Horro Guduruu: Aanaa Abee Dongorootti namoonni 22 akkamiin ajjeefaman?

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo Ganda Dabbis jedhamtu keessatti haleellaa Sanbata darbe qaamoleen hidhatan raawwataniin namootni 22 ajjeefamuu fi namootni 21 ta'an ammoo ukkaamsamanii fudhatamuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Gandi haleellaan itti raawwatame kun daangaa gammoojjii Wubeetti kan argamuu fi lafa bosonaan marfame yoo ta'u irra jireessaan saboota Amaaraatu keessa jiraatu.
Jiraataan nageenyasaaf jecha maqaansaa akka eeramu hin feene tokko haala ture akkanaan dubbata.
''Gaafa Sanbataa darbe sa'atii ja'a irraa eegalanii saba Amaaraa irratti haleellaa raawwachuu eegalan. Jalqabuma wayita hawaasatti seenan nama 17 ajjeesan, ergasii kanneen humna hin qabne daa'imman, jaarrolee fi dubartoota hoosisan namoota 21 ammoo butanii deeman,'' jedha.
Naannoo sanarra humni addaa akka hin turre kan himu jiraataan kun wayita humni addaa dhufanis dhukaasa irratti banuun rasaasaan rukutan jedha.
''Humna addaa osoo isaan dhufaa jiranii fageenyarratti waan haleelaniif isaan madoo fuudhanii of duuba deebi'an.
"Kanarraa kan ka'e reeffallee kaasuu hin dandeenye. Isa Sambata ajjeefaman reeffi isaanii Wiixata naannoo sa'atii 12tti kaafame. Kanaafuu naannoo kanatti namni nuuf qaqqabe hin jiru. Namni meeqa akka hafee fi warri butaman akkam ta'an ammallee hin barre.''
Jiraataan kan biraan ganda kanaa namoonni sabaan Amaara ta'an 22 ajjeefamanii kaan ammoo qe'eerraa baqataniiru jechuun BBC'tti himeera.
''Hidhattoonni kunneen bakka biraadhaa kan dhufaniidha. Jiraattota naannoo miti. Shanee warra jedhamaniidha," jedha jiraataan kun.
Dhimma kanarratti kan gaafanne Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqalaa Dachaasaa humnoonni isaan shanee ittiin jedhan qama abbaa torbee jedhamee of waamu waliin qindoomina uumuun uummata nagaa, caasaa mootummaa fi qaamolee nageenyaa ukkaamsaa fi ajjeesaa kan turedha jedhan.
Haleellaan Sambata darbe ALI gaafa 27 raawwates qaama gochaa garee kanaati jedhan Obbo Baqqalaan.
''Gaafa 27 godina keenya Aanaa Abee Dongoroo ganda Dabbis jedhamtu kan daangaa bosonaan marfamerratti argamtutti uummatarraa bilbila guuranii ajjeechaa raawwatan.
Naannoo sana saba Amaaraatu baay'inaan jiraatu. Guyyaa sana saba kana walitti qabanii haala suukanneessaadhaan namoota 22 ajjeesan'' jedhu.
Hidhattoota haleellaa raawwatan kunneen keessaa amma dura qaamoleen nageenyaa mootummaa namoota 52 ajjeesanii namoota 28 caalan ammoo to'achuu himu Obbo Baqqalaan.
''Aarii sana waan qabaniif humna dabalataa godina Wallaggaa bahaa irraa fudhatanii dhufanii haleellaa kana raawwatan,'' jedhu.
Hidhattoonni kunneen guyyaa sana humnoonni nageenyaa mootummaa dirqama hojiif naannoo sanarraa gara biraa wayita geeffaman haala isaaniif mijatetti fayyadamanii haleellaa raawwatan jedhan.
''Haleellaa raawwate dhagahuun humnoonni nageenyaa wayita deebi'anii dhufanis dhukaasa irratti banuun miseensota poolisii Oromiyaa keessaa nama rukutaniiru.
Isa booda humni nageenyaa dabalataa ramadamee nageenya uummataa eeguu itti fufe. Humni nageenyaa yoggasuma bakka sanatti argamuun reeffa namootaa kaaseera,'' jedhu.
Sababa haleellaa mudatee kanaan hawaasi qe'eerraa buqqa'e akka hin jirree fi yeroo ammaa qaamni nageenya eegsisu dabalamuun tasgabbiin naannawa sanatti deebi'ee jiraachuus himan Obbo Baqqalaan.
Hidhattoonni haleellaa raawwatan kunneen namoota hojiirra jiran dagachiisuun namoota humna hin qabne kanneen akka daa'immanii fi dubartootaa heddumminaan ajjeesan kan jedhan Obbo Baqqalaan, kanneen yerosiif ukkaamfamanii fudhatamanii turanis hunduu harkaa baafamaniiru jedhan.
Naannoo Oromiyaa godinaalee Lixaa fi Kibbaa keessatti oduun ajjeechaa namoota nagaa irratti rawwatamu irra deddeebiin dhagaahama.
Mootummaan ajjeechaalee kanneeniif 'Waraana Bilisummaa Oromoo' kan 'ABO-Shanee' jedhee waamu gaafatama taasisa.
Ajajoonni waraanaa 'Waraana Bilisummaa Oromoo' ibsa yeroo gara garaa miidiyaaleef kennaniin ajjeechaa namoota nagaa keessaa harka qabaachuu ni waakkatu.