Dubartii Ayerlaand Benitoo Musolooniitti dhukaaftee funyaan madeessite

Mussolini

Madda suuraa, Getty Images

Ayerlaand magaala Dubliinitti dubartii Beniitoo Musoloniitti dhukaaftee ajjeesuuf yaalte Viyoolet Giibsan yaadachuufi.

Eebla bara 1926'tti namoota hedduu magaalaa Room keessatti, haasaa abbaa irree jaarraa 20'ffaa, Benitoo Musoloonii dhagahuuf walitti qabaman hedduu keessaa dubartiin Ayerlaand tokko rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuuf yaalti.

Rasaasa isheen dhukaafte sadii keessaa tokko funyaan Musoloonii irraa kuttee, abbaan irree kun yaalii ajjeechaa kana jalaa lubbuun oole.

Qabsoowwan diddaa faashizimii Awrooppaa keessatti hojiilee gootummaa dalagaman keessaa kan dubartii Viyooleet Gibsan kun kanneen qubaan lakkaawaman keessaa tokko ta'ee, seenaan isaa garuu dagatameedha.

Namoota afur Benitoo Musolonii ajjeessuuf yaalan keessaa kan milkaahuutti dhiyaatee ture dubartii kana.

Ta'ii saniin booda erga jaarraan tokko lakkaa'amuutti siiqee Ayerlaand dubartii goota kana yaadachuuf qophaayaa jirti.

Yaaliin ajjeechaa dubartii kanaan raawwatame Musolooniin aangoorraa bu'uuf waggaan sadii yeroo hafutti ture.

Viyooleet Gibsan rasaasa sadii dhukaafte keessaa tokko funyaan Musoloonii erga fudhatee booda, deeggartoota isaan haleelamtus Poolisoota ishee to'ataniin lubbuun ooluu dandeesse.

Sanaan boodas yeroo murtaaheef mana hidhaa Xaaliyaan erga turtee booda Ingilaanditti deebifamtee.

Viyooleet Gibsan ergasii hanga lubbuun ishee bara 1956'tti darbutti hospitaala St Andrew's kan Noorzaamptaan jiru keessa turte.

Madda suuraa, Italian Ministry of the Interior/ Public Domain

Yaaliin ajjeechaa kun raawwatamee guyyoota muraasa turan keessatti hoogganaan mana maree bulchiinsa walabaa Ayeerlaand Musoloniif xalayaa barreessaniin baga oolte jedhaniin.

Amma manni maree magaalaa Dubliin yaadannoo dubartii goota kanaaf barreeffamni sibiila miidhagaarratti barraayee wayi irratti maxxanfamu akka hojjetamuuf murteesseera.

Mooshinii kana irratti ''qabsaa'onni farra faashizimii '' seenaa dubartootaa Ayerlaand keessatti bakka isaaniif malu argatanii ija uummataaf ifa ta'uu qabu'' jedha.

Madda suuraa, Getty Images

Seenaan dubartii kanaa uummataaf kan dhiyaate bara 2014 sagantaa dookumentarii raadiyoo RTE jedhamuun hojjetameen yoo ta'u, sana booda kitaaba mata duree 'The Woman Who Shot Mussolini' jedhu qaburrattis baheera.

Dookumentariin kun boodas fiilmii 'Violet Gibson, The Irish Woman Who Shot Mussolini' jedhuun hojjetameef ka'umsa ta'eera.

Madda suuraa, Ned Kelly Pictures

Beniitoo Musoloonii eenyu?

Paartiin Faashizimii biyyaalessaa Musoloonii Xaaliyaan keessatti gara aangootti kan dhufe dhuma waraana addunyaa tokkoffaa booda yoo ta'u deeggarsa garee hidhannoo qabu kan 'black shirts' jedhamuu qabuun ture.

Gareen kun bara 1920'oota keessa dhaabbilee dimookraatawaa buqqisuun aangoo yoo qabatan Musolooniin bara 1925 abbaa irree biyyattii ta'an.

Musolooniin waraana waliinii Ispeeniin Firaansiiskoo Firaankoo waraana addunyaa lammaffaa irratti ammoo Adoolf Hiitlariin deeggaraa ture.

Musolooniin imaammatoota Hiitlar ofitti fudhatanii turan. keessumaa kan seera jibba jeewishootaa kan 1938 ni eerama. Seera kanaan jeewishoonni Xaaliyaan jiran mirgi isaanii mulqameera. Holoksatiidhaan jeewishoonni Xaaliyaan turan 7,500 dhumaniiru.

Musolooniin bara 1945'tti osoo baqachaa jiruu qaamolee walta'iinsa Xaaliyaaniin qabamee ajjeefame.