Gumiin Mana Maree Musliimaa Biriiteen yeroo jalqabaaf hoggantuu dubartii filate

Zaaraa Mohaammad

Madda suuraa, MCB/ PA MEDIA

Gumiin Mana Maree Musliimaa Biriiteen yeroo jalqabaaf hoggantuu dubartii filate. Dubartiin yeroo jalqabaatiif bakka itti gaafatama guddaa kanatti filatamtes Zaaraa Mohaammad jedhamti.

Zaaraa Mohaammad barreessituu waliigalaa tahuun filatamushee ‘kabaja guddaadha’ jetteetti. Dhaabbota Musliimaa dhaaba gaaddisaa isa guddaaf michooma qabanirraa sagalee argachuun mo’atteetti.

Dhaabbata kana hogganuun waggaa afur kan dabarse Haaruun Kahaan yeroosaa xumureera. Shamarreen ganna 29 Gilaasgoo irraa dhufte dubartoonniifi dargaggoonni hoggantummaa irratti hirmaachuu barbaadaniif kun jajjabina kenna jette.

‘’Dubartoonni ga’umsa barbaachisaa qabaatanillee hoggantummaa irratti hirmaachuuf boodatti harkifatu,’’ jette.

‘’Dubartootaafi dargaggoota kana caalaa hirmaachisuun dhaabichi danooma akka qabaatu ni goona, dalagaa keenyas akkasuma,’’ jette.

Kantiibaan magaalaa Landan Saadiiq Kahaan filatamuu Zaaraa ‘waan gaarii’ jechuun Tiwiitara isaarratti barreesse.

Kahaan, ‘’Zahaaraadhaaf milkaa’inan hawwaafi-jireenya hawaasa keenya guutuu biyyattii jiru akka fooyyeessituutti hogganuu itti haa fuftu,’’ jechuun hawwii isaa barreesseera.

Zaaraanis kaayyooshee yoo ibsitu,’’qaama bakka bu’aa, hunda hammataafi danooma kabaju gochuu ittan fufa,’’ jette. Kanas dhimma waloo Musliimota Biriiteen jiraniifan taasisa jette.

Kana dura dhaabicha keessatti hoggantuu itti aantuu tahuun tajaajilaa turteetti.