Korri sabaa ABO 'falmisiisaan' hayyuu duree haaraa filate, heeras fooyyesse

Hayyuu Duree fi Itti aanaa hayyuu duree ABO

Madda suuraa, ABO

Dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo keessatti waldhibdee hooggansa gidduutti dhalate hordofee gartuu lama uumamee jiru keessaa tokko Sanbata xiqqaa darbe Kora sabaa yaamee hayyuu dureefi itti-aantota hayyu duree lama filatee, heera dhaabichaas fooyyessuun goolabuu ibse.

Bara 2019'tti dubbii himaa dhaabichaa ta'uun kan filataman Obbo Qajeelaa Mardaasaa BBCtti akka himanitti korri sabaa waajira muummee dhaabichaa Gullalleetti gaggeefame ''adeemsa dhaabaa guutee kan raawwatameefi milkiin kan xumurameedha''.

ABOn hooggansa hayyuu duree dhaabichaa Obbo Dawuud Ibsaan bulu gama isaan ibsa Sanbata xiqqaa baaseen ''qaamni dhaaba irraa cabsate seera Kora Sabaa, heeraafi Dambiiwwan keessaa Dhaabichaa akkasumas Seera Galmeessa Boordii Filannoo Itiyoophiyaa Lakkoobsa A1162/2019 cabsee kana adeemsisuuf bu'uura seeraa ykn aangoo heeraa kamuu hin qabu,'' jedhe.

Korri sabaa waamameefi murteen dabarfamees seeraan ala jechuun ibseera.

Garee hayyu duree itti aanaa Obbo Araarsoo Biqilaatiinis dhaaba kana diiguuf dhaaba biyya bulchu waliin hojjechaa jiru jedha, hojii dhaabaa irraas hanga korrii gaggeefamutti ittiseera jechuun beeksisee ture.

Obbo Qajeelaan ''korri kuniifi murteen darbe dhibbaan dhibbatti murtee ABOti jedhamee fudhatamuu danda'a, Koramii guuteera, Mijuu guuteera'' jedhan.

Hooggansa Adda Bilisummaa Oromoo keessatti waldhibdeen ji'oota dura dhalate furmaata dhabee jennaan Boordiin Filannoo gidduu galuun furuuf yaalaa ture.

Murtee ijjibaataa dabarseenis Korrii sabaa gartuulee lamaaniinuu qophaaye waamamee rakkoo hoggansaa keessa jiru dabalatee dhimmoonni keessoo akka furaman gaafatee ture.

Kun kanaan osoo jiru Hooggansiifi miseensonnii isaa hedduun hidhamuufi waajiraaleen isaa hedduun cufamuurraa kana ka'e filannoo biyyaalessaarratti akka hin hirmaanne dirqamuu ABO torbee darbe ibsa baaseen beeksise.

Gartuun hooggansaa Sanbata Xiqqaa darbe kora yaame ammoo murteen filannoo keessaa bahuu isaaniin kan hin hirmaachifne fi ''murtee sirrii hin taane'' jechuun ibseera.

''Hayyuu dureefi ittaantota hayyu dure lama filanne''

Gartuun hooggansa ABO kan itti aanaa hayyuu duree Obbo Araarsoo Biqilaa, dubbii himaa dhaabichaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa fi miseensota gumii sabaa biroo of keessaa qabu hayyuu duree dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaafi kanneen hooggansa isaanii jala jiran biroon osoo hin argamiin ture Sanbata darbe kan Kora Sabaa yaame.

Kayyoon Kora sabaa kanaa ''hanqinoota korri sabaa akkuma biyya galleen gaggeefame osoo hin guutiin hafe kan akka ulaagaa paartileen biyya kanaa guutachuu qaban guutuu, deemsa keessa ABO keessatti rakkoo dhalate furuu'' fi kaaniis akka jiran Obbo Qajeelan himaniiru.

ABO filannoo biyyaalessaa keessaa bahuun murtee sirrii hin taane jireenya Jaarmiyaa kanaan yaaddoo keessa kan galchu waan ta'eef kora kana gaggeessuun ''Boordiin Filannoo yeroo galmee nuu dheeressee bakka murtaahettillee kaadhimamaa dhiyeessinee filannoo keessatti hirmaachuu akka dandeenyu barbaachisaadha turee,'' jedhan.

Ajandaawwan korichaa keessaa inni tokko hoggana haaraa filachuu akka ture kan himan Obbo Qajeelaan bu'uuruma kanaan hayyu duree itti-aanaa kan turan Obbo Araarsoo Biqilaa hayyu duree gochuun filachuufi itti -antota hayyu duree lama filachuu dubbatan.

Adeemsa kana dura ture jijjiiruun itti-aantootni hayyu duree tokkoffaafi lammaffaa jechuun filachuufi kan jalqabaa Obbo Qajeelaa Mardaasaa kan lammataa ammoo dargaggoo Birhaanuu Lammaa akka ta'anis ibsaniiru.

Kanaan dabalataan kora kanarratti heerri dhaabichaa tokko tokko foyyefamuu dubbatan.

Kanneen fooyyeffaman keessaa inni tokko korrii sabaa kanaan dura waggaa shan shaniin gaggeefamu akka qajeelfama Boordiin Filannoo kaaheen waggaa sadi sadiin akka gaggeefamu gochuudha.

Kan lammataa ammoo turtiin hoogganootaa marroo lamaa ol akka hin dabarre gochuudha.

''Heera haaraa wixineen isaa qophaayee sagalee guutuun darbe hayyu dureefi itti-aanaa hayyu dureen marroo lama kan caaluuf akka hin filatamne dhorka.''

Kora kanarratti jalqaba miseensota gumii sabaa filachuufi sana boodas hayyuu dureefi Itti-aantota hayyuu duree achiis miseensota gumii shanii filachuus himaniiru.

''Wanni haaraan goone Koree hoji raawwachiiftuu keessatti dubartootni lama filatamanuudha. miseensotuma dhaaba godaati ol dhufan'' jedhan.

Bakka buutonni Boordii Filannoo argamaniiruu?

Korri kun gaggeefamee rakkoon keessoo dhaabichaa akka furamu gaafachaa kan ture Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bakka buutota lama ergee adeemsa kora kanaa hordofaa akka ture Obbo Qajeelaan himaniiru.

''Bakka buutonni kun korrii kun mijuu guutuu, sirna filannoo hooggansaa hordofanii, hanga halkan sa'aa 8 sagaleen lakkaawamee dhumutti argamanii warra filame mirkaneeffatanii deemani,'' jedhu Obbo Qajeelaan.

Boordichi dhugumatti adeemsa kora kanaa horofaa kan turuufi hubannaa irra gahe ilaalchisee yaada akka nuu kennu dubbii himtuu Boordichaa Sooliyaanaa Shimalisitti bilbillee argachuu hin dandeenye.

Hayyu duree ABO Daawud Ibsaafi kanneen hooggana isaanii jala jiran korri kun akka gaggeefamu irra deddeebbiin gaaffii dhiyeessaa turre kufaa godhanii kan jedhan Obbo Qajeelaan, korrii Sanbata darbees akka hin milkoofne hedduu yaaluufi dorsifamuu isaaniillee himatan.

Hooggana Obbo Daawud jalatti dubbii himaa dhaabichaa kan ta'an bbo Battee Urgeessaa torbee darbe waayee filannoon ala ta'uu irratti yoo dubbatan waajira muummee Gulallee jiru humnoonni nageenyaa marsanii eegaa jiru jedhanii ture.

Obbo Qajeelaatiin akkamiin waajira Gullallee seenuu akka danda'an yoo gaafannu hojiin idilee qabbanaa'e ture malee kana duras waajira seenaa turree jedhan.

''Walgahii qofaaf miti duraanis hinuma dhaqna. Hojiitu qabbanaa'aa, waldhabdeetu ture. Walitti bu'iinsis yaalamee ture. Kanaaf eegumsatu jira malee qaama nageenyaan to'atamee ture kan jedhu jecha sirrii miti.''

ABO'n hooggana Obbo Daawud jala jiru garuu ibsa baaseen ''Komishiniin Poolisii Finfinnee gareen Dhaaba irraa cabsate kun waajjira keenya keessatti beekkamtiifi hayyama Hayyu Duree Dhaabaan ala fi tartiiba Gumiin Sabaa itti Kora Gaggeessuu cabseefi Hoggana ABO humnaan waajjira keessaa baasuun hayyamuufii aangoo seeraa tasa hin qabu ture,'' jechuun Poolisii Finfinnee komateera.