Hookkara Wilmington bara1898: Bara warri olaantummaa adii leellisan mootummaa US fonqolchan

Gurmuun namoota miidhaa geessisanii kun waajjira galmee guyya guyyaa Wilmington guban

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Gurmuun namoota miidhaa geessisanii kun waajjira galmee guyya guyyaa Wilmington guban

Namoonni miidhaa geessisuu kaayyeffatanii waliin gurmaa'anii socho'an kunneen, aarii aanga'oota siyaasaa irraa qabanirraa kan ka'e, magaalattii barbadeessanii mootummaa filatames aangoorraa fonqolchan.

Filannoo bara 1898 gaggeeffameen booda gareen olaantummaa saba adii leellisan gara Kaaba Kaarolaayinaa magaalaa buufata galaanaa taate Wilmingtonitti duuluun qabeenya warra gurraachaa barbadeessan, hedduusaaniis bifa suukanneessaan ajjeesan. Kanneen haleelaman hanga yoonaa haqa hin arganne.

Filannoo booda mootummaa warra adii fi gurraachaa waliin ta'uun hundeessan humnaan diiguun fonqolchan.

Hayyoonni seenaa fonqolchi mootummaa US irratti raawwatame seenaa keessatti isa kana qofa jedhu.

Dureewwn garee kanaa guyyuma sana aangoo qabaachuun mirga filachuu fi mirgoota namoomaa biroo saba gurraacha irraa mulqan.

Seenaan Wilmington kan tibba darbe gaafa Amajjii 6, 2021, hiriirtonni Kaappitaal Hiil weeraran waliin walfakkaata.

Bakka buutonni uummataa bu'aa filannoo Sadaasa darbee mirkaneessuuf kan walga'anii turan yoo ta'u, hirrirtoonni deggartoota Tiraamp ta'an garuu gamocha weeraruun walga'icha gufachiisuuf turan.

Magaalattiin weeararamtee fonqolchi mootummaa raawwatee waggaa 120 booda ammallee daafoo sanaan magaalattiin qoramaa jirti.

Erga bara 1865 waraanni hololaa(Civil war) goolabamee booda, sirna gita bittummaa fi daldala garbaa dhorkamee ture.

Qaamoleen siyaasaa Waashigitan DC heera mootummaa akkaataa mirga garbootaa eeguun fooyyessan, kana hojiirra oolchuufis humna waraanaa ramadan.

Uummanni gara kibba biyyattii jiru kanatti haaloo qabateera.

Goolabamuu waraana hololaa booda waggoota itti aanan keessatti seera warra gurraachaaf iddoo kennee ture boodatti deebisan, gurraachi akka namaatti hawaasatti dabalamee akka hin jiraanne godhan.

Magaalaan Wilmington magaalaa bal'oo buufata doonii taate badhaatuu fi kan lammiileen gurraachi itti heddummaataniidha.

Lammiileen Afriikaan Ameerikaan ta'an qoollifannaa fi hacuuccaan akka irra ga'u shakkii hin qabu, fakkeenyaaf baankiin lammiilee gurraacha akka warra adiitti hin tajaajilu.

Erga waraana hololaatii waggaa 30 booda lammiileen Afriikaan Ameerikaan ta'an of-gurmeessanii hojii biizinasii keessa galuu eegalan.

Mana hundeeffatan, bilisummaa argatanis dhandhamuu eegalan.

Magaalaan barruun(gaazexaan) warra gurraachaa keessatti argamu magaalaa Wilmington qofa jedhama. Innis 'the Wilmington Daily Record' jedhama.

"Lammiileen Afriikaan Ameerikaan ta'an haga tokko milkaa'oo turan'' jedhan Yuuniversitii Yaaleetti Pirofeesari seenaa Glenda Gilmore.

Bara sana ilaalchi Dimokiraatotaa fi Rippaabilikaanotaa kan har'aa irraa adda ture.

Paartiin Rippaabilkaan kan Abrahaam Linkaniin durfamu walqixxummaa saboota hundaa leellisa, dimokiraatonni ammoo faallaa kanaa turan.

Har'a garuu faallaa sanaa warri dimokiraatotaa walqixxummaa sabootaa yoo leellisan, rippaablikaanonni ammoo olaantummaa warra adii dhaadhessuun himatamu.

Bara 1898 wayita filannoon saboota gurraacha hirmaachise gaggeeffametti hidhattoonni warra adii filattoota saba gurraachaa doorsisaa turan.

Madda suuraa, Courtesy of the State Archives of North Carolina

Ibsa waa'ee suuraa,

Hidhattoonni warra adii filattoota gurraacha ta'an hiraarsaa turan

Bara sana akka waan lammiileen gurraachi akka fedhanitti dubartoota adii waliin ciisuuf aangoo ofharka galfachuuf yaalaa turaniitti Oduun barraa'aa ture.

Barruun warra gurraachaaf bakka kennu 'the Wilmington Daily Record' garuu kun sirrii miti jechuun barreesse.

Abbaan qabeenya barruu kanaa Aleksaandar Maanlii dhiironni gurraacha dubartoota adii waliin ciisaa kan turaniif fedhii isaaniirratti hundaa'uun malee gudeedanii yookiin aangoodhaan gowwoomsanii akka hin taane ibsee ture.

Dura taa'aan dimokiraatotaa yeroo sanaa Alfireed Moor Waadel filannoo bara 1898'f wayita qophaa'aa turanitti warra gurraachaa irratti dhaadatan.

''Warri adiin hojii keessan hojjedhaa, warra gurraacha ammoo to'adhaa. Tokkoonsaanii yoo argitan akka bakka filannootii deeman itti himaa. Yoo isaan didan rasaasaan rukutaa. Meeshaa waraanaan haala kanaan yoo fayyadamne bor filannocharra aanuu dandeenya.'' jechuun haasawa taasisan.

Warri dimokiraatotaa filannoocha of harka galfachuuf dhaadataa turan, filattoonni hedduun iddoo filannootii hari'aman, kaan afaan meeshaatiin doorsifamanii filachuu dhiisan.

Namoonni aangoof cichaa turan kunneen hanga yeroon turtii aangoo magaalattii bara itti aanu goolabamutti aangoorra turuuf murteessan.

Filannoon gaggeeffamee guyyaa lama booda Waadel fi namoonni adiin dhibbaan lakkaa'ama hidhannoo guutuudhaan gara Wilmington imaluun waajjira Barruu Daily Record barbadeessan.

Achirraa ka'uun uummata magaalaatti dhukaasanii ajjeesuu fi qabeenya barbadeessuu eegalan, Waadeelii fi gareen isaa erga uummata daggalatti naqanii booda galma bulchiinsa magaalaatti marsuun aanga'oota aangoorraa fonqolchan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Magaalaa Wilmington

Warri adiin waggaa lama booda seera warra gurraacha qoollifatu hundeessuun siyaasa keessaa baasan. Lammiileen gurraachi filachuuf galmaa'an bara 1896 keessa 125,000 ga'u turan, lakkoofsi kun bara 1902 gara 6,000tti xiqqaate.

Magaalli kun hanga bara 1998'tti seenaa ishee madeessee darbe irratti dubbachuu hin eegalle.

Bara 1998 qondaaltonni naannoo waggaa 100ffaa haleellaa sanaa yaadatan.

Ergasii komishinii haala ture qoratee dhugaa baasu hundeessanii, achiin booda yaadannoo taatee sanaaf siidaan dhaabame.

Hayyoonni seenaa haalli waggaa 120 ol dura ture kan bara 2021 keessa aanga'oota siyaasaa US'n raawwatamaa jiruun walfakkaata jedhu.

Akkaataan warri adiin bulchiinsa Wilmington fonqolchanii fi deggertoonni Tiraamp bu'aa filannoo sarbuuf galma walga'ii Kaappitaal Hiil itti weeraran akkaan walfakaata jedhan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Eegdonni hidhatan hiriirtota Kaappitaal Hiil weeraran ittisaa jiru

Kiristoofar Evereet nama dookumantarii waa'ee taatee bara 1898 hojjeteedha.

Kiristoofar weerara Kaappitaal Hiil irra ga'e wayita argu taatee Wilmington yaadate.

''Haleellaa bara 1898'f hanga yoonaa namni itti gaafatame hin jiru. Sarbamiinsa mirga namaaf daandii biraa bane. Wayitan weerara Waashingtan DC argu bara sanan yaadadhe. Kunis haqa hin argatu taanaan hookkara biraaf daandii kan banuudha'' jedhe Kiristoofar.

Madda suuraa, Speller Street Films

Ibsa waa'ee suuraa,

Kiristoofar Evereet ,bitaa, waa'ee haleellaa Wilmington dokumantarii hojjetaa jira