Lola naannoo Tigiraay: 'Wayita loltuun dirqiin na gudeeduuf yaaluttin harkakoo dhabe'

Footooshooppii harka dubartii fuula ishee ittiin da'atte

Madda suuraa, Getty Images

Akeekkachiisa: Namoonni tokko tokko ibsa odeessa kana keessa jiruun miira keessa galuu maltu.

Shamarreen Itoophiyaa umurii mana barumsaa keessa jirtu tokko wayita loltuu dirqamaan ishee gudeeduuf yaaleefi takka ammoo akaakayyuushee waliin saal-qunnamtii raawwattuuf dirqisiise tokko ofirraa ittisuuf jecha harkashee itti dhabde BBCtti dubbatti.

Shamarreen umuriinshee waggaa 18 taate, kan nuti maqaashee dhahuu hin barbaadne kun, miidhaa isheerra gaherraa fayyuudhaaf hospitaala kaaba Tigiraay keessa ji'oota lamaa ol turteetti.

Lolli Tigiraay keessatti jalqaba ji'a Sadaasaa bara 2020, humni TPLF loltuu federaalaa Iizii kaabaa qabachuu hordofuun yeroo MM Abiy Ahmad paarti naanicha bulchaa jiru maqsuuf, jalqabame mul'atasheefi hiriyyootashee waliin baratan biroo hedduu jalaa balleesseera.

Erguma, mo'ataa Badhaasa Noobelii Nagaa kan ta'an, MM Abiy Sadaasa 29 humnoonni federaalaa magaalaa guddoo Tigiraay, Maqalee, qabachuun moi'cha labsaniillee harki caalaan isaanii maatiiwwan biroo magaalaasaan keessa jiran waliin gara gaarreewwaniitti baqatan.

Kanaaf ammoo sababiin humnoonni nageenyaa miseensota TPLF warra harka kennachuu didan adamsuudhaaf oppereeshinii eegalan.

Kun ammoo himannaawwan jiraattota Tigiraay irratti miidhaan mirgoota namoomaa hamaa ta'e raawwatamuu akka dhaga'aman taasieera.

Aanga'oonni garuu himannaawwan jedhaman ni waakkattan.

Barattuun kuniifi akaakayyuun ishee manasaanii magaalaa Maqaleerraa gama lixaan km 96 faggaattee argamtu Abbii Adii jedhamtu keessatti argamu keessatti hafan.

Sababiin isaa ammoo fagaatanii deemuun isaaniif rakkisaa ture.

Madda suuraa, Getty Images

Shamarreen ol adeemtuun kun akka jettutti gaafa Mudde 3 loltuun yunifoormii loltuu Itoophiyaa uffate tokko loltoonni Tigiraay eessa akka jiran baruun barbaada jechuun manasaaniitti ol seene.

Erga mana keessa barbaadee tokkoyyu dhabee booda, akka sireerra ciisaniif ajajuun naannoosaatti dhukaasuu jalqabe.

"Isaan booda akka akaakayyuunkoo ana waliin saal-qunnamtii raawwatuuf ajaje. akaakayyuunkoos baayyee haare... isaan wal loluu jalqaban," jetti samarreen kun.

Loltuun kun, jaarsa dulloomaa kana gadi baasee qoleesaafi sarbaasaarra erga rasaasaan rukutee booda du'eera jedhee garasheetti deebiyuu dubbatti.

"Akkas jedhe: 'Amma namni si oolchu tokkoyyu hin jiru. Uffatakee ofirraa baasi.' Akkan ofirraa hin baasneef isan kadhadhe, inni garuu irra deddeebiyee na rukute."

Wanta keessa jirturraa kan ka'e waan gootu wallaaltulleen, wallaansoon isaanii daqiiqqaawwan baayyeef itti fufe. Dhumarratti garuu baayyee aaruun qawweesaa isheetti galagalfate.

"Harka mirgaakoo si'a sadii rasaasaan rukute. Miillakoos si'a sadii rasaasaan rukute. Yeroo dhukaasa diidaa dhaga'u ba'e."

Akka carraa ta'ee of wallaalullee akaakayyuunshee lubbuun ture. Gargaarsallee bahanii barbaaduu sodaachuudhaan guyyaa lamaaf naasuun miidhama isaanii qabatanii manasaanii keessatti dabarsan.

'Haqni gonkumaa hin jiru'

Wanti shamarreen kun dhugaa baatu, waa'ee himannaa dirqiin gudeeduu Tigiraay keessatti raawwatamuu irratti yaaddoo ergamtuun dhimma miidhaa saal-qunnamtii bakka lolaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Aadde Piraamilaa Paaten isbsitee deeggara.

Akka ergamtuun UN kun jettutti, ''himannaan namoonni miseensa maatii isaanii waliin saalqunnamtii akka raawwatan dirqisiifamuu gabaasaaleen nama rifaasisan jiru".

Dhaabbilee fayyaa waabeffachuunis namootni qoricha to'annoo ulfaa bitataniifi dhibeewwan saalqunnamtiin daddarbaniif qorannoo taasisan dabaluu himaniiru.

''Kunis wayita lolli jirutti haleellaan saalaa raawwatamuuf agarsiistuudha,'' jedhan.

Buufataalee baqattootaa keessatti dubartootni dirqiin gudeedamaa jiraachuu ragaaleen agarsiisan heddummaachaa jiraachuunis ibsameera.

A woman walking with an umbrella along a road in Tigray, Ethiopia
Getty
Many women were raped in Mekelle. This is being done purposely to break the morale of the people, threaten them and make them give up the fight"
Weyni Abraha
Tigray women's rights group Yikono (Enough)

Paartileen mormituu Tgiraay sadii, fakkeenya abbaan tokko qawweedhaan doorsifamuun akka intalasaa gudeeduuf dirqisiifamuu kaasuun ajjeechaan murtii tokko maleefi gareen ta'uun dirqamaan gudeeduun "gocha guyyaa guyyaa" ta'eera jedhan.

Doktorri tokkoofi miseensi garee mirgoota dubartootaaf hojjettu tokko - lamaan isaaniiyyu akka maqaan isaanii hin eeramne barbaadan -Amajji keessa BBCtti akka himanitti lamaansaanii gidduutti ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta'an Maqaleetti dirqamaan gudeedamne jedhan yoo xiqqaate 200 hospitaalotaafi buufataalee fayyaa gara garaa keessatti galmeessaniiru.

Harki caalaan isaanii akka jedhanitti namoonni miidhaa isaanirraan gahan kunneen uffata yunifoormii loltuu Itoophiyaa uffatu.

Erga gochi akkanaa irratti rawwatamees akka gargaarsa wallaansa fayyaaf hin gaafanneefis akeekkachiifamaniiru.

"Qaamarraa miidhaa qabu. Gariin isaanii ammoo gareedhaan gudeedaman. Tokko ammoo tursiisuun torban tokkoof gudeedamte. Innumaattuu of hin beektu. Poolisiin waan hin jirreef, haqni cirumaayyu hin jiru," jedha doktorichi kun.

Rogeettiin mirgoota namoomaa akkas jedhan: "Kutaalee Tigiraay biroo keessaas seenaa rifaasisu wal fakkaatan dirqisiisanii gudeeduu waliin walqabatan dhageenyeerra. Garuu sababii geejjibni hin jirreef isaan gargaaruu hin dandeenye. Baayyee nama gaddisiisa."

Map

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessi fayyaa biraan hospitaala Maqalee keessa hojjetu tokko akka jedhutti, dirqamaan gudeedamuu himachuun guyyaatti dubartoonni shan ykn ja'a qoricha farra-HIV fi qoricha ulfa ittisuuf ammaafi ammatti fudhatamu argachuuf ni dhufu.

Wayinii Abrahaa garee mirgoota dubartota Tigiraayiif hojjetu Yikono (Ga'a) jedhamurraati. Hanag dhuma Muddeetti Maqalee kan turte Wayiniin, lolicha keessatti dirqamaan gudeeduun akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jiraachuu akka amantu BBCtti himteetti.

''Dubartoonni hedduun Maqalee keessatti dirqamaan gudeedamaniiru. Kun ammoo hamilee ummatichaa cabsuun abdii kutanii akka lola dhaabaniif ta'e jedhamee kan raawwatamudha."

Unidentified Ethiopian army soldiers standing to attention
AFP
Our defence forces don't rape. They aren't bandits... government forces have ethics and rule of engagements"
Birhanu Jula Gelalcha
Ethiopia's army chief

Dursaan Waraana Itoophiyaa Birahaanuu Juula Galaalchaa himannaawwan akkasii kana ni wakkatan.

"Humnoonni ittisaa keenya dirqamaan hin gudeedu. Isaan shiftoota miti. Isaan humnoota mootummaadha. Humnoonni mootummaa ammoo naamusaafi danbii ittiin hojjetu qaba," jechuun BBCtti himan.

Kantiibaan yeroo Maqalee haaraa muudame Ataakiltii Hayilesillaasee, lakkoofsi gareewwan mirgoota namoomaaf hojjetamaniin eerame duunyaamatti arbeessuudha.

Mootummaan dhiyeenya kana garee (taaksifoorsii) namoota ministeerota dubartootaafi fayyaa, akkasums waajira abbaa alangaarraa qabate himannaawwan kanneen akka caalaan qorataniif gara Tigiraayitti ergeera. Gareen kun dirqisiisanii gudeeduun raawwatame jiraachuu argeera garuu gabaasni guutuu ammallee hin baane.

Torban darbe Komishiiniin Morgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen, guutummaa Tigraayiitti baatiiwwan lamaan darban keessaa miidhaan dirqiin gudeeduu 108 gabaafamuu ibsee ture. Caasaaleen akka poolisiifi dhaabbileen fayyaa bakka namoonni miidhaan saal-qumnamtii waliin walqabte itti gabaasan bakkasaanii akka hin jirres amaneera Komishinichi.

'Injiinara ta'uun barbaada'

BBCn dhimma ol-adeemtuu Abbii Adiirratti doktora tokko erga inni harkashee irraa muree dubbisee ture.

Itoophiyaafi Ertiraan lola Tigiraay keessatti hirmaachuu Ertiraa wakkatanillee, shamarreen kuniifi akaakayyuunshee loltoota Ertiraa naannoo sana keessa barbaacharra turaniin guyyaa lamaa booda akka argaman isatti himan.

Ertiraanonni madaasaanii ilaalanii loltoota Itoophiyaa hospitaalli Abbii Adii keessaa waan cufamee tureef Maqalaa isaan geessanitti isaan kennuu dubbatu.

Madda suuraa, Getty Images

Akaakayyuun intalaa amma madaasaaniirraa fayyaniiru, isheen garuu harki irraa muramuu hordofee ammallee wallaansa ishee barbaachisa. Miillishee mirgaas hidhaa (pilaasterii) keessatti hafee jira.

Waa'ee mul'atashee karaatti hafee boo'aa siree hospitaalaarraa BBCtti dubbatte.

Osoo lolichi hin jalqabamiin dura barnootashee bara darbeen, hawwiinshee yunvarsiitii galuun Injiinaringii barachuun akaakayyuushee erga haatishee duutee ishee guddusaa jiru gagaaruuf ture.

Siree isheen irra ciiftu cinaa kan jiru akaakayyuunshee yeroo isheen harqantee boossu ciniinnataa: "Akkamiin danda'ama? Ta'uu qaba jedhee waanan yaade ta'uu hin danda'u."