Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii hogganoota waraanaa biyyattii ari’an

Madda suuraa, Getty Images
Prezidant Buhaarii (bitaarraa sadaffaarra kan jiran) ''hojii gadhiisuu atattamaa'' qondaala waraanaa fudhachuu himan
Pireezidantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin bara 2015 yeroo aangoo qabatan hogganoota waraanaa muudan ari’aniiru.
Tarkaanfii tasa fudhatame kanaan maqaa namoota isaaniin bakka bu’anillee Tiwiitara isaaniirratti katabaniiru.
Waraana humna qilleensaa, galaanaa, lafoo fi hogganaa ittisa biyyaa aangoorraa kaafaman kanaaf ammatti sababiin ifatti himame hin jiru.
Naayijeeriyaan rakkoo nageenyaa sababii garee hidhataa Bookoo Haaraamiifi butamuu namootaa to’annoon ala taheen yeroo wal’aansoorra jirtu kanatti murtoon kun kenname.
Bulchitoonni naannoo dhageettii qabaniifi Yaa'iin Biyyaalessaa Naayijeeriyaa hogganoota kunneen itti-gaafatamummaa isaanii raawwachaa hin jiran jechuun bakka akka buufaman gaafataa turan.
Buhaariin ofii hogganaa waraana kan turan bara 2015tti garee finciltootaa kaaba-bahaa Naayijeeriyaatti socho’an nan dhaabsisa jechuun kakataniiti aangootti kan dhufan.
Mootummaan yeroo baayyee Bokoo Haaraam injifatameera jedhus, gareen kuni garuu yeroo gargaraatti haleellaa raawwachuu itti fufeera.
Gareeleen hidhattoota Islaamaa kaanillee naannichatti jabaachaa jiru.
Hoggansa Buhaarii fa’i jalatti lolli qonnaan bultootaa fi tikfattootaa gidduugala biyyattiillee hammaachaa dhufeera, warreen namoota butanis akka garaa socho’aa jiru.
Murtoo yeroo dheeraa fudhate
Xiinxalaan BBC dhimma kana hordofu Isihaaq Kaaliid, hogganootni aangoorraa ari’aman kunneen waggaa shaniif tajaajilaniiru - kun erga Naayijeeriyaan sirna demookiraasiitti deebitee yeroo aangoo isa dheeraa dha jedha.
Yeroo jalqaba aangootti dhufan Bookoo Haaraam fi garee isarraa foxxoqe kan Iswaap jedhamu irratti tarkaanfii fudhataniin leellifamaa turan.
Bara 2015tti gareen hidhataa kun lafa bal’aa yoo qabatu, halleellaa boombii irra deddeebiin qaqqabsiisaa ture. Yeroo ammaa akka yeroosii tahuu baatuus riphee loltoonni kunneen waraanaa fi namoota nagaarratti haleellaa raawwachuu itti fufaniiru.
Hogganootni qaama nageenyaa akkaan dabaluu garee maallaqaaf namoota butanii ilaalchisee qeeqa jabaatu irra gahaa ture.
Mudde keessa barattoonni dhiiraa 300 tahan mana barumsaarraa butaman boodarra marii warreen butan waliin taasifameen gadhiifamaniiru.
Lammiileen Naayijeeriyaa murtoo kanaaf yeroo dheeraan fudhatameera jedhanillee, hogganootni haaraa biyya nagaa-qabeessa gochuuf ni hojjetu jedhanii abdatu.
Haa tahu malee humna waraanaa kana meeshaa fi maallaqaan cimsuuf hojii baay’etu eegama.