Jaaneet Yeelan dubartii jalqabaa ministira maallaqaa Ameerikaa tahan

Madda suuraa, Getty Images
Jaaneet Yeelan sagalee Seneetiin kenneen dubartii jalqabaa ministira maallaqaa Ameerikaa tahuun isaanii mirkanaa’eera.
Aadde Yeelan bara 2014-2018 baankii gidduugalaa Ameerikaa hoggananiiru, kana dura miseensota koree faayinaansii seeneetii irraa deeggarsa paartiilee lamaanii argachuun mo’atan.
Bulchiinsa Baayidan keessatti tarkaanfii diinagdee weerara koronaavaayirasii to’achuuf taasifamu qajeelchuuf itti gaafatamummaa fudhataniiru.
Ameerikaan diinagdee sababii koronaavaayirasiin dadhabe keessaa bahuuf wal’aansoorra jirti.
Gaafa Amajjii 19 filamuun isaanii kan mirkanaa’e Yeelan deeggarsa weerara koronaavaayirasiif Kongirasiin qarshii tiriiliyoonaan akka raggaasisu gaafatan.
Seera tumtoonni waa’ee liqaa otoo hin yaadda’in ‘murtoo jabaa’ kennuu qabu jedhan.
Karoorri gibira guddisuu invastimantiiwwan gurguddoo maallaqaan deeggaruun diinagdeen Ameerikaa dorgomaa akka tahu taasisaa jedhan.
‘’Amma xiyyeeffannnoon dhimma gibiraa osoo hin taane, sagantaa weerara kana keessaa nu baasu dha,’’ jechuunis dubbatan.
Jaaneet Yeelan eenyu?
Jaaneet Yeelan hoggantuu Baankii Gidduugalaa Ameerikaa turan. Imaammata baankichi hojjettoota irratti qabuu fi baasii Ameerikaa wal-qixxummaa hin qabne irratti xiyyeeffatanii hojjechuun beekamu.
Pireezidantii Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaatu dhaabbaticha akka hoggananiif bara 2014tti isaan filate.
Miseensa boordii dhaabichaa tahuun yeroo dheeraaf kan tajaajilaa turan yoo tahu, waggaa afuriif dura teessuu itti-aantuu tahuun hojjetaniiru.
Donaald Tiraamp immoo isa duraan Waashigitanitti marsaa lammataa filachuun bartee tahe cabsuun Yeelaniin otoo hin filatiin hafan.
Madda suuraa, Getty Images
Haa tahu malee dubartii kun yeroo ammaa ogummaa diinageedhaan ol bahuun mallattoo qabsoo dubartootaa addunyaa diinagdee keessatti taasisanii taateetti.
Yeroo baankicha bara 2018tti gadhiisan namooti baa'een ergaa galataa dabarsaafi turan.
Yeelan miseensota bulchiinsa Baayidan ilaalcha wal-faallessu qabaniif deebii quubsaa nama kennanidha jedhamu. Yeroo baankii gidduugalaa hogganuuf filataman Rippaabilikaanota irraa deeggarsa argatanii turan.
Xiyyeeffannoon isaanii carraa hojii yoo tahu, dhala liqaa xinneessuun kabaja horataniiru.
Qarshii liqeeffachuu salphaa taasisuun diinagdeen akka guddatus taasisaniiru.
Haa tahu malee hoggansa isaanii jalatti baankichi bara 2008tiin asitti yeroo jalqabaaf gatii dhala liqaa dabalus suuta suutaan ture.
Dhimma kanas of eeggannoon keessa bahuun isaanii leellisa kan argamsiiseef yoo tahu garuu falmii kaasuunsaa itti fufeema jira.