Sudaan: MM Sudaan Abdallaa Hamdook, hoggantoota finciltootaa duraanii kaabiineesaanii haaraaf muudan

MM Sudaan Abdallaa Amdook

Madda suuraa, Reuters

Ministirri Muummee Sudaan kaabiinee haaraa ministiroota 25 hammatu hundeessan.

Ministirri Mummee Hamdook murtee isaanii kanas haasaa TV biyyaaleessaa irratti kallattiin tamsaasa'een mirkaneessan.

Itti dabaluunis, ''Kaayyoon kaabiineen haaraan itti ijaaraameef inni guddaan waliigaltee siyaasaa biyyattii kufaatii irraa oolchuuf'' jedhaniiru.

Motummaan haaraan isaanii ministiroota 25 akka qabaatu kan beeksiisan MM kun, Ministirri Barnootaa eenyu haa ta'u kan jedhu irratti ammayyuu waliigalteerraa akka hin gahiin himan.

Ministirri Mummee Haamdook tibba ibsa gaazexeessitootaaf kennanniitti akka dubbataniitti, motummaa haaraan kaayyoowwan waraaqsa ummataa Muddee 2019tiin kan abboomamu yoo ta'u, fiixaan bahiinsawwan aanga'oonni duraanii eegalan kan itti fufsiisu ta'a jedhan.

Hoggansa kana dura tureef hojiiwwan fiixaan bahiinsa jedhanii kaasan keessaa tokko Sudaaniin tarree biyyoota shororkeessitoota deeggaranii keessaa haqisiisuu danda'usaaniiti.

Ministiroota haaraa mudaman keesaa tokko kan kana dura garee finciltootaa Sochii Haqaafi Walqixummaa jedhamu hogganaa turan Jiibriil Ibraahiim keessatti argamu.

Kana malees intalli Imaamii fi ministera muummee karaa dimokiratawaa isa xumuraaf filatamanii dhiyeenya kana du'aan boqatanii, Saadiiqi Al-Mahaadii, kan taatee Mariiyaam Al- Saadiiqi Ministira Haajaa Alaa ta'uun mudamte jirti.

Namoonni motummaa keessatti hamaataman kanneeniif mudamni kun kan kennames haaluma waliigaltee Bitooteessa darbee Juubaatti motummaa ce'umsaafi gamtaa gareewwan finciltootaa Adda Warraaqsa Sudaan (SRF) jidduutti taasifameetiin jedhameera.

Mootummaa haaraan kunis biyyattiin bara 2014tti filannoo hanga gaggeessituutti aangoorra kan turu ta'a jedhameera.