Human Rights Watch: Loltoonni Kaameroon 'haaloo ba’uuf dubartoota gudeedan'

Madda suuraa, AFP
Dhaabbati Human Rights Watch (HRW) waggaa tokkoo haleellaa haaloo ba’uuf gaggeeffameen loltooti Kaameroon ganda tokko keessatti yoo xiqqaate dubartoota 20 gudeeduu isaanii ragaa walitti qabuu hime.
Haleellaa naannoo Kibbaa-Lixaa Anglofoon, Ebam bakka finciltootni bulchiinsa Ambaazoniyaa lolan irratti gaggeeffame; seenaa waggootii dhiyoo waraanaa Kaameroon keessatti yakka hamaa rawwatameedha, jedha dhaabbati mirga namoomaaf falmu kun.
Hanga ammaatti kan hin himamiin hafeef, sababa logii fi sodaa namoota miidhaan irra ga’e kun qabaniin akka ta’e kan himu HRW, dabalataanis qorannoon ga’aan hin gaggeeffamne jedheera.
''Waggaa tokko booda namootni haleellaa Ebam jalaa oolan haqa argachuu barbaadu, dabalataan ammoo namootni isaan miidhan adabbii tokko malee bilisaan akka socho’aa jiran beekaa jiraatu,” jedhan HRW irra Aydaa Sooyer ibsa kennaniin.
Qorannoo HRW Hagayyaa fi Amajjii gidduutti namoota ijaan argan, dubartoota gudeedamanii fi ogeessota fayyaa isaan wal’aanan haasofsisee argate irratti mootummaan yaada hin kennine.
Akka namootni ijaan argan himanitti, Bitootessa 1, 2020 irrati loltootni 50 ol ta’an halkan sa'aatii 9:00 keessa lukaan Ebaam seenanii gandicha keessatti manneen 75 jiran hunda humnaan seenani.
Loltootni gariin dhiirota gandichaa yeroo walitti qabanitti, loltoonni kaan kanneen miidhama qaamaa qaban afur dabalatee dubartoota gudeedani jedha HRW.
Ga’eeessi ganna 34 tokkos bosona gandicha biroo keessatti loltootaan ajjeefamuu dhaabbati kun himeera.
“Looltoonni haguggaa uffatan shan manakoo seenani,” jechuun dubartiin ganna 40 tokko HRW’tti himteetti.
“Dukkana ture, anis qofaakoon ture. Manicha sakatta’anii bilbilakoo fi maallaqakoo hatani. Inni tokko ‘ana waliin qunnamtii saalaa hin taasistu yoo ta’e, sin ajjeessa’ naan jedhe.''
“Waa jechuufis ta’e goochuuf nan sodaadhe. Erga na gudeede, gara bosonaatti fiigee achi ji’oota lamaafan ture. Hanga ammatti aarii fi naasuu keessan jira.”
Namootni ijaan argan gochi loltootaa kun namoota nagaa finciltoota gargaaraniiru jedhanii shakkan adabuuf jecha tarkaanfii waraanni fudhatedha jedhu.
Rogeeyyiin Angiloofoon hawaasni harka guddaa biyyattii afaan Faransaay dubbatu, hawaasa muraasa afaan Ingiliffaa dubbatan dhiibaa jiru jedhu.
Hokkorri naannoo Ingiliffa haasa’an Kaaba-Lixaa fi Kibba-Lixa Kaameroon keessatti bara 2016 irraa eegalee lubbuu namoota 3,500 ol ta’an galaafateera jechuun HRW ni tilmaama.
Finciltoonni fi loltoonni mootummaa lamaanuu mirga namoomaa sarbuun ni himatamu.