Lola Tigraay: Manni maree nageenyaa UN waa'ee Itoophiyaa maal mari'ate?

Mana Maree Nageenyaa UN

Madda suuraa, AFP

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kora guyyaa kaleessaa [Kamisa Bitootessa 04] taa'een waa'ee Itoophiyaa mari'atee waliigalteerra osoo hin gahiin xumuruu AFP'n dippiloomaatota waabeffachuun gabaase.

Manni maree kun (UNSC) miseensa mana marichaa ta'an biyyoota 15 kan of keessaa qabu yoo ta'u, biyyoonni shan: Chaayinaa, Ameerikaa, Raashiyaa, UK fi Firaans miseensota dhaabbii mana marichaa yoo ta'an aangoo dhimma tokko ofii isaaniin kuffisuu (veto power) qabu.

Biyyootni kudhan hafan Istooniyaa, Indiyaa, Aayarlaandi, Keeniyaa, Meeksikoo, Nijeer, Noorweey, Seent Viinsent, Tuniiziyaa fi Veetnaam ammoo miseensota dhaabbii hin ta'iin waggoota lamaaf miseensummaa mana marichaa harkaa qabanidha.

Korri adda durummaan waa'ee Itoophiyaa mari'achuuf Kamisa taa'ame waamicha Aayarlaandi ka'umsa kan godhate yoo ta'u, ibsa waloo manni marichaa baasuuf ture irratti waliigalteerra hin gahamne akka gabaasni AFP mul'isutti.

Ibsi silaa manni marichaa baasuuf qopheesse birmadummaa Itoophiyaa haala hin dhiibneen, deeggarsi namoomaa hatattamaan akka godhamuu fi lolli naannoo Tigraay akka dhaabbatu kan gaafatu ture.

Haata'u malee, miseensota dhaabbii mana marichaa kan ta'an Raashiyaa fi Chaayinaan ibsichi 'dhimma keessoo biyya tokkoo jidduu seenuudha' jechuun mormuu isaanii AFP gabaaseera.

Miseensa dhaabbii kan hin taane Indiyaanis ibsa manni marichaa baasuuf ture mormiteetti.

AFP'n dippiloomaatota waabeffachuun akka gabaasetti biyyoonni Afrikaa sadan miseensa mana marichaa ta'an Keeniyaa, Nijeer fi Tuniiziyaan ibsa manni marichaa baasuuf ture deeggaranii jiru.

Koricha irratti maaltu jedhame?

Madda suuraa, UN

Ibsa waa'ee suuraa,

Maark Loowkook, qindeessaa deeggarsa hatattamaa UN

UN'tti qindeessaa deeggarsaa hatattamaa kan ta'an Maark Lowkook haala naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchisee miseensota mana marichaaf ibsa kennaniiru.

Dubbi himaan UN Isteefan Dujaarik akka jedhanitti, ibsi Maark Lowkook kennan deeggarsa namoomaa amma godhamaa jiruu fi sarbama mirgoota namoomaa naannicha keessatti raawwatamaa jira jedhamerratti kan fuulleffate ture.

Naannoo Tigraay keessatti uummanni miliyoona 4.5 ta'u deeggarsa namoomaa akka barbaadu, ammallee uummanni baadiyyaa keessa jiraatu deeggarsa akka hin argannee fi hanqinni nyaataa yaaddessaan akka jiru Maark Lowkook miseensota mana marichaaf himan.

Tigraay keessa rakkoon dhiyeessii bishaan dhugaatii fi eegumsa fayyaan wal qabatan waan jiraniif, yeroo kamuu weerarri dhukkubaa mudachuu akka malu dubbachuu isaaniis Isteefan Dujaarik maricha booda ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin beeksisaniiru.

Dhaabbilee fayyaa 205 naannicha keessa jiran keessaa tajaajila kennaa kan jiran dhibbeentaa 22 qofa ta'uu eeruun weerarri dhukkuboota bishaanirraa dhalatanii, gifiraa fi Covid-19 yaaddoo uumaa jiraachuus dubbataniiru jedhan.

Dabalataanis dhaabbileen deeggarsa namoomaa hojjettoota dabalataa erguun, tajaajilli telekoomii fi baankii akka deebi'u gochuuni fi deeggarsa namoomaa taasifamu haalaan ol guddisuun akka barbaachisu Maark Loowkok dubbataniiru jedhan.

Madda suuraa, Getty Images

Sarbama mirgaa naannicha keessatti raawwatamaa jiru ilaalchisee, ibsa hoggantuun komiishinii mirgoota namoomaa UN Misheel Bachelet kennan eeruun, qaamoleen lola naannichaa keessaa qooda qaban yakka waraanaa fi yakka namooma irratti raawwatamu raawwachuu akka hin oolle Maark Loowkook miseensota mana marichaaf ibsa kennan.

Keessaahuu loltoonni Eertiraa Tigraay keessa socho'aa jiraachuun isaanii ragaalee qabatamaan mirkanaa'eera kan jedhan Maark Lookwok, loltoonni kunneen yakkoota raawwataman waliin kan maqaan dhahamu ta'uus himaniiru.

"Loltoonni Eertiraa Itoophiyaa keessaa bahuu qabu. Badii raawwataa jiran akka itti fufan hayyamamuufi hin qabu," jedhan jechuun AFP gabaaseera.

Ibsa qondaala UN kanaa hordofuunis manni marichaa deeggarsa namoomaa hatattamaa taasifamu fi lolli akka dhaabbatu ibsa baasuuf kan ture yoo ta'u osoo irratti walii hin galamiin xumurameera.

Maricha booda miidiyaaleef ibsa kan kennan dura teessuun mana marichaa kan baatii Bitooteessaa kan taate Ameerikaan addatti ibsa kenniteetti.

UN'tti ambaasaaddara Ameerikaa kan ta'an Lindaa Toomaas Giriin-fiildi ibsa kennaniin, haala deeggarsa namoomaa fi sarbama mirgaa Tigraay keessa jiruun Ameerikaan daran yaadda'uu himan.

Garee deeggarsi namoomaa Ameerikaan naannicha keessatti godhaa jirtu akka ol guddatu taasisu garas erguus himan.

Manni marichaa kora kana kan taa'e komiishiniin mirgoota namoomaa UN, Tigraay keessatti yakki waraanaa raawwatamu hin oolle jedhan akka qoratamu gaafachuun booda.

Ibsa hoggantuun komiishinichaa Misheel Bachelet baasan hordofuun barreessaa Olaanaan UN Antooniyoo Gutereez ibsicha akka deeggaran himanii, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa hatattamaan akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.

Biyyoota miseensa UNSC keessaa mursaan kan jedhan

Miseensonni Mana Marichaa 15 hunduu kan dubbatan yommuu ta'u, hunduma isaanii haala jechuun danda'amuun yaaddoo gargaarsa namoomaa jirurratti qabaachuun yaada walfakkaataa akka qaban maddeen BBCf mirkaneessaniiru.

Dhimmi Itoophiyaa kun UNSC irratti akka ajandaa dhimmoota dhibii kamiiyyu (AoB) jedhu jalatti kan gaggeeffame yommuu ta'u, Ameerikaan garuu dhimmicha akka dhimmoota dhibiitti ilaalamuu jalaa bahee akka ajandaa idilee UNSCtti ilaalamuu qaba jechuushee maddeen BBCf mirkaneessaniiru.

Biyyoonni Afrikaarraa miseensa Mana Marichaa ta'an: Keeniyaa, Tuniiziyaafi Niijer, akkasumas Viinsentiifi Gireenaadiins carraaqqii mootummaa Itoophiyaa gargaarsa dhiyeessuuf taasisaa jiruufi adeemsa yakka raawwataman ittiin qoratamuun danda'amu mijeessuuf taasisaa jiru gaariidha jedhaniiru.

Firaans ammoo haalli Tigiraay keessa jiru yaaddoo qaxanaa sana qofa osoo hin taane dhimma nagaafi tasgabbii addunyaa waan ta'eef , UNSC furmaata ta'uu barbaaduurratti gahee isaa bahachuu qaba jechuushee Maddeen kun addeessaniiru.

Yunaayitid Kindom (UK) gamasheetiin furmaanni siyaasaa dhibuun akka muddamni kun dabalu taasiseera jechuun, Manni Marichaa rakkoo kana dhaabsisuudhaaf gahee isaa bahachuu qaba jette.