Dubartiin Kongireesii Ameerikaa haleellaan saalaa irra gahuu himatte

Okaaziyoo-Koortee

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa,

Okaaziyoo-Koortee

Dubartiin Kongireesii warra Demookiraatii Aleksaandariyaa Okaaziyoo-Koorteez haleellaan saalaa irra gahee akka ture himte.

Aleksaandariyaan dararaa irra gaheef miseensa warra Rippaablikaanii komatti. Hokkara baatii darbe qaqqabees ‘mala warra hacuucanii,’ jettee jirti.

‘’Ani nama haleellaa saalaa irraa hafedha,’’ jechuun imimmaan otoo ishee hudhuu dubbatteetti. ‘’Kana nama baayyeetti hin himnes,’’ jette.

Bara 2018 irraa qabee paartii warra Demookiraatii keessaa kanneen maqaa gaarii argatan keessaa isheen tokko.

Koorteez Niiwu Yoork, distriiktii 14ffaa naannoo Birooniks fi Kuwiins jedhaman bakka buuti.

Haasaa kallattii Instaagiraamii irratti taasifteen shamarreen ganna 31 haleellaa irra gahe hundumaa haasa’uu baattus ‘’dararaa keessa yoo darbinu irratti nutti dabalamaati adeemaa,’’ jette.

Bakka bu’aa Teeksaas Teed Kiruuz hokkara gamoo Kaappitaalitti ka’eef maqaa isa dhooftus inni garuu kana haalera.

Torbee lama booda dhimma imaammataa irratti yeroo Kiruuz ishee waliin waliigalu,’’torbee sadii dura na ajjeesiftee oolte amma kanarrtti dubbachuu hin dandeessu,’’ jetteen

Miseensa Kongireesii warra Rippaablikaanaa Chiip Rooy, Kiruuziin akka dhiifama gaafattuuf itti dubbannaan qeeqxee jirti.

‘’Malli warreen sarbitoota mirgaa,’’ akkasi jette haasaa kallattii namoonni 150,000 ilaalan irratti.

‘’Kuni yoo tahu yoon argu, waanti natti dhagahme, ’’lammata akkas narratti hin tahu kan jedhudha.

Namoonni biroo haala kanaan miidhamaniiru. Kuni garuu biyya keenya irratti lamuu akka dhalatu hin eeyyamun jedhe jetti.

Dhimma hokkora baatii darbeenis namoonni akka irraanfannu nu gaafatu garuu gocha isaaniif itti gaafatamummaa hin fudhanne jetteetti.

Yeroo haleellichaas mana fincaanii waajirashee keessattii dhokattee ‘du’uufi jedhee sodaadheen ture,’’ jetteetti.