Aleeksii Naavaalinii kan Pirezidantii Raashiyaa qeequun beekamu eenyu?

Madda suuraa, Reuters
Duula farra malaammmaltummaa gaggeessuun kan beekamu Aleeks Navaalinii, pirezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutiin ifatti mormuun mormitoota biyyattii hunda caala beekama.
Bilogarii beekamaan ganna 44 kun, midiyaa hawaasaa irratti hordoftoota lammiilee Raashiyaatti miliyoonatti lakka’aman kan qabu yoo ta'u, bara 202tti deeggartoonni isaa muraasnis mana maree gandaa Saayibeeriyaa keessatti akka filataman gochu danda'eera.
Navaalniin paartiin Puutiin keessa jiran Yuunaayitid Raashiyaa keessa ’’hattootaafi dabdotatu'' guutee jira jedhee himata. Kana malees miti, Puutin aangoo kiremiliin dhuunfachuun ''biyya mootummaa gonfoo'' uumuun ‘’dhiiga Raashiyaa xuuxaa jira’’ jedhee himate.
Navaalnii mormii aanga'ootaa biyyattii guutuutti gaggeefamee hogganeera. Haata'u malee abjuun gaale; sagalee filannootiin Puutiin mo'achuuf qabu fiixaan baasuu hindandeenye.
Bara 2018tti kaadhimamaa dorgommii filannoo pirezedantummaa irratti hinhirmaanne dhorkameera.
Sababiin ittiin dhorkameef ammoo manni murtii biyyatti yakka imaanaa nyaachuu jechuun balleessaan irratti argame jechuun itti murteeseef ture.
Navaaniin garuu balleesssaan dalage hin qabu jechuun himannicha mormatee ture. Himannaan seeraa sun qeeqa cimaa dhiyeessaa ture haaloo na bahuuf jedhe.
Summii ‘Novichookiin’ irraa hafuu
Navaaaniin summeessii Hagayya 2020tti isa mudate tureefi sababii isaatiin du'uuf tureef, pirezedantii Raashiyaa kan umuriin gannaa 68, Mr Puutiiniitu akka qorichaan na summeessan basaastoota ajajee jechuun himata.
Innis osoo xiyyaaraan gara Saayibeeriyaatti imalaa jiru ture gaggabee kufnaan, summaa'u hinollee jedhamee shakkamuun gara hospitaalaa Omsikitti argamu tokkootti atattamaan geeffame ture.
Boodas erga of wallaaleen booda, dhaabbata tola oltummaa tokko qondaaltota Raashiyaa amansiisuun wallaansaaf xiyyaaraan gara Jarman-Beerliin geesse.
Fulbaana 2, bara 2020ttis mootummaan Jarman qorannoo waraanni biyyatti gaggeesseen ‘’keemikaalli gartuun 'Novichok' jedhamuun haleelamuusaa mirkaneesse.’’
Novichok gartuu meeshaa waraanaa keemikaalaatti kan ramadamu yoo ta’u, bara 2018 keessas basaasaa biyyatti duraanii kan turan Serge Iskirippaal fi intallisaa Yuliyaan Inglaand keessatti ittiin miidahamuun kan du'atti dhiyaatanii turaniiniidha.
Dubartiin intalaa Serge Iskirippaal wajjin tuttuqaa uumtee turte tokkos sababii kanaatti lubbuushee dhabdee turte.
Kireemliin garuu haleellaa summeessuu Navaani irratti raawwatame jedhame kana keessaa Raashiyaan qooda akka hin qabne beeksiste turte.
Akkasumas Mr Puutiin himannaa kana haaluun waa'ee shimma kanaa ifatt maqaa dhahu hinbarbaadu.
Gama biraatiin ammoo, Navaanii basaastoota Ameerikaan waan deegaramuuf adda hordofamaa akka jiran amananii turan.
Madda suuraa, Reuters
Qondaaltoonni haalan illeen, gareen qorannoo maqaa 'Bellingcat' jedhamuun beekamu tokkos Mr Naavaalnii ergantoonni summeeffamu isaa shakkeera.
Naavaalniis qondaala tikaa olaanoo tokko wayita ergamtoota keessa tokko kan dhugaa bahe sagalee bilbilaan warraabame maxxansee ture.
Onkolooleessa keessa ammoo Gamtaan Awurooppaa qondaaltota olaanoo Raashiyaa ajahaafi wiirtuu qorannoo meeshaa waraanaa keemikaalaa biyyattii irra qoqooppaa kaa'eera, haleellaa keemikaalaa Navaanii irratti raawwatamee keessatti kallattiin hirmaataniiru jechuun.
Raaashiyaanis bifuma walfakkaatuun qondaaltoota Gamtaa Awurooppaa deebistee qoqqobii irra keessee.
Sana duras haleellaan biraa Navaalniirra qaqqabee ture.
Bara 2019 wayita mana hidha turetti keemkilaa summaa’aaf saaxilamuu akka hin oollee hakimiin isaa itti himee ture.
Akkasumas yeroo lama halellaa ''zelyoka'' jedhamuun irratti raawwatameen ijjisaa kemikaalaan gubatee ture.
Madda suuraa, Alexei Navalny/Instagram
Biloogarii beekamaa
Aleeksi Navaaniin Kireemlin qofaa osoo hin taane, mormitoota biyyattiillee qeequun beekama.
Bara 2014tti Pirezidant Puutiin, Kireemiyaa Yuukireenirra gara Raashiyaaatti dabaluusaanii ilaalchisee Raadiyoo biyyattii tokkorratti af-gaaffiin taasifameefii ture.
Innis Kirireemiyaan seera idil- addunyaa cabsuun '‘to’atamtee qaama Raashiyaa taatullee, Kiremiyaan kan walooti’' jedhee ture.
Navaaniin siyaasa biyyattii keessatti humna qabaachuun isaa kan barame bara 2008 ture.
Yeroo sanatti korporeeshinii mootummaan biyyatti to’atu keessatti malaammaltummaa fi barsiifata sirrii hin taane ilaachisuun biloogii barreessaa ture.
Miidiyaalee hawaasarrattis pirezidati Puutiin qeequun kan beekamu Navaalniin, hordoftoota hedduu horateera.
Filannoo duraa kan bara 2011tti gaggeeffameen dura osoo morkataa ta'ee hin dorgomiin ileen, paartii Yuunitid Raashiyaaan alatti paartii feetan filadhaa jechuun namoota biloogii isaa hordoofaniif dhaamsa barreesse ture.
‘’Yuunitid Raashiyaaan garuu hattootaafi dabtoota qofatu keessa guute’’ jedhee qeeqaa ture.
Booda garuu paartiin Yuunitid Raashiyaan sagalee gadaanaan filannicha injifatee ture. Boodas injifannichi sagaleen waliin dhahameera jedhamuun Magaalaa Mooskoofi magaaloota gurgudduu biraa keessatti mormiin gaggeefamee ture.
Aleeksii Naavaalii:
- Waxabajjii 4, 1976 Butyn bulchiinsa Moskoo keessatti dhalate
- Gosa barnootaa seeraatiin Yunvarstii 'Moscow's Friendship of the Peoples' jedhamurraa bara 1998tti eebbifame
- Bara 2010tti Miseensa 'Yale World Fellow' ta'e
- Haadah warraafi ijoollee isaa lama waliin Mooskoo keessa jiraata
Mormii Mudee bara 2011 gaggeeffameen wal qabatees Naavaalniin guyyoota 15f hidhamee ture. Filannoon booda ammoo Muddee 24 irratti hiira guddaa Mooskootti gaggeefamee fi namoonni gara kuma 120 irratti hirmaatan irratti haasaa taasisee ture.
Boodas filannoo irra deebiin gaggeeffame Mr Puutiin haaluma salphaatti kan injifatan yoo ta’an, Koreen Qorannoo Raashiyaa Cimaan qorannoon yakkaa Navaaniirratti akka gaggeefamun taasisuun, oggummaansaa seeraa mataansaa gaaffii keessa akka seenu taasise.
Bara 2013 yeroo muraasaaf wayita dhiamee tureettis, waggoota shaniif akka hidhamu itti murtaa'ee ture. Haata'u malee osoo hineegamniin hidhaa bahee akka dorgommiifilannoo Kantibaa Magaalaa Mooskootiif duula gaggeessu hayyamameef. Dorgomaa paartii Puutiin injifamee lammaffaa ture.
Sanas garuu osoo TV biyyaaleessaarratti duula na filadhaa hingaggeessiin midiyaa hawaasaa fi jecha afaanitiin qofa hanga sana argachusaa akka injifannoo olaanaatti ilaale ture.
Madda suuraa, AFP
Boodas Murtee Manni Murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa dhaddacha duraatiin haqni sirriin hinkennamneef jedhameen booda himmanaan isaa Mana Murtii Olaanaa biyyattiin akka haqamu taasifameera.
Bar 2017ttis yeroo lammaaffaf waggaa shaniif akka hidhamu itti muramee ture. Inni garuu akkan filannoo bara 2018 irratti hin hirmaannee na daangessuuf murtee darbeedha jechuun isaa ni yaadatama.
Haata'u malees netiwarkii farra malaamaltummaa haalaan qindaa isaatiin alatti, Mooskoofi magaaloota gurguddoo biraa keessatti deeggartoota hedduu horchuuf dandeettii qabaachu isaarratti garuu shakkiitu jira.