Phaaphaas Firaansis sodaa Kovid fi nageenyaa gidduutti Iraaq galan

Iraqis at Baghdad airport

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Lammileen Iraaq Phaaphaasicha simachuuf buufata xiyyaaraa Baagdaaditti argaman

Dursaan Kaatolikii Phaaphaas Firaansis daawwanaa seena-qabeessa taheen Iraaqa galan - kunis erga weerarrri koronaavaayiras eegale daawwannaasaanii idil-addunyaa isa jalqabaati.

Kovid fi sodaa nageenyaa daawwannaa isaanii kana isa sodaachisaa godhus, maanguddoon ganna 84 kun garuu ''dirqama hojiikooti,'' jechuun cichan.

Hawaasa Kiristaanaa lakkoofsi isaanii xiqqaachaa dhufeef jajjabina kennuuf, akkasumas amantaawwan gidduutti mariin akka godhamu jajjabeesu jedhamee eegama imala isaanii Iraaq kanaan.

Kanaanis dursaa Muslima Shi'aa Iraaq kabajamaa tahan waliinis walargu jedhamee eegama.

Phaaphaasichi sagantaa waaqeffannaa (Mass) istaadiyemii Irbilitti ni gaggeessu.

Humnoonni nageenyaa Iraaq 10,000 tahan Phaaphaasicha eeguuf bobba'u jedhameera.

Imala xiyyaaraa gara Iraaq taasisan irratti, irra deebiin imaluusaaniitti gammaduu himanii ''Kunin imala seena-qabeessadha. Biyya waggoota hedduuf wareegamteef imala dirqamaati,'' jedhan.

Imala kanaan dura Kiristaanonni Iraaq ''yeroo lammeessoof hin ganamani'' jedhanii ture. Bara 1999 keessa Phaaphaasiin duraanii John Pool lammaffaan imalasaanii karoorsan dhiisanii turan.

Madda suuraa, Reuters

Erga barkurnee lamaan sanaatii hawaasni Kiristaanaa durii lakkoofsaan miiliyoona 1.4 turan, gadi bicachuun 250,000 galan.

Baayyeen isaanii wayita Ameerikaan Saadaam Huseenin aangorraa buusuuf biyyattii weerartee turtetti, hokkora uumameen, biyya dhiisanii baqatan.

Kaan ammoo wayita hidhattoonni Islaamik Isteet (IS) kaaba Iraaq 2014tti qabatanii turanitti qe'eerraa buqqa'an.

Kanaanis bataskaanonni isaanii seena-qabeessa tahan barbadaa'an, qabeenyi isaanis ni saamame, gareen kunis qaraxa kaffalaa yookiis amantii keessan geeddaraa, yookaan ammoo biyyaa bahaa yoo diddan ammoo du'atu isin eeggate jechuun filannoo kennaniifii turan.

Phaaphaasichi maal milkeessuuf karoorfatan?

Dureen Waldaa Kaatolikii Roomaa kun kiristaanota cunqurfamaniif abdii horuufi kora nageenyaa warra siyaasaafi dursitoota amantaa kaan wajjin walitti qabuuf karoorsuu, gaazexeessaan BBC isan wajjin imalaa jiru Mark Lowen gabaaseera.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Waldaan 'Grand Immaculate Church' Qaraqosh kun IS'n kan barbadaa'ee ture oggaa tahu irra deebiin midhaaffameera

Imalasaanii guyyaa tokkoon dura ergaa viidiyoo uummata Iraaqif dabarsaniin , akka imalaa amantaa ykn musaafiraatti, akkasumas Gooftaarraa dhiifamaa fi araara kadhachuuf akka dhufan himan.

''Imalaa nagaa taheen gidduu keessanitti argama... obbolummaa fi wajjin akka kadhannuuf barbaachan dhufa.... kana malees obbolaawwan koo amantii biraarraa tahan, faana Abbaa keenya Abirahaamitti wajjin akka deemnuufi - maatii Muslimootaa, Yihuudotaafi Kiristaanota tokko.''

Daawwannaa kana dursee, Kiristaanooni Irbil, naannoo Kurdistaan irraa yeroo IS weeraree turetti baqatanii turan, Phaaphaasichi akka isaan qarqaaru gaafatan.

Jiraataan Alla Hana Shaba jedhaman miidiyaatti waan dubbatan: ''Phaaphaasichi kanneen buqqa'an bakka qubannaa akka argataniif akka nu qarqaaran barbaanna. Manneeniifi horii keenya dhabneerra.''

Kiristaanni biraa kaabarra tahan Saad al-Rassam: ''Phaaphaasichi mootummaan biyyattii lammiileesaa akka gargaaruu qabu akka himan abdii qabna. Hedduu dararamneerra, qarrqaarsa feena,'' jechuun AFPtti himan.

Kiristaanonni Iraaq keessaa eenyu?

  • Uummanni biyya yeroo ammaa Iraaq jedhamtu keessa jiraatan Kiristaanummaa kan fudhatan jaarraa 1ffaa keessa
  • Akka ragaa Ministeera hajaa alaa Ameerikaatti, Iraaq keessa Kiristaanota 250,000 gadi tahantu jira. Kana keessaa garri caalu - 200,000 kan tahan lafa 'Nineveh Plain' fi Naannoo Kurdistaan keessa jiraatu. Kunis kaaba biyyattiitti argama.
  • Kana keessaa %67 kan tahan Kaatolikoota Chaldean jedhaman oggaa tahan, aadaafi sirna waaqeffannaa ofii kan qaban tahus, aangoo phaaphaasii Roomaaf beekamtii kennu.
  • Kanneen %20 tahan ammoo hordoftoota Waldaa 'Assyrian Church of the East' kan jedhamaniifi Iraaqitti waldaa umuriin dheeraa jedhamuuti.
  • Kanneen hafan ammoo Ortodoksii Syriac, Kaatolikii Syriac, Armenian Apostolic, Angilikaanii, Ivaanjelikaalii fi Pirootestaantotadha.