Lola Tigraay, Itoophiyaa: 'Dhaabbilee fayyaa Tigraayitti xiyeeffatamee haleellaan raawwate' - MSF

Keessoo Hospitaalaa Salaklaakaa

Madda suuraa, MSF staff

Naannoo Tigraayiitti ta'e jedhamee dhaabbilee fayyaa irratti haleellaan raawwateera, akkasumas saamamaniiru jedhe gareewwan dhaabbailee wallaansa Addunyaa Mediisin Saan Firoontiyers/Doktors wiizawut Boorders (MSF) jedhamu.

Akka ibsa gareewwan kun har'a baaseetti, dhaabbileen fayyaa 106 garee MSFtiin wallakkeessa Muddee hanga Bitootessa jalqabaatti daawwataman keessaa 70%'tti kan siqu saamamanii parsantaa 30 ol kan ta'an ammoo barbaadaa'aniiru; 13% qofatu sirriitti hojjechaa jira.

Qondaaltonni Itoophiyaa himannaa garee MSF'f kallattiin deebii kennuu dhabanis, torban darbe Minsiteerri Nagaa biyyattii hispitaalonni 75% Tigraay keessa jiran tajaajila kennaa akka jiran, kan 10% ta'an immoo guutuus ta'u baatu tajaajila hamma tokko kennaa jiru jedhe.

Guutummaa Tigiraay keessatti, saamichi dhaabbileen fayyaa itti fufee jira akka gareewwan MSF jedhanitti.

Qondaaltonni Itoopiyaa dhaabbileen fayyaa gara caalu hojii eegaluu isaanii ibsaniiru.

Saamichi tokko tokko akka carraa kan taasifaman yoo ta'u, bakka baayyeetti garuu dhaabbileen fayyaa akka tajaajila hin kenninee taasisuuf ta'e jedhamee kan mancaafamanidha jedha ibsichi.

Buufataaleen fayyaa kan akka Dabre Abbay fi Maay Kuhlii kan Kaaba Lixaa keessa jiran, meeshaaleen keessa jiran barbadaa'anii karriifi foddaawwan isaanii caccabanii, akkasumas faayiloonni dhukkubsattootaa lafarratti bittinfamee akka jiru gareen kun argu hime.

''Giddu-galeessa Tigiraay kan jiru hospitaala Aduwaa keessattis, meeshaan wallaansa fayyaa maashina altiraasaawondiifi hordoffii dabalatee ta'e jedhamee itti yaadamee caccabsameera.

''Naannoodhuma kanatti dhaabbanni fayyaa Sememaa osoo hin gubatiin dura loltootan si'a lama saamameera. Buufanni fayyaa Sebeyyaa ammoo rookeetiidhaan rukkutamee kutaan da'umsaa isaa barbadaa'eera,'' jedhe dhaabbatichi.

'Hospitaalonni loltootaan qabamaniiru'

Hospitaalota gareen MSF daawwatan shan keessaa tokko loltootaan qabamanii arganiiru. Bakka tokko tokkotti taateen kun yeroodhaaf yommuu ta'u, bakka kaanitti ammoo hidhattoonni akkuma qabatanii jiranitti jiru.

Baha Tigiraay Mugulaat keessatti kan argamu keessatti loltoonni Ertiraa dhaabbata fayyaa akka buufata isaaniitti itti fayyadamaa jiru ammallee jedheera.

Hospitaalli Abiy Adii giddu-galeessa Tigiraay keessatti argamu, kan ummata miliyona walakkaa tajaajilu, hanga Bitootessa jalqabaatti loltoota Itoophiyaatiin qabamee tureera.

"Loltoonni kunneen hospitaala Abiy Adii akka buufata waraanaatti fayyadamuun loltoota isaanii madaa'an itti dandamachiifatu," jedhan qindeessaan yeroo atattamaa MSF Katee Noolaan. "Yeroo sanatti uummata ballaatiif banaa miti."

'Ambulaansonni fudhatamuu'

Ambulaansiin gareewwan hidhataniin waan fudhatamaniif Tigiraay keessatti yeroo ammaa dhaabbilee fayyaa muraasatu hojiirra jira kan kan jedhe garichi, baha Tigiraayitti kan argamu naannoofi keessoo magaalaa Adigiraatitti, fakkeenyaaf ambulaansonni 20 ta'an hospitaalaafi buufataaleen fayyaa dhiyoo jiran jalaa fudhatamu hime.

Boodarra, gareen MSF konkolaatonni kunneen osoo isaan loltootaan qarqara daangaa Ertiraattti meeshaa deddeebisuun tajaajilanii arganiiru.

Sababa kanaan, sirni rifeerii erguu Tigiraay keessatti dhukkubsataa geejjibaan geessan hin jiru jechuun ni danda'ama jedhe dhaabbatichi.

Dhukkubsattoonni karaa dheeraa deemu, yeroo tokko tokko tajaajilawwan fayyaa bu'uuraa argachuuf guyyootaaf deemu. Dhaabbileen fayyaaan hedduun hojjetoota hafan muraasa qabu ykn ammoo ciraayyu hin qaban.

Gariin isaanii sodaadhaaf baqatan; kaan ammoo ji'ootaaf waan miindaan hin kaffalamneef hojii gala hin jiran jechuun ibse.

Dhiibbaa hamaa ummatarratti qaba

"Haleellaawwan dhaabbileen fayyaa Tigiraay irratti taasifaman dhiibbaa hamaa ummatarratti qabaatu," jedhan Daarektarri Ol-aanaa MSF Oliiver Behan.

"Yeroo waraanaa keessatti dhaabbileen fayyaafi hojjetoonni fayyaa eegumsi taasifamuufiif qaba, akka seera namoomaa idil-addunyaatti.''

Kun Tigiraay keessatti ifatti ta'aa hin jiru jechuun ibsan.

"Sadaasa 2020 keessa osoo lolli hin jalqabamiin dura, Tigiraay sirna fayyaa Itoophiyaa keessaa hunda caalaa ta'e qaba ture. Kellaawwan gandoota keessatti buufataaleen fayyaafi hospitaalota magaalota keessatti akkasumas sirna rifeeraala ambulaansiitiin dhukkubsataa hospitaalatti dabarsan hojiirra jiru qabu ture.

''Sirna fayyaa haala guutummaan guutuutti jechuun danda'amuun naannichatti diigameera,'' jedha ibsi kun.

''Kanaafuu, dubartoonni baayyeenis bakka qulqullina hin qabne kampiiwwan jijjiiraman keessatti da'aa jiru. Ji'oota afran darban keessa, dubartoonni ulfaa muraasni kunuunsa da'umsa duraafi da'umsa boodaa fudhataniiru.

''Daa'immanis osoo hin talaalamiin hafaniiru, kun ammoo gara fuula duraatti yaaddoo dhukkubni daddarbaa dhufuu mala jedhullee kaasaa jira.''

Kanaafuu "Hanga danda'ametti sirni fayyaa bakka isaatti deebifamuu qaba," jedhan Behan.

''Hunda caalaa ammoo, gareen hidhatanii lola kana keessa socho'an hunduu dhaabbileen fayyaafi hojjetoota fayyaaf eegumsa taasisuun isaanirra jiraata."

Ka'umsa isaa

Waldhabdee motummaa federaalaafi humnootii TPLF jidduutti umammeen walqabatee, erga haleellaan buufata waraana biyyaaleessaa kan naannoo Tigraay keessa buufate irratti humnootii TPLFn raawwatameen hordofuun lolli naannichatti Sadaasa 04, 2020 eegale.

Kanaan walqabatees dhaabbilee fayyaa dabalatee bu'uraalee misoomaa hedduun lolichaan miidhamu barameera.

Kanaafuu namoonni sababii lolaatiin miidhaman dabalatee kanneen dhibeewwan adda addaatiif wallaansa barbaadan hanqina qorichaafi tajaajila wallaansa fayyaatiif saaxilamu dhaabbilee fayyaarraa hojjatan yeroo garaa garaatti ibsaa turan.