Rippaaplikaanonni murtee Seneetii booda waldhaban

Madda suuraa, Reuters
Erga miseensonni 10 Roobii murtee Pirezdaant Doonald Tiraampiin aangorraa kaasuu simatanii booda Rippaablikaanonni Kongirasii US bakka lamatti qoodamaniiru.
Rippaablikaa olaantuu Kongirasii Liiz Cheenii erga murtee kana irratti sagalee deeggarsaa ishee kennitee booda hoggansa paartichaa irraa akka kaatuuf gaafatamaa jiru.
Seera tumtoonni Tiraamp akka kaafamuuf sagalee isaanii kennan booda doorsisi irra waan ga’eef eegumsa dabalachuu isaanii himu.
Kun kan ta’e yeroo Tiraamp aangoo gadhiisuufi Seneetii duratti dhiyaachuuf jedhutti.
Manni Maree Bakka Bu’ootaa sagalee deeggarsa 232 fi mormii 197 Roobii keennuun himmaannaa hokkora kakaasuun aangorraa akka kaafamuuf gaafataniiru.
Dhaabbati FBI Roobii dhufu yeroo Joo Baayden aangotti muudamutti hokkorri meeshaa waraanaan Waashigitaan DC keessatti kaaroorfamuu mala jechuun akeekkachiiseera.
Adde Cheeniin erga mootummaa US irratti fincila kaasuun Tiraamp akka aangorraa kaafamuuf sagalee deeggarsaa kennitee booda hatattamaan ture akka aangoorraa kaafamtuuf kan gaafatamte.
“Essayyuu hin deemu. Kun filannoo waanta siirriifi dogoggoraa irratti kennedha,” jette Aadde Cheeniin erga miseensonni Kongiresii akka aangoo ishee gadhiiftuu gaafatamu booda.
“Konfireensii keenya keessatti yeroo ilaalchi adda addaa jiraaatu keessaa kun isa tokkodha. Garuu biyya keenyarra erga waraana siviliiti, rakkoon heeraa irra ga’eera,” jechuun Rippaablikaanotatti himteetti.
Rippaablikanii tokko isaafi wayiiloti isaa hedduun erga doorsisi irra ga’ee booda uffata rasaasa ittisu bitachuufi adeemsa isaanii duraanii geeddaruuf akka dirqaman ibsaniiru.
“Kanarra ga’uun keenya nama gaddisiisa, garuu amma namni nu ajjeesuu danda’a soda jedhu qabna,” jechuun Rippaablikaanni Miishigaan Piitar Meejar Kamisa MSNBCtti himaniiru.
“Kana booda maal akka uumamu hin beeknu. Waggaa 200 keessatti yeroo jalqabaaf Kappitool ni weerarama jennee hin eegne,” jedha.
“Kanaaf, haala hin beekamneefi sodaan, adda wal qoodamuufi jibbi itti guute kana keessatti, waanta hunda gadi fageenyaan ilaaluu qabna” jedhe.