Izeemaan qondaalli isaa Bishooftuutti rasaasaan ajjeefamuu hime

Madda suuraa, Ezema/twitter
Dhaabni 'Ye Itoophiyaa Zeegooch Lemehaberaawwii Fitiih(Ezema) jedhamu dura taa'aan isaa aanaa filannoo Ada'aa Obbo Girmaa Mogas Dilbata rasaasaan ajeefamuu ibse.
Hoogganaan hariiroo hawaasaa dhaabichaa Obbo Naatnaa'eel Felleqee BBC'tti akka himanitti qondaalli dhaabichaa kun dhiyeenya mana jireenyaa isaa magaalaa Bishooftuutti rasaasa itti dhukaafameen ajjeefaman.
Ajjeechaan kun kan raawwatame Dilbata galgala ta'uus himaniiru.
''Gochi kun kan raawwatame naannoo mana jireenya isaaniittidha. Kana guddaa balaaleeffanna. Kanneen yakka kana rawwatanis seeratti akka dhiyaataniif gaafanna,'' jedhan Obbo Naatnaa'eel.
Ajjeechaan kun eenyuun fi sababa maaliin akka raawwatame ammatti kan hin qulqulleeffannee ta'uu himanii, ''nuti gama keenyaan maaliif akka ajjeefaman qorannoo ofii keenya ni gaggeessina'' jedhan.
Obbo Girmaa Mogas kana dura sochii siyaasaa akka dhaabaniif namoota hin beekamneen doorsisi akka irra ga'aa ture Wajjira olaanaa dhaabichaatti himatanii akka turan eeraniiru obbo Naatnaa'eel.
''Nutis kana hordofaa turre. Ajjechaan kun sanaa wajjin kan wal qabatemoo miti isa jedhu qoratamu qaba. Yeroo adda baafnetti kana ifa ni goona.''
Obbo Naatanaa'eel kanaan duras miseensonni isaanii ajjeefaman jiraachuu dubbataniiru.
Sababni ajjeechaa Obbo Girmaa alanaa garuu kallattiin siyaasa waliin kan walqabate ta'uu isaa hin mirkaneeffannes jedhaniiru.
Poolisii magaalichaa waliin ta'uun yakki kun hatattamaan akka qoratamu hojjechaa akka jiranillee himan.
''Amma mootummaa fi qondaaltota poolisii nannichaa waliin haasa'uun ariitiin qorannoo gaggeessanii namoota yakka kana raawwatan seeratti akka dhiyeessaniif gaafachaa jira.''
Qorannoo mootummaan gaggeessuun dabalataan ofii isaaniis miseensota naannicha jiraniifi maatii waliin haasa'uun odeeffannoo sassaabaa jiraachuu dubbatan.
Poolisiin magaalaa Bishooftuu dhimma kanarratti amma dura waan jedhe hin qabu.
Dhaabni Ezema paartilee beekamtii Boordii filannoo biyyaalessaa qaban keessaa tokko yoo ta'u, filannoo ji'oota booda gaggeefamuuf dhaaba sadarkaa biyyaalessaatti dorgomudha.