Daldalaa koopperii $36m bitee bakka isaa dhagaa halluu dibame argate

Madda suuraa, Getty Images
Daldalaan jijjiirraa meeshaalee ganna darbe koopperii ykn sibiilaa doolara miiliyoona 36 ta’u daldalaa Tarkii irraa isa bite osoo hin taane dhagaa halluu dibame argate.
Dhabbatti Jenevaa jiru Mercuria Energy Group jedhamu erga koopperii toonii 10,000 ta’u bitee booda miidhamaa gowwomsa kaargoo ta’uu isaa ibse.
Yeroo kargoon kun Chaayinaa ga’e, konteenara keessa kan ture koopperii osoo hin taane dhagaa halluu dibaman ture.
Wanti hin baramne kun kan uumame utuu eegumsii fi to’annoon qorannoo utuu jiruu ture.
Bara darbe Mercurian koopperii boca uumamaan jiru bitee akka Chaayinaatti ergamu gochuuf walii galee. Koopperiin toonii 600 ta’u achitti ergamuuf konteenaroota 300 ol ta’anitti dooniwwan saddeet irratti fe’ame.
Ta’us garuu imalaa isaa buufata doonii Istaanbul irraa utuu hin eegaliin, koopperiin kun dhagaa haalluu isa fakkatuun dibameen geeddarame.
Dhabbilee daldala bobo’aa gurguddoo shaman keessa tokko kan ta’e Mercurian, amma dhabbata kooppareecha dhiyeesse Bietsan Bakir irratti maneen murti Tarkii fi UK keessa jiranitti himata baneera.
Gowwomsaa koppeerii kanaan wal qabate poolisiin Tarkii namoota hedduu to’annaa jala olcheera.
Jalqabarratti utuu dhabbata to’annoon hin ilaalamiin dura koopparichi konteenaroota jalqabaa irratti kan fe’amee ture fakkaata.
Seals used to prevent fraud were fixed to the containers. Gowwoomsa ittisuuf mallattoowwan konteenaricha irra ka’amaniiru.
Ta’us garuu yeroo koontenarichii banamu kan argame koopparii osoo hin taane dhagaa halluu dibame ta’uu dhabbata seeraa Istaabul eeruun KYB gabaaseera.
Akka hin qabamneef jecha namootni yakka kana raawwatan mallatoo konteenaricha irra ture isa sirri isa sobaatti geeddarani.
Mercuia’n koopperii kanaaf doolara miiliyoona 36 kaffale.
Gowwomsi kun raawwachuu isaa hanga dooniiwwan kun ji’a darbe buufata doonii Chaayinaa Lianyungang ga’uu eegalanitti hin baramne ture.
“Dhaabbati biittaa taasise dhaabbata gurguurtaa taasisee fi lama biroo irratti qorannoon yakkaa akka gaggeefamuuf gaafateera,” jechuun poolisiin Tarkii ibseera.
“Gochi kun bu’aa yakka gowwomsaa qindoomnaan gaggeefamee ta’uu isaa barameera.”
Utuu wanti ajajame hin qaqqabneetii daldalaan kun inshuurasii kaargoo argachuuf gaafatachuu danda’a.
Ta’us garuu kaargoo kanaaf inshuraansii kennuuf kontiraatota torba dhabbatii Tarkii fayyadame keessa tokko qofaatu isa dhugaadha. Kan hafan hundi sobaan kan qophaa’an turani.
Dhaabbati Tarkii koopparii kana Mercuria’tti gurgure Bietsan Bakir dhimma kanaratti yaada akka kennuuf gaaffii Reuters irraa dhiyaateef deebii hin kennine. Torban kan keessa himata kanarratti dhaddachii dabalataa ni gaggeefama jedhamee yaadama.