Hospitaalli dhuunfaa Landmark dandeettii Obbo Jawaarfaaa Qaallittiitti yaaluu hin qabnu jedhe

Gamoo Hospitaala Landmark

Madda suuraa, Facebook/Landmark Hospital

Hospitaalli dhuunfaa Landmark dandeettii Obbo Jawaarfaaa Mana Sirreessaa Qaallittiitti yaaluu hin qabnu jechuun abukaatoo isaaniif barreesse.

Guyyaa Kibxataa Manni Murtii Olaanaa Federaalaa, oliyyannoo Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeesse kuffisuun tajaajilli yaalaa hospitaalichaan hidhamtootaaf kennamu bakkuma Obbo Jawaar Mahaammadfaan jiran mana sirreessaa Qaallittii keessatti akka ta'u murteesse.

Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Gaarbaafi kaan erga nyaata lagachuu eegalanii, bultiin soddoma ya dabre.

Isaan keessaa Hamzaa Adaana dhukkubsatee namoota kaaniin adda baheera jedhu abukaatonni.

Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan ta’an Obbo Mohaammad Jimaa, guyyaa Kibxataa murtiin yaalaasaaniirratti erga darbeen asitti maaltu tahe jechuun BBCn gaafate.

Obbo Mohaammad fayyaan Obbo Jawaar Mohaammad fa’aa haala yaaddeessaa keessa jiraachuu dubbatu.

Hospitaalichi ogeeyyii kanaan dura Obbo Jawaarfaaa yaalaa turan wajjin mariyatee ture, haala fayyaan isaanii amma irra jiru fi isaan yaaluuf maaltu akka barbaachisu irratti mariyatan.

Obbo Jawaar Mohaammadiifi Baqqalaa Garbaafaaa bakka jiranitti yaaluun, hospitaala haaraa mana amala sirreessaa Qaallittii keessatti ijaaruun qixa ulfaataadha, yaaluuf hin dandeenyu jedhanii nu beeksisan jedhan.

‘‘Murtiin kenname sun mirga yaala argachuu guutumaan guututti kan dhorke qofa miti, mirga lubbuun jiraachuusaanii gaaffii keessa kan galche ture,’’ jechuun abukaatoon kun komatu.

Obbo Mohaammad Mana Murtii Waliigalaa Dhaddacha Ijibbaataatti dhimma yaalasaaniirratti iyyannoo dhiyeessuusaanis dubbatu.

''Abuukatoonni Jimaata falmii gaggeessine, falmicha hordofuun Dhaddachi Ijibbaataa A.L.I Guraandhala 22, bara 2013tti beellame,'' jedhan.

Haala fayyaa namoota kanaas yoo dubbatan ''Obbo Jawaar Mohaammad fa’aa ammatti yaala argachaa hin jirani. Doktoronni mana hidhaa isaan bira dhaqan, ho’a qaama isaanii safaranii deebi’u,'' jedhan.

Oliyyannoon Abbaa Alangaa Federaalaa maal ture?

Abbaa Alangaa Federaalaa waan lama kaase. Jalqabarratti namni hidhamee mana amala sirreessaa keessa jiru hospitaala mootummaatti malee dhuunfaatti yaalamuu hin danda’u jechuun ol iyyannoo gaafatee ture.

Lammaffaammoo, Hospitaala Laandmaark iddoon yaalaaf Obbo Jawaar fa’aa filatanitti jeequmsi uumamuu mala jedhe.

Abukaatonni garuu yaaddoon nageenyaa jiraachuu mootummaan ragaa hin dhiyeessine jedhan.

''Abukaatonni heera mootummaan kan tumame, namni to’annoo seeraa jala jiru mirga bilisaan socho’uu daangeffame malee, mirgi yaala bilisaan argachuu hin daangeffamne jennee falmine,'' jedhan abukaaton kun.

Dhimma yaala fayyaa himatamtoota kanaan walqabatee bulchaan mana sirreessaa Qaallittii Gargaaraa Komishinaraa Girmaa Adaree, mana murtiitti dhihaachuun sababa ajaja mana murtii raawwachuu dhabaniif ibsaniiru.

Bulchaan kun ''sababa yaaddoo nageenyaatiin ajajni waan olirraa nuuf kennameef, akkaataa manni murtii ajajeen mana yaaala dhuunfaatti akka yaalaman gochuu hin dandeenye,'' jechuun mana murtiitti himan.

Jawaar Mahaammad fi Obbo Baqqalaan hanga gaaffiin keenya deebii argatutti lagannaa nyaataa eegalle hin dhaabnu jechuu isaanii karaa abukaatoo fi paartii isaanii yeroo garagaraatti himamaa ture.

ALI Ji'a Waxabajjii bara 2012 keessa ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Obbo Jawaar Mahaammad fi namootni galmee isaanii keessatti argaman kunneen biroon, labsii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to'achuuf bahe, labsii burjaajii telekoomiifi seera yakkaa biyyattii keewwata garaagaraa darbuun himataman.

Obbo Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa namoota biyya keessa hin jirre fi galmee Obbo Jawaar Mahaammadfaa keessatti himatamanidha.

Galmeen himataa Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Damee Lidataatti dhaddacha Farra Shororkaa fi yakkoota dhimma heeraa tokkoffaattin ilaalamaa jira.