Naannoo Amaaraatti balaa konkolaataa qaqqabeen namoonni 30 du'an

Asuziin balaan irra qaqabe

Madda suuraa, MOTTA CITY COMMUNICATION

Balaa konkolaataa Naannoo Amaaraa godina Gojjama Bahaatti Wiixata harraa ganama qaqqabeen namoonni 30 du'usaanii poolisiin naannichaa BBC'f mirkanneesseera.

Balaan kunis godinichatti aanaa Hulatti Ijju Innasee bakka Buhaach jedhamuun beekamuutti akka ta'e Komaandarri Ittaanaa Waajjira Poolisii aanichaa Ayichiluhim Daamxee BBCtti himeera.

Balaan badiinsa lubbuu namoota 30'f sababa ta'e kunis kan qaqqabe, atoobisiin Waaliyaa imaltoota qabatee magaalaa Dabra Taaboorii ka'uun gara Finfineetti imalaa tureefi Ayisuzuun namoota fe'atee Ginda Wayin irraa gara Mooxaatti imalaa ture walitti bu'usaanittiin jedhameera.

Balaan kunis Wiixata harraa ganama sa'aatii 12:30 irratti qaqqabuu isaa ittigaafatamaan poolisii kun BBCtti himeera.Konkolaataawwan walitti bu'an kunneenis faallaa sarara daandii irra imaluu qaban qabatanii kan turan ta'uun kan ibsame yoo ta'u, balaa qaqqabeen booda konkolaataan Ayisuzuu daandiin alatti konkolaachuun allayyaa meetira 150 keessatti dhidhiimuun himameera.

Qondaalli kuni ganama yeroo nutti dubbatan namoota balaa kanaan du'an 27 keessaa 23 kan ta'n isaan konkolaataa ummataa ayisuuziicha keessa turan yoo ta'an, kanneen sadii ammoo namoota balaa kanaaf deggarsa taasisuuf konkolaataa baajaajitiin saffiisaan imalaa turan gargaluun kan du'an jedhameera.

Namni tokko ammoo imaltoota atoobusii qaxxaamura biyyaa keessa turan akka ta'an barameera.

Namoota balaa kanaan lubbusaanii dhabaniin alattis namoota jaha irra balaan qaamaa cimaan qaqqabuun wallaansaaf gara Baahir Daariitti ergamusaanii kan himan Ittaanaan Komaandaraa Ayichiluhim, namoonni 17 kan biraa ammoo hospitaala Mooxaatti wallaansa argataa jiru jedhera.

Balaan kun kan qaqabees konkolaachitoonni konkolaataa lamaanuu lafa marsaa irratti saffiisaan konkolaachisaa waan turaniif ta'uu ittigaafatamaan kun BBCtti himeera.

Sababii balaa konkolaataa Itoophiyaatti qaqabaa jiruutiin lakkoofsi namoota du'aniifi miidhama qaamaatiif saaxilamanii waggaa waggaan dabalaa jiraachuu gabaasoonni bahan ni mul'isu.

Gabaasa Komishiniin Poolisii Federaalaa dhiheenya kana balaa konkolaataa ilaalchisee baaseen akka ibseetti, baatiiwwan jahan darban keessatti biyyattiitti balaawwan tiraafikaa 20,672 qaqqabaniiru.

Haaluma kanaanis bara darbe ALI baatii Hagayyaa 1 hanga Muddee 30, 2013tti balaawwan konkolaataa qaqabaniin namoonni 1,849 du'aniiru.

Namoota baatiiwwan jahana kanneen keessatti du'an kanneen alattis namoota 2,646 irra ammoo balaa cimaan, akkasumas namoota 2,565 irra ammoo balaa qaamaa salphaan qaqqabuusaa poolisiin Federaalaa beeksiiseera.