Tiraamp deeggartoota isaanii hokkoraaf hinkakaafne jedhan abukaatonni

Donaald Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Gareen abbootii seeraa pireezidantii duraanii US Doonaald Tiraamp, deeggartootni isaanii fedhaan ofiin hokkora kaasan malee Tiraamp waan kakaasan miti jedhan. Seeneetiin Ameerikaa har'a adeemsa himannaa isaaniirratti falmii eegala.

Tiraamp si'a lama mana maree bakka bu'ootaatti erga himatamanii booda, haleellaa deeggartoonni isaanii Mudde darbe Kaapital Hiil irratti raawwataniif har'a Seeneetii biyyattiin duratti adeemsi isaa himachuu ni eegala.

Tiraamp deeggartoota isaaniif ergaa haleellaan kun raawwachuu dura dhaamaniin 'hokkora kakaasan' jedhamuun himatamaa jiru.

Tiraamp himannaa irratti ka'e kanarratti ragaa hin bahuu jedhaniiru.

Hokkora Kaapitaal Hiilitti dhalatee addunyaa raajii jedheen kanaan namootni shan lubbuu dhabaniiru. bakka buutonni uummataa seeraa tuman lubbuu isanaii oolchuuf dhokachuun dirqii itti ta'eera.

Tiraamp pireezidantii Ameerikaa seenaa keessatti si'a lama himataman kan jalqabaa yeroo ta'an, kanneen takkaa himataman sadii keessaas tokko.

Gareen abbootii seeraa adeemsi Seeneetiitti Tiraampiin himachuu eegaaluu dura ibsa baasaniin ragaan Biiroo Qorannoo Federaalaa(FBI) hokkorri kun guyyootaaf itti qophaa'amaa akka ture agarsiisa, kana jechuun Tiraamp hokkoricha hin kakaafne jedhan.

Itti dabaluunis Tiraamp ammaa aangoo gadhiisanii nama idilee waan ta'aniif deemsi himannaa kun heera qabeessa miti jedhan.

Dimookraatota Mana Maree Bakka Bu'ootaa sagal kan deemsa himannaa kana to'ataniinis ''amanamummaa hojii kan hin qabne' ittiin jechuun qeeqaniiru.

Deemsa himannaa kanaan ''Tiyaatira Siyaasaa taatummaa Dimooktraatootaan raawwatamu'' ittiin jechuun kaayyoon isaa ''morkattootaa fi Paartii xiqqaa callisiisuudha'' jedhan.

Madda suuraa, Getty Images

''Haqa tajaajiluun gonkumaa kaayyoo deemsa himannaa kanaa miti.''

Dimookraatotni gama isaaniin Tiraamp bu'aa filannoo Sadaasa darbee irra deddeebiin hin fudhadhu jechuun haasaan gochaa turan hokkora kakaaseera jedhu.

Gareen abbootii seeraa Tiraamp ammoo pireezidantichi mirga 'First Amendment' kennameef yaada ofii bilisaan ibsachuu danda'uu hojiirra oolchan jechuun mugguta.

To'attootni deemsa himannaa Tiraamp ''uummata Ameerikaa gane'' jedhaniiru.

Adeemsi Seeneetiitti Tiraampiin himachuu kan har'a eegalamu jalqaba muggutii sa'aa afuriif turu keessummeessa. Achiis adeemsi kun heera qabeessamoo miti kan jedhurratti sagaleetu kennama.

Achiis akka yaadametti heera qabeessa yoo jedhame Roobii boruu qaamolee lamaaniifuu dhuunfaatti yeroon hanga sa'aa 16 ta'u yaada dhiyeessuuf ramadama.

Haata'uuti Seeneetiin Tiraampiin balleessaa raawwate ittiin jechuuf teessoo dhibba jiran keessaa 2/3'ffaan himannicha deeggaruu qabu. Kana jechuun Rippaablikaanotni 17 Dimookraatota 50 waliin dhaabbachuutu irra jira.

Kan asiin duraa irratti Rippaablikaanota 50 keessaa 45 himannichi heera maleessa ittiin jechuun kuffisanii turan.