Qisaasama nyaataa: Sooranni toonii miliyoona 900 caalu waggaatti gatamuu qorannon mul'ise

Madda suuraa, Getty Images
Sooratni toonii miliyoona 900 caalu waggaa waggaan qisaasamuu gabaasni sadarkaa idiladdunyaatti bahe mul'ise.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Sagantaan Kunuunsa Naannoo akka jedhutti, soorata fayyadamtootaaf dukkaana keessa, mana nyaataa fi mana jireenyaa keessatti argamu keessaa %17 kallattiin kuusaa balfaa keessa bu'a jedhe.
Kana keessaa harki 60 mana keessaa gatama.
Uggurri sochii weerara vaayirasichaa hordofee labsame dhiibbaa hin eegamne uumes qaba - manneen UK keessatti qisaasamuun nyaataa hir'ateera.
Madda suuraa, Chris Terry
TVrratti qophii nyaata bilcheessuu dhyeessuun kan beekamtu Nadiyaa Huseen, duula qisaasama nyaataatti makamteetti
Dhaabni Gargaarsaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii wajjin gabaasa kana hojjete Wrap akka jedhetti, namoonni soorataaf kan bitataniifi haala sooratasaanii yeroo biraa caalaa itti yaadanii karoorsan jedha. .
Tattaaffii kana cimsuuf jecha namoota soorata qopheessuun beekamoo ta’an barsiifata soorata kushinaa keessatti qisaasessuu akka xiqqaatu kakaasuutti dabalamaniiru.
‘Soorata konkolaataa miliyoona 23 ta’u’
Gabaasichi rakkoon addunyaa ’''kan duraan tilmaamame caalaa guddaa ta’uusa agarsiisa’’ jedhe Dhabbaata Gargaarsaa Wrap irraa Richaard Iswannil BBC tti wayita dubbatetti.
‘’Sooranni toonii miliyoona 900 fi miliyoona 23 waggaa waggaan gatamu konkolaataa fe’iisaa miliyoona 23 guuta. Konkolaatonni kun walitti maxxananii otoo dhaabatanii addunyaatti si’a torba naanna'u.''
Dhimmi qisaasama soorataa kun kana dura biyyoota dureeyyiitti addatti akka mul’atu ilaalama ture.
Garuu qorannoon kun qisaasama nyaataa ''guddaa tahe'' iddoo hundattuu argadheera jedha.
Madda suuraa, GETTY IMAGES
Soorata toonii hedduu waggaa waggaan gatama
Rakkinichi biyyoota guddatanii fi guddataa jiranitti keessatti hangam guddatu qorannoon agarsiisurratti garuu hanqinni jira.
Gabaasichi fakkeenyaaf soorata beekaa gatamuu fi otoo hin jaalatiin dirqamuun gatamuu adda hin baasne.
‘’Dhimmicha biyyoota galii xiqqaa qaban keessatti maal akka fakkaatu gadi fageessinee hin qoranne, sababni isaammoo dhiyeessii annisaa hanqachuurra kan ka’e bakka kuusaa amansiisaa hin qaban,’’ jechuun UNrraa Martina Otto BBCtti himte.
Odeeffannoon soorata gatamu keessaa kan sooratamu maluu fi hin sooratamne adda baasuun biyyoota galii guddaa qaban keessatti qofa hojiirra oole.
Aadde Ottoon biyyoota guddataa jiran keessatti sooranni gatamu irra hedduun kan soorachuun hin danda’amnedhe jetti.
Yaa’ii dhimma qilleensa baramaa fi heddummina lubbu-qabeeyyii bara kana taa’amuuf jirurratti Daarektarri UNEP Inger Andersan, biyyoonni soorata gatuu bara 2030tti akka xiqqeessan hubachiisuuf akka jiranitu eegama.
''Jijjirama qillleensa baramaa, uumamaa, heddummina lubbu qabeeyyii badiirraa hambisuu fi faalama naannoo xiqqeessuuf mootummaa fi lammileeen addunyaarra jiraatan marti soorata gatamu xiqqeessurratti qoodasaanii gumaachuu qabu,'' jetti.
Richaard Iswannel ‘’sooranni gatamu gaazii qilleensa faalu 8-10% dabala, sooranni gatamu otoo biyya ta’ee, addunyaarratti biyya hedduu dachee keenya faalu isa sadaffaa ta’a.''
Qorannoon Wrap akka agarsiisutti, soorata bitamu karoorsuu, ofeeggannoon kuusuun yeroo uggurri sochii, namoonni soorata gatuu akka 22% hir’isan gargaare.
Uggurri sochii laafuu hordofee garuu hammi soorata gatamuu akka deebi’ee dabalu qorannoo kun ibseera.
Soorata gatuu xiqqeessuuf namoonni soorata bilcheessuun beekamtii horatan duula kushinaa keessatti soorata qisaasessuu xiqqeessuu jajjabeessutti makamaniiru.
Lammiin Biritishi soorata akkatti bilcheeffamu TV dhiyeessuun beekamtu Naadiyaa Huseen, Wrap wajjin dhimma kanarratti hojjataa jirti.
Otoo sooranni toonii miliyoona hedduun gatamu garuu namoonni miliyoona 600 fi miliyoona 90 bara 2019 beelaan hubamaa turan. Weerarri dhibee akka eegaleen lakkoofsichi akka ol dabaletu tilmaame.