Hiriira magaalaa Yaaballoon lubbuun nama tokkoo dabre

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa
Hiriira mormii barattoonni magaalaa Yaaballootti taasisaniin namni tokko lubbuu dhabuu BBC'n mirkaneesseera.
Hiriira barattoonni qophaa'inaa magaalaa Amboo torban dabre gaggeessan hordofee, guyyaa Wiixataa barattoonni mana barumsaa qophaa'inaa Shaalaqaa Jaatanii Alii Taandhuu, hiriira mormii gaggeessuu BBC'n odeeffateera.
Jiraataan magaalaa Yaaballoo maqaan isaa dhawamuu hin barbaanne tokko akka BBCtti himetti, barattoonni kun hiriira kana kan gaggeessuuf kahan, mormii barattoonni Amboo torbee dabre keessa taasisaniin kaka'uuni.
Akka jiraataan kun jedhutti baay'inni barattootaafi jiraattota hiriira bahanii kumaatamatti kan lakka'amu tahuu himus, BBC'n garuu baay'inni kanneen hiriira bahanii hangam tahuu addatti hin mirkaneessine.
Magaalaa Yaaballoo dabalatee, miidiyaa hawaasummaarratti barattoonni magaalota Naqamtee fi kaanis har'a hiriira mormii taasisaa jiraachuu qoodamaa jira.
Maaltu mudate?
Barattoonni mana barumsaa qophaa'inaa Shaalaqaa Jaatanii Alii Taandhuu ''lakkoofsaan 50 tahan gaaffilee horsiisee bultootaa, haqa Haacaaluu Hundeessaa fi kaan qabachuun, rakkoon kun nurraa haa dhaabbatu jechuun, mana barnootaan ala daandii gubbaatti bahan.
''Wayituma sana poolisiin addaa Oromiyaa dhufuun, hosteelii barattoonni itti baratan keessa ijoollee hari'anii galchanii barataa tokko ajjeessan,' jedha jiraataan kun.
Barataan yunivarsiitii Gondaritti baratuufi hosteela sana keessa hiriyootasaa waliin ture. Maqaansaa Diqqaa Dabbasoo kan jedhamu uuleen reebamee lubbuu darbuu dubbata jiraataan kun.
Hoogganaan Hospitaala Yaaballoo Areeroo Biqqichaa, namni tokko lubbuu dhabuu BBCf mirkaneessanii odeeffannoo dabalataa garuu nuu kennuu hin dandeenye.
Akka jiraataa Yaaballoo mormii kana dhiyeenyatti hordofaa jiru kanatti, erga ajjeechaan dargaggeessa kanaa dhagahamee booda, barattoonni kaaniifi jiraattonnis itti dabalamuun mormichatti akka makaman dubbateera.
Gaaffiin ijoo barattoonni kun dhiyeessan ''gaaffii horsisee bultootaa godina Booranaa'' kan ilaallatuufi kaanis keessatti argamu jedha.
''Xiyyeeffannoon horsiisee bultootaaf gama mootummaatiin kennamuu dhabuun, kallattii hundaanuu miidhamuutti jira. Bulchiinsi godinichaas dhimmicha gara siyaasaatti jijjiiranii 'lafti teenna ganna, lafti teenna quufa' jedhanii rakkoo uummataa dhoksaa jiru,'' jedhan jiraataan kun.
''Hidhamtoonni siyaasaa Oromoo hundinuu haa hiikaman. Nuti Oromoodha, Gadaan bulla. Gadaan keenyaafi siyaasni gargar haa baatu,'' jedhan.
Gama hoggansa mootummaa godinichaa fi naannoo Oromiyaa irraa dhimma ajjeechaa fi hiriira mormii kana irratti deebii argachuuf yaaliiwwan goone hin milkoofne.