Jawaar fa'a Laandimaarkittis 'nyaata hin nyaannu, qoricha hin fudhannu' jedhan

Nyaata lagachuun mana hidhaa keessatti mormii isaanii dhageessisaa kan jiran hooggansi dhaaba KFO Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Hamzaa Adaane waldhaansaaf hospitaala Laandimaark erga seenanii guyyoonni lama darbaniiru.
Lagannaa nyaataa guyyoota 36 dura eegalan waan itti fufaniif fayyaan isaanii miidhamuu hakiimonni dhuunfaa isaanii himanii turan.
Muggutiiwwan dhaddachaa hedduu booda Mana yaalaa duunfaatti akka waldhaanaman Manni Murtii murtee dabarsus hanga har'aatti nyaata lagachaa jiraachuu abokaatoon isaanii himaniiru.
Abukatoo hidhamtoota kunneen keessa tokko kan ta’an Obbo Tulii Baayi’saa ''hanga ammaatti yaalii fi qorannoo adda addaa taasisuu irraa kan hafe qoricha ykn wal’aansa hin eeggalle'' jechuun BBCtti himaniiru.
Hidhamtoonni kunneen ammallee lagannaa nyaataa itti fufanii akka jiranis ibsaniiru.
''Har’a ammo hospitaalichi eegdoota ykn qamoolee nageenyaa mootummaa achi buufatan waliin walii galuu akka hin dandeenye itti himuu'' Obbo Tuuliin ni himu.
“Ogeessotaa fayyaa keenya rakkisaniiru, eegdonni kun akka oggeessonni fayyaa kun sirnaan galanii hin bane godhaniiru jedhu,” jechuun hidhamtoota akka komii dhiyeessan Obbo Tuuliin dubbataniiru.
“Kana malee ammo oggeessoti fayyaa keenya qoricha isaan qabatanii ol seenan, kun sirrii miti qoricha akkanaa malee kana fuutanii hin seentan jedhu.”
''Kutaa ICU bakka namni hedduu miidhame itti wal’aansa argatu keessa loltuun qawwee qabatee keessa taa’a, achis waliin bula. Kuni ammo mirga keenya hedduu dhibee jira kanaaf nutti hin tolle gara mana hidhaatti nu deebisaa jechuun wal’aansa addan kutanii ka’anii turani,“ jedhu.
Ta’us garuu boodarra mana hidhaa Qaallittii irraa hoggantoonni dhufuun hidhamtoonni kunneen mana yaalaa keessatti komii isaan dhiyeessan dhaga’uun qaama ilaallatutti ni dhiyeessina jedhaniini deebi’ani jedhu. Amma akkanumaan eeggachaa jiru jedhu.
Kibxata waree booda erga hospitaala seenanii hanga ammaatti qoricha homaa hin barbaannu waan jedhaniif wal’aansi kennameef akka hin jirre abukaatoon kun ibsaniiru.
Obbo Tuliin akka jedhanitti hidhamtoota kanaaf qorannoo laabraatorii adda addaa erga taasifame booda oggeessotni fayyaa haala gaarirra akka isaan hin jirre itti himuun nyaata nyaachuu fi qoricha fudhachuu akka eegalaniif gorsa kennanis isaan garuu ''haalli keenya mana hidhaarra asitti nutti hammaate'' jechuun didaniiru.
Namootni siyaasaa kun ''Hidhamtootni siyaasaa Oromoo hunduu hidhaa haa gadhiifaman, waajiraaleen dhaabbilee siyaasaa banamanii hojiitti haa deebi'an fi maatii hidhamtootaa rakkisuun haa dhaabatu'' gaaffilee jedhaniif deebii argachuuf nyaata lagachuu eegalan.
Obbo Jawaar fi obbo Baqqalaa dabalatee namootni siyaasaa hedduun bariituu Art. Haacaaluu Hundeessaa ajjeefameefi guyyoota muraasa sana booda turan keessatti hokkora kaasuu, shororkeessumma fi yakkoota biroon shakkamanii hidhaman.
Obbo Jawaar fa'a irratti himata Abbaan Alangaa Federaalaa dhiyeesse 10 keessaa jaha torbanoota dura Mana Murtiin kufaa godhameera.
Obbo Baqqalaan fa'is dhimmi hidhamaniif siyaasa ta'uufi tooftaa filannoorratti akka isaan hin hirmaanne godhame malee yakka raawwatan akka hin qabne irra deddeebiin Mana Murtiitti muggutaa turan.
Dhaabni isaanii KFO'niifi ABO hooggansiifi miseensi isaanii hedduun mana hidhaa osoo jiraniifi waajiraaleen isaanii bakka heddutti cufamanii osoo jiranii filannoo biyyaalessaarratti hirmaachuuf kan rakkatan ta'uu ibsuun murtee hirmaachuu hin dandeenyu jedhurra gahaniiru.