Dimokiraasiin cabeera jedhan Pireezidant Baayidan, Donaald Tiraamp himannaa jalaa baanaan

Madda suuraa, Reuters and CBS
Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan himatamuu dhabuun Doonaald Tiraamp dimokiraasiin cabuu agarsiisa jedhan.
Pirezidaantiin duraanii US Doonaald Tiraamp hokkara balaafamaa Kaappitoliin himatamuuf turanis Seeneetiin garuu sagalee isaan himachiisu hin kennin hafe.
Seeneetii keessa Dimokiraatota jiran irratti dabalataan Rippablikaanonni torba ta'an akka Tiraamp himatamuuf sagalee kennanis, teessoo Seeneetii keessaa sagalee 2/3ffaa waan hin arganneef hin himatamin hafan.
Kana jechuun Tiraamp himatamuuf sagaleen 67 kennamuun kan irra ture sagalee 10 teellaatti hafuun 57 torba qofti kennameera, akkanaan Tiraamp himatamuu jalaa hafan.
Akka pirezidaant Joo Baayidan jedhanitti Tiraamp hookkara Kaappitol kakaasuu isaaf himatamuun waan wal nama mormisiisu hin turre, ammas taanaan itti fufuun akka himatan ibsan.
Oduu aagaa himatamuu dhabuusaanii ibsu dhagahuutti daran kan gammadan Tiraamp, siluma isa buqqisuuf himannaa eegaluun dabaa fi doorsisa irratti raawwatamaa ture ta'uu eeran.
Hookkara Amajjii 6 Kaappitoll Hiil keessatti ka'ee lubbuu namoota shanii balleesse kakaasaniiru jedhamuun kan himataman Tiraamp, pirezidaantii US yeroo lammataaf himannaaf dhiyaatan ta'aniiru.
Kanaan dura pirezidaantonni US lama himatamaniiru.
'Boqonnaa gaddaa' - Baayidan
Pirezidaantiin US Joo Baayidan himatamuu dhabuu Tiraamp wayita dhagahan akkaan rifatanii yaada kana kennan: ''Himatamuu isaaf sagaleen inni dhumaa Seeneetiin kenname ga'aa ta'uu baatus, adeemsi himannaa isaa garuu homaa wal nama hin falmisiisu.''
''Yeroon kun seenaa keenya keessatti yeroo gaddaati, ammoo dimokiraasiin cabuu fi laafuu agarsiisa. Dimokiraasiif yoggayyuu wabii dhaabbachuun dirqama.
Dhimmoota dimokiraasii keenya qoran akkanaa irratti dammaquu qabna. Hookkarri yeroo darbee sun Ameerikaa keessatti bakka hin qabu. Nuti hundi keenyayyuu akka lammii Ameerikaatti, akka hooggantootaatti dhugaaf wabii dhaabbachuu qabna,'' jedhan.
Aab Tiraamp gamasaatiin himannaan kun sodaachisaa fi aggaammii haleellaa mormituu tokko irratti raawwatameedha, kun seenaa biyya keenyaa keessatti waan qaaniiti jedhan.
Tiraamp osoo himatamaniiru ta'ee lamuu deebi'anii akka aangoo mootummaa hin qabanne taasifamu ture.