Joo Baayiden dinagdee Ameerikaa bayyanachiisuuf $ Tiriiyoona 1.9 karoorse

Joo Baayidan, Amajji 14, 2021

Madda suuraa, Reuters

Pirezedantiin Ameerikaa haaraa filataman Joo Baayiden torban dhuftu muudamanii waajira seenuun dura dinagdee Ameerikaa weerara koronaavaayirasiin miidhame dammaqsuuf kan oolu doolara Ameerikaa Tiriliyoona 1.9 karoorsuu ifoomsan.

Kongireessiin biyyattii yoo raggaasise lammileen Ameerikaa maatiin tokko tokkoon doolara 1,400 deeggarsa kallattiin argatu.

Kana malees, wixineen deeggarsa maallaqa kun doolara biliyoona 415 weerara koronaavaayirasii qolachuuf oolu of keessaatti qaba.

Doolarrii biliyoona 440 immoo daldala xixiqqaa deeegaruuf karoorfameera.

Mr Baayideen weerara vaayirasii lubbuu namoota 385,000 ol galaafatee injifachuuf waadaa seenanii turan.

Wayita duula filannoo bara darbe gaggeessaa turanitti pirezedanti Tiraamp caala haala to’annoo vaayirasichaarratti akka hojjatan dubbataa turan.

Karoorri Baayideen kan ifoome wayita weerarri vaayirasichaa rikoordii cabsaa jirutti ta’uun ibsameera.

Guyyaa guyyaan namoonni 200,000 vaayirasichaan haaraan qabamaa fi guyyaatti lubbuun namoota 4,000 sababa vaayirasii kanaan darbaa jirutti.

Baayideen maal jedhan?

Kamisa halkan haasaa magaalaa keessa jiraatan Wilmingtan, Delawarii irraa dhageessisan keessatti ‘’rakkoo cimaa nama dararuu ta’uu hubachaa jirra, yeroo qisaaseessuu hin qabnu’’jedhan.

Itti dabaluun, amma tarkaanfii barbaachisu fudhachuu qabna jedhanii dubbatan Baayiden.

Pirezedantiin haaraa filataman kun fuulduratti rakkoo hin hafu garuu waan yaadame galmaan geenya jedhanii akka abdatan dubbatan.

Karoorri Koronaavaayirasii ilaalchisuun baafatan maali ?

Joo Baayiden doolara biliyoonni 20 talaalliin lammilee Ameerikaa bira akka gahu, namoonni jumlaatti akka talaallicha akka argatan haala mijeessuu barbaadu.

Bulchiinsi Tiraamp talaalliwwan lama hojiirra oolchus, garuu qondaalonni fayyaa saffiisaan dhiyaachuu hanqate jedhu.

‘’Dhiyeessiin talaallii Ameerikaattii duraan ture gadi kufaa ture’’ jedhan Baayideen.

Bulchiinsi Baayiden guyyoota 100 keessatti talaallii miliyoona 100 dhiyeessuuf karoorsan.

Kana malees, qorannoo babal’isuuf doolara biliyoona 50 akka barbaachisu ibsuun madditti, manneen barnoota deebi’anii akka banaman deeggaruuf doolara biliyoona130 karoorsaniiru.

Ogeeyyii fayyaa hawaasaa 100,000 namoota vaayirasichaan qabman namoota tuttuqaa qaban adda baasan qacaruufillee karoorfameera.

Deeggarsi gama dinagdee kan akkamiiti?

Namoonni miliyoona 11tti dhiyaatan biyyaatti keessatti hojii kan dhaban wayita ta’u, deeggarsi maallaqaa hojii dhabuusaaniif torbanitti namni tokko argatu $300 irraa gara $400 guddata.

Kunis amma Fulbaana dhuftuutti kan hojiirra oolu itti fufa.

Pirezedantiin haaraa filataman Baayideen sadarkaa federaalaattii kaffaltiin dafqaa humna hojjattootaaf sa’aatii tokkotti kaffalamu doolara 15 irraa akka eegaluu qabu kongireessii biyyattiif akka dhiyeessanillee ni eegama.