedhamulleen bu'a qabeessa hin taane.

Dandeettiin bittaa birrii dadhabuufi tilmaamni jijjiirraa sharafaa jijjiramuun liqaarratti dhiibbaa olaanaa uumaa jiraaachus ni dubbatu.

Dhaabbilee idil-addunyaa maallaqaa, birriin Itoophiyaa dandeettii gatii qabuun ol qabateera jechuun akeekkachisuun isaanii, akkasumas akka dandeettii birrii gadi buuftuuf gorsuun isaanii, kan yaada idil-addunyaa biyyoonni sirna gabaan hogganameen buluu qabu jedhuun kan walqabate akka ta'e dubbatu.

Furmaaniisaa maali?

Itoophiyaa rakkoonni hirrina sharafa alaa, akkasumas madaalliin daldala alatti ergamuufi alaa galuu i hirrachuunis kan mudate yoo ta'u, olaantummaan akka furmaataatti kan kaa'amu daldala alaa fooyyeessuufi keessattuu rakkoolee damee omishitootaa (manufacturing) furuun yaaluu akka ta'e oggeessoonni ni dubbatu.

Gatiin birrii gadi bu'ee bakka jiruutti yoo daldalalli alatti ergamuufi alaa galu kan hin fooyyoofne ta'e, waggoota dhufan keessa tilmaamni dolaaraa gabaa gurraacha caalaa dabalaa akka adeemuu danda'u kan dubbatan Obbo Abdulmannaan, kanaaf imaammanni mootummaa murteessaadha jedhu.

Garmalee dabaluu sharafa jijjirraa miilanaatiif tasgabbii dhabiinsi biyyattii sababa ta'ulleen, rakkooleen bu'uuraa hiikkatan malee, karaa idileetiinis ta'e gabaa gurraachatti laafuun dandeettii birrii dhimmi itti fufu ta'a.

Tarkaanfiin daldala bu'uuraafi alaa fooyyeessuu kan hin fudhatamne yoo ta'e, haalli gadi bu'uusaa akka hin jiraannee himu.

Dhimmi mootummaan adda durummaan xiyyeeffannaa kennuuf qabu tasgabbii dhabiinsa siyaasaa ta'ulleen, ta'us furmaata walitti fufaafi waaraa fiduuf ammoo rakkina sharafa alaa furuu qaba.

''Biyyattii haala kamiinuu ta'u daldala alaafi al-ergiishee walsimsiisuu qabdi,'' kan jedhan Obbo Abdumannaan, keessattuu dameen maanufaakchariingii rakkoolee hudhanii qabanitti furmaata barbaadamuutu qabaata jedhu.

Itti dabaluunis, hir'inaafi madaalli daldalaa sirreessuuf galteewwaniifi meeshaalee qonnaa keessaa bahuun gara damee maanufaakchariingii mootummaan haalaa olaanaan xiiyyeeffannoo kennuun dhimma hojjachu qabuudha jedhu.

Keessattuu, dameen maanufaakchariingiin walqabatee rakkooleen akka malaamaltummaa, hir'ina dandeettii, birokiraasii dheeraa, hir'ina anniisaa, rakkoo bu'uuraalee misoomaa, maallaqa, lafaafi kkf ni eeramu.

Kuusaan sharafa alaa olaanaan ittiin argamu jedhamuun yaadamanii kan turan paarkiiwwan industirii hir'ina anniisaa dabalee sababiiwwan adda addaatiin dandeettii isaanii guutuun omishu akka hin dandeenye dubbatama.

Mootummaan daldala alaasaa cimsuuf fooyya'insawwan oggeessaa, dhaabbilee faayinaansiifi kan biroo hoojjachuun rakkinicha furuu qabaata kan jedhan Obbo Abdulmannaan, barbaachisummaa daldala alaa bakka buusuu cimsanii dubbatu.

''Daldala alaa bakka buusuun dhimma filmaata hin qabnedha. Mootummaan biyyattiin omishaalee kamiirratti galii daldalaa ishee bakka buusuu dandeessi kan jedhu xinxaluutu barbaachisa.

Tibba kanattis qamadii dabalate qullubbiin osoo hin hafne alaa galchiti. Kun kan nama gaddisiisuudha,'' jedhu.

Rakkinicha haala walitti fufiinsa qabuun fuuruuf, mootummaan foyya'iinsa bal'aa taasisuu akka qabaatu yaadachiisu.

Dr Takkihin dandeettii bittaa birrii gadi buusuun qaalaa'insa gatii olaanaaf akka saaxilu eeruun, carraan biyyoota Laatiin Ameerikaafi Zimbaabwee akka hin mudannee of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha jedhu.

Biyyattiin imaammata ishee fayyadu haalaan xiinxaluu akka qabduufi dandiin kun dinagdee isheef caalaa akka fayyadu dhiimmoota xiyyeeffannoo cimaan kennamuuf qaban ta'uu Dr Takkiin ni gorsu.