Hidhamtoonni 400 ol mana hidhaa Hayitii keessaa miliqan

Madda suuraa, AFP
Poolisiin kanneen miiliqan keessaa muraasa deebisee qabus, dhiibbaan kan lakka'aman ammayyuu hinqabamne
Hayitii, mana hidhaa magaalaa gudiitti Poort-o-Piriinsi bira jiru keessaa hidhamtoonni 400 ol ta’an miliqanii bahan.
Mana hidhaa Croix-des-Bouquets keessa guyyaa Kamisa erga hidhamtoonni heddumminaan miliqan booda, hogganaa mana hidhichaa dabalatee namootni 25 du’uu isaanii anga’onni himaniiru.
Namoota du’an keessa kara deemtonni hokkorra kana keessa tasa seenan jiru jedhu anga’oonni.
Namoota miliqan keessaa tokko, hogganaa garee yakkamtootaa Arneel Jooseef yoo ta’u erga miliqee sa'aatii muraasa booda ajjeefameera.
Jooseef cancala hidhaa miilaa isaa akkuma uffatee jirutti doqdoqqeen utuu imaluu keellaa irratti argamuu, dubbi himaan poolisii Geerii Desrosiyeer himeera.
Boodarra doqdoqqeen kun akka dhaabbatuuf ajajamus didee Jooseefis shugguxii poolisoota irratti dhukaasuuf yeroo jedhutti rasaasaan rukutamee ajjeefamuu Desrosiyeer ibseera.
To’annoo jala ooluun dura Jooseef hogganaa gartuu yakkamtootaa (gang) Haayitii keessatti hedduu barbaadamaa turedha.
Waa’ee miliqa kanaa irratti odeeffannoon bal’aa hin jiru.
Kamisa guyyaa walakkaa irratti dhukaasaa dhaga’uu fi hidhamtoonni mana hidhaa keessaa ba’anii fiigan akka turan kanneen ijaan argan dubbataniiru.
Hojjeettoonni mana wayyaa nannichaa jiru akka gazexeessitootti himanitti hidhamtoonni miliqan kun wantoota adda addaa akka keennaniifiif isaan dirqisiisaniiru.
Madda suuraa, AFP
Manni hidhaa Croix-des-Bouquets 2012tti hojii eegale
Manni hidhaa Kiroo-des-Bukeet bara 2012tti kan hundeeffamee yoo ta’u, hidhamtoota hanga 872 qabachuuf kan qophaa’e ta’uu AFP gabaaseera.
Dubbi himaan Komunikeeshinii Haayitii, Firaant Exaantus Jimaata ibsa miidiyaaleef kennaniin yeroo hidhaa miliquun kun umametti mana hidhichaa keessa hidhamtooti 1,500 ol tahan turan jedhan.
“Hidhamtoota ja’aa fi hogganaa mana hidhichaa Pool Hektar Jooseef dabalatee namootni 25 du’aniiru,'' jedhan.
“Kanneen du’an keessaa namootni nagaa hidhamtootni yeroo miliqanitti isaan ajjeesan jiru,” jedheera.
Karibiyaan keessatti biyya hiyyeettii kan jedhamtu Haayitii keessatti, kana dura jumlaan mana hidhaati miliquun mudatee ture.
Bara 2019tti yeroo poolisootni hiriira mootummaan mormuun ba’ame irratti xiyyeeffatanii turaniitti hidhamtoonni mana hidhaa Akuwii kibba Hayitii keessa turan 78 hundi miliqaniiru.
Waggaa lama dura ammoo, mana hidhaa Arkihayi jiru keessaa hidhamtoonni 170 ol miliqaniiru.