Covid: Xaaliyaan talaallii AstraZeneca Awustraaliyaatti ergamuuf kahe uggurte

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Xaaliyaan talaallii Oxford-AstraZeneca gara Awustraaliyaatti ergamuuf ture dhaabsise.
Murtee kanaan talaalliin doozii 250,000 wiirtuu AstraZeneca Xaaliyaan keessatti oomishameetu akka hin ergamne taasifame.
Xaaliyaan biyyoota EU keessaa qajeelfama, alergii talaalliirrati bahe hojiirra oolchite ishee jalqabaa taatee jirti.
Dambii kanaan kaampaaniin talaallii oomishu yoo dirqamasaa biyyoota Awurooppaa keessaa hin guutne tahe, biyyoota alaatti akka hin ergineef biyyi tokko dhaabsisuu danda'a.
Awustiraaliyaan akka jettetti ergamuu dhabuun ''geejiba tokkoo'' karoora talaallii jalqabsiisuu hin danqu.
Gabaasaaleen, murtoo kana Komishinii Awurooppaallee ya deeggare jedhan.
Kaampaaniin AstraZeneca biyyoota miseensota tahaniif kan waliigale keessaa %40 qofa dhiyeessuuf karaarra jira. Kunis ji'oota sadan baranaa keessatti ture.
Rakkoo oomishaatiin walqabateen hanqinni kun mudachuu hima.
Amajjii keessa MM Xaaliyaan Juseeppee Koontee dhiyeessii talaallii AstraZeneca fi Pfizer harkifachuun isaa ''fudhatama hinqabu jedhanii turan. Kaampaaniiwwan kuniin waliigalteesaanii diigan jechuun himatan.
Gamtaan Awurooppaa sagantaan talaalliisaa harkifachuu isaatiin komatama.
Sagantaa talaallii EU Waxabajjii dabre hundaa'een, gamtichi biyyoota miseensotasaa tahan bakka bu'uun talaallii bituuf waliigale.
Murtoo Xaaliyaanii kanaaf yaadni gama EU's tahe AstraZeneca irraa kenname hinjiru.
Madda suuraa, EPA
Awustiraaliyaan sagantaa talaalliishee torban dabre keessa qorsa Pfizer midhaasseen eegalte
Awustiraaliyaan sagantaa talaalliishee torban dabre keessa qorsa Pfizer/BioNTech midhaasseen ture kan eegalte. Talaallii AstraZeneca'n oomishe ammoo gaafa Jimaataa kennuuf karoorfattee turte.
Xaaliyaan maal jette?
Mootummaan Xaaliyaan Komishinii Awurooppaatti torbee dabre dhiyaachuun, geejjiba kana dhorkuuf akka jedhu hime.
Sababa dhorkaa kanaaf kennees: Awustiraaliyaan tarree biyyoota ''saaxilamoodha'' jedhaman keessa hinjirtu. Akkasumas Gamtaa Awurooppaa fi Xaaliyaan keessa hanqinni talaallii yeroo dheeraa jiraachuu kaasan.
Kana malees lakkoofsi doozii talaallii ergamuuf ture kun, lakkoofsa isaaniif kennameniyyuu ol tahuu eeran.
Awustiraaliyaan hoo?
Awustiraaliyaan gamasheetiin talaallii doozii 300,000 tahu amma dura fudhachuu ibsuun, ji'a dhufuttis biyyumatti oomishuuf karoorfachuu beeksiste.
''Oomishni biyya keessaa torbanitti dooziiwwan miiliyoona tokko midhaassuu, xumura ji'a Bitootessaati eegala,'' jedhan Ministirri Fayyaa biyyattii Greg Hunt.
''Geejibni [Xaaliyaan] kun karoora raabsaa keenya torbanoota dhufanii keessa hin turre.''