Warshaa biiraa Abydos: Warshaan biiraa bara durii Masriitti qotamee argame

Madda suuraa, EPA
Argannoon kun ''warshaa oomisha biiraa addunyaarratti umuriin dheeraa tahuu amanna''.
Arkiyoolojistoonni Masrii tarii addunyaarratti warshaa biiraa umuriin dheeraa qotanii argatan - umuriin isaas haga ganna 5,000 gaha.
Gareen waloo Masrii fi Ameerikaa warshaa kana bakka Abiidos, lafa gammoojjii keessaa awwaalchaaf oolaa turetti argatan.
Gareen kun bakka xuwwee 40 tahan qabateefi makaa miidhaaniifi bishaan itti ho'isuun biiraa oomishuuf oolu qotanii argatan.
Warshaan kun jabana Mootiicha Narmer jedhamutti kan tilmaamamu tahuu, dhaabbanni 'Supreme Council of Antiquities' ibseera.
Dhaabbanni kun akka jedhutti, argannoon kun ''warshaa oomisha biiraa addunyaarratti umuriin dheeraa tahuu amanna''.
Mootichi Narmer ganna 5,000 dura Masrii bulche. Mootummaa jalqabaa kan hundeesse isa, Masriis akka tokkoomse amanama.
Bakki oomisha dhugaatii kun iddoowwan gurguddaa saddeet qaba. Tokkoon tokkoon isaanii meetira 20 kan dheerataniifi xuwween 40 tarree lamaan kan galanii taa'anidha.
Madda suuraa, EPA
Biiraan liitira kuma hedduu asitti akka oomishame ni tilmaamama
Makaan midhaaniifi bishaanii oomisha biiraaf oolu xuwwee kanniin keessa hoo'ifamu jedhan hoogganaan mana maree kanaa.
Warshaan kun sababni bakka kanatti ijaarameef, tarii yeroo awwaalcha mootota Masriif raawwatamutti sagantaa barmaatilee taasifamaniif, biiraa dhiyeessuufi,'' jechuun arkiyooloojistiin garee kana hoogganan dubbatan.
Biiraan hangi olaanaa tahe asitti oomishamuu hin oolle jedhame - al-tokkotti haga litira 22,400.
''Wayita barmaatilee aarsaa godhanitti biiraa akka fayyadamaa turan ragaan agarsiisu wayita qotamutti argameera,'' jedhe ibsichi.
Abydos magaalota Masrii durii keessaa umuriin dheeraa tahan keessaa tokko yoo tahu, awwaalchaa (qabrii) gurguddaa fi manneen amantaas achitti ni argamu.
Kibbatti kan argamtu kutaan biyyaa Sohaag, magaalaa Luksoor (Luxor) kan of keessatti qabattu oggaa tahu, biyyattiitti bakka turiistoonni hedduu daawwatanidha.
Jalqaba ji'a kanaatti, gareen dhiyeenya Aleeksaandariyaatti hojjechaa ture, reeffa namootaa sirnaan olkaawame (mummies), kanneen ganna 2,000 lakkoofsisan argatan.
Umuriisaanii miti kan namoota hedduu ajab jechisiise, afaansaanii keessa ogguu ilaalan, arrabni isaanii warqeedha.