Piriimiyeer Liigii: Eevartan waggoota 22 boodaa Anfiilditti Liivarpuliin injifate

Tapahattootni Eevartan gammaachuu yoo ibsatan

Madda suuraa, Getty Images

Tapha Marsiisaayid Darbii dirree Liivarpuul Aanfiilditti Sanbata xiqqaa taphatameen Eevartan waggoota 22 booda yeroo jalqabaaf seenaa isaa keessatti ammoo si'a lammataaf Liivarapuuliin injifate.

Tapha piriimiyeer Liigii garee lamaaniifuu murteessaa ta'e kanaan erga bara 2010 yeroo jalqabaaf LiivarPuul Eevertaniin injifatameera.

Dirree Anfiildirrattimmoo erga bara 1999 as yeroo jalqabaaf Eevartan Liivarpuuliin injifateera.

Torbanoota darban qabxiin kan irraa fagaateefi shaampiyoonummaaf morkachuu sadarkaa hin dandeenyerra kan gahe Liivapuul, erga bara 1923 yeroo jalqabaaf taphoota walitti aanan afur dirree isaarratti injifatameera.

Yaaliiwwan gaggaariii hedduu gooliirraa kan qole goolii eegaan Eevartan injifannoo kanaaf hedduu jajjameera.

Liivarpuul dirree isaarratti goolii 2-0 injifatamee, qabxii 40 waliqixa Evertan waliin qabaatee piriimiyeer Liigichaan sadarkaa jahaffaarratti argama.

Leenjisaan Eevertan Kaarloo Anchelootii seenaa waggoota 22 boodaa Anfiilditti dalaganiin gammachuu isaanii yoo ibsan, faallaa kanaan Jaargan Kilooppiifi garee isaaniif guyyaa milkii dhabe kan biroo ta'ee galmaaheera.

Injifannoon Eevartan kun garee saniif qabxii sadii gumaachuu caala hiika hedduu qaba.

Garee magaala tokkoo kan waggoota 22 darbaniif deeggartootni isaa yeroo mara gaafa 'Stanley Park' ce'anii dirree Liivarpuul deeman ammaas injifatamnee deebina siqiiqii jedhu qabaachaa turaniif injifannoo guddaadha.

Madda suuraa, Getty Images

Bara Piriimiyeer Liigii kana Liivarpuul akka gaariitti eegalee turus imalli qe'ee ofiitti injifatamuu dhabuu taphoota 68 Baarnileeyiin erga dhaabbatee booda Biraayitan, Maanchistar Siitiifi ammoo Eevartan qe'ee dhufanii qabxii 12 duraa fudhataniiru.

Jaargan Kiloop taphni walakkaa inni lammataa yoo eegalu miira taphattoota isaanii kakaasuuf yaalanis Liivarpuul sadarkaa injifatu osoo hin taane qabxii qooddachuu danda'urrallee akka hin jirre agarsiiseera.

Kiloopp injifatamuun kun akkaan akka isaanitti dhagahame himanii kun jireenya keenya, wayyoofnee itti fufna jdhan.

Gooliin taphni jalqabamee daqiiqaa lamaffaarratti galte dogoggora akka taates dubbatan.

''Yaaliiwwan goolii ta'an uumuu dandeenyus, carraa argannee gara goolitti jijjiiruun nu hanqata'' jedhaniiru.

Kaarloo Anchelootii ''Akkaan gammadneerra. hedduu gammanne. Yeroo dheeraa booda Eevartan Anfiilditti injifateera, kun deeggartoota keenyaaf kennaa guddaadha'' jedhan.