Xiyyaarri US mootarri isaa balaliirratti irraa caccabe nagaan qubate

Xiyyaara

Madda suuraa, Hayden Smith/@speedbird5280/Reuters

Xiyyaarri US Booying 777 Denveer irraa ka'ee gara Honoluuluu osoo balali'uu mootarri isaa tokko hojiin ala ta'ee caccabaan isaa qe'ee maatii Denveer keessa bubu'e nagaan qubateera.

Xiyyaarri imaltoota 231 fi hojjetoota xiyyaaraa 10 fe'atee ture akkuma buufata xiyyaaraa Deenveer irraa ka'een ture mootara(engine) isaa isa tokkorra balaan kan qaqqabe.

Ta'uus balaa kanaan namni miidhame hin jiru.

Poolisiin magaalaa Biroomfiild caccabaa qaama mootora xiyyaaraa kana q'ee maatii tokkoo keessatti kufee argame maxxanseera.

Imaltootni xiyyarichi ka'ee turtii gabaabaa booda ''sagalee dhuka'aa guddaa'' dhagahuu isaanii dubbataniiru.

Bulchiinsi Aviyeeshiniin Federaalaa(FAA) xiyyaarri daandii qilleensaa Yunaayitid mootara (engine) isaa gara mirgaa jirurra mudoon uumameera jedhe.

Madda suuraa, Broomfield PD

Imaalaan tokko AP''tti yoo himu yeroo sagaleen dhuka'aa guddaan dhagaahamu Paayilatichi dhaamsa nuu dhaamaa ture jedhe.

''Xiyyaarichi akka malee raafamuu eegale, altitiyuudii irra imaluu qabnu gadi dhiifnee asii gadee deemuu eegalle'' jedha Deeviid Deluusiyaa.

Itti dabaluunis inni fi haati warraan isaa yoo kufneef ID akka adda baafamnuuf waaleetii keenya kiisa keessa keewwannee jedha.

Viidiyoon nama xiyyaaricha keessa jiruun waraabamee injiniin xiyyaarichaa ibiddaan qabatee golgaan isaas irraa bu'ee akka ture mul'isa.

Poolisiin Biroomfiild namuu caccabaa qaama mootara xiyyaarichaa akka bakka itti kufee hin sochoofne gaafataniiru. FAA fi Boordiin Nageenyaa geejibaa qorannoo taasisaniif gargaara jedhameera.

Madda suuraa, Broomfield PD

Madda suuraa, Broomfield PD via EPA

Jiraataan naannichaa tokko CNN'tti yoo dubbatu caccabaan xiyyaarichaa yeroo asii gad bu'uu inni ijoollee isaa waliin gaaddisa jalatti baqachuu hime.

''Yeroo inni darbu argineera, sagalee dhuka'aa guddaa dhageenye, ol jennee yoo ilaallu samii keessa aara gurraachatu jira'' jedha namni Kiireen jedhamu.

Boodarra caccabaan xiyyaarichaa gadi roobuu eegalee, sibiila gurguddaadhas jedheera.